Denmaark yoo US Giriinlaand kan weerartu ta'e dirree xiyyaaraa achi jiru barbadeessuuf karoorfatte

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Loltoonni Denmaark Amajii keessa gara Giriinlaand geeffaman daandii buufata xiyyaaraa keessa jiru kan xiyyaarri yeroo ka'uufi qubatu irra kaatu barbadeessuuf qopha'aa turan.

Kana kan godhaniif ammoo sodaa Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp odola Arkitik kana weeraraan qabachuu danda'a jedhuun akka ta'e miidiyaan ummataa Denmaark DR himeera.

Maddeen mootummaa Denmaark fi waraana keessaa eeruun, akkasumas michoota biyyattii Awurooppaa gaafachuun DR loltoonni lola gidduutti yoo madaa'aniif jedhamee dhiyeessiin dhiigaas dhiyaateera jedhe.

Gaazexaan Faayinaanshiyaal Taayims akka jedhetti ammoo aanga'oonni Awurooppaa lama boodarra gabaasa kana mirkaneessaniiru.

Ministirri ittisaa Denmaark "dhimma kanarratti yaada hin qabu" jechuun BBCtti himeera.

Qondaalli waraanaa olaanaa Daanish, maqaan isaa hin eeramiin, "namoota muraasatu oppereeshinii nageenyaaf jecha fudhatamu kana quba qaba" jedheera.

US fi Denmaark, lachuu miseensa NATO yoo ta'an, dhimmi odola gariin of dandeessee of bulchituu, Giriinlaand, Waashingiten fi michootashee Awurrooppaa idduutti akka qoodamaniif sababa ta'eera.

Tiraamp bara bulchiinsa isaa lamaffaa kana keessa Giriinlaad fudhachuu akka barbaadu irra deeddeebiin dubbateera. Bulchaan Giriinlaand fi Denmaark ammoo fedhii odola kana fudhachuuf taasifamu irra deeddeebiin mormaa turaniiru.

DR gabaasa isaan maddeen mootummaa fi waraana Deenmaark ol'aanoo ta'an 12, akkasumas maddeen michoota Deenmaark Faransaay fi Jarmanii keessa jiran irratti hundaa'uu ibse.

Koppenhaagen Gamtaa Awurooppaa cimaa agarsiisuu fi sochii waraanaa waloo dabalataa Giriinlaanditti gaggeessuudhaan Tiraamp dura dhaabbachuuf Paaris fi Barliin, akkasumas saboota Noordii deeggarsa siyaasaa akka gaafatan miidiyaan kun himeera.

Garuu maddeen akka jedhanitti, haalli kun kan hammaate Guraandhala 3 humnoonni Ameerikaa Pirezidaantii Veenzuweelaa Niikoolaas Maaduroo magaalaa guddoo Karaakaas keessattierga to'annaa jala oolchaniiti.

Tiraamp "gara ji'a lama booda waa'ee Giriinlaand akka yaaddoo qabu" ibsa gaazexeessitootaaf kenneen, irra deebi'yee dubbateera. "Hhaala nageenya biyyaalessaa irraa kan ka'een Giriinlaandiin nu barbaachisa. Baay'ee [bakki kun] tarsiimoodha" jechuun "Yeroo ammaa kana Giriinlaandiin bakka hunda keessa dooniiwwan Raashiyaa fi Chaayinaatiin guuteera," jedhe.

Maddi nageenyaa olaanaa Denmark tokko DR'tti "Tiraamp irra deddeebiin Griinlaand akka fudhatu dubbachuun isaafi wanti Venezuweelaatti ta'e, akka nuti waan ta'uuf jiru hunda dhimmamnee hordofnu nu taasiseera," jedhe.

Aanga'aan Awurooppaa tokkos Faayinaanshiyaal Taayimsitti, "Venezuweelaatiin booda, isaan [Ameerikaan] bishaaniirra akka garaa keenyaa deemna jedhanii yaadu. Kanaaf, dhimma kanarratti yaaduu qabna, kun biyyadha," jedhe.

Isaan booda osooo hin turiin gareen waraanaa xiqqaan loltoota Deenmaark, Faransaay, Jarmanii, Noorweey fi Siwiidin of keessaa qabu gara magaalaa guddoo Giriinlaand Nuuk fi Kangerlussuaq bakka buufanni xiyyaaraa jirutti balali'e.

Yeroo sanatti pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon gareen jalqabaa ''qabeenya lafaa, qilleensaa fi galaanaa''tiin akka cimu dubbataniiru.

DR akka jedhetti, bobbaan hordoffii loltoota Deenmaark fi garee Faransaay naannoo qorraa fi gaarreen waraanaaf leenji'e of keessatti hammateera. Xiyyaaronni Deenmaark fi dooniin humna galaanaa Faransaay gara Kaaba Atlaantiik ergameera.

Bobbaan kun qaama shaakala waraanaa waloo Deenmaarkiin durfamu kan Operation Arctic Endurance jedhamuutti dhiyaate - sababni dhugaa garuu weerara Ameerikaa ta'uu danda'uuf qophaa'uu ture jedhan DR.

Murteen Deenmaark yoo Ameerikaan weerarte loltoonnishee akka lolan kan fudhatte yoo ta'u, loltoonni xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa akka achi hin qubanneef daandii balalii Nuuk fi Kangerlussuaq barbadeessuuf qophaa'aniiru jedha DR.