Injifannoon Dilbataa Siitii Arteettaarratti dhiibbaa akkamii uuma?
Madda suuraa, Getty Images
Morkii murteessaan Arsenaaliifi Maanchister Siitii Etihaaditti walitti fide injifannoo Siitii 2-1n goolabame.
Ammayyuu Arsenaal liigicha garaagartummaa qabxii sadiin dursa. Siitiin tapha walqixxeessituu harkaa qabu tokko Roobii galgala Barnileey waliin taphata.
Tapha sana mo'atee jennaan garaagartummaan qabxii Arsenaaliifi Siitii gidduu jiru garaagartummaa guyyoota 10 keessatti sagalirraa gara zeerootti gala. Amma garaagartummaan qabxii osoo hin taane garaagartummaa goolii lakkaa'uutti ceena.
Haala amma jiruun Arsenaal goolii 37 qaba. Siitiin ammoo goolii 36. Morkiin Barnilee waliin godhamu garaagartummaa goolii murteessuuffis ni gargaara.
Kana jechuun Arsenaal mo'atamuunsaa amma Siitiin waancaa nyaachuufi ta'a jechuu miti. Garuummoo gahee murteessaa qaba.
Ilaalchi Arsenaal ammas yeroo murteessaarra gahee qabxii gaggatuu eegale jedhu, muuxannoo Siitiin gara dhumaa jala gahee jabaata jedhu wajjin walitti dabalamee deeggartoota fi taphattoota Arsenaalitti yaaddoo dabalus Arsenaal ammallee hiree harkaa qaba.
Arteettaafi gareensaa amma wanti irratti qabsaa'uu qabu xiinsammuu isaaniiti. Yaada Arteettaa fi Arsenaal ''itti dhiyaatanii turen'' jedhudha.
Siitiin garaagartummaa qabxii Arsenaal waliin qabu xiqqeessuu hordofee gareen Arteettaa yeroo walitti aanu arfaffaaf liigicha lammaffaa ta'ee xumuruun dhukkubbii jabaa ta'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Shaampiyonsi Liigii Awurooppaan walakkaa xumuraa kan gahe Arsenaal, bara kana waancaa tokko injifachuun wacaa fi qeeqa gamaafi gamanaa dhagaahamuuf deebii kennuu qaba.
Ammas harkaa bahee waancaa malee hafa yoo ta'e hamaa ta'a. Arsenaaliifi Arteettaan waca gamaa gamanaa dhagaahamu, waca yoo waancaa dhaban mudachuu danda'uu fi isa ''yeroo mara miizeedha'' jedhu callisiisuu qabu.
Kana jechuun garuu dhimmi hegeree Arteettaa gaaffii keessa galuu qaba jechuu miti. Ammallee Piriimiyeer Liigii fi Shaampiyonsi Liigii mo'achuu danda'a. Garuummoo akka yaade yoo ta'uu baate ammas boodatti deebi'ee akkamiin waancaa guddaa injifachuu akka danda'u irratti hojjechuu qaba.
Taphataan duraanii Ingilaandiifi Liiverpuul Daanii Maarfii yaada BBC Spoortiif kenneen ''milkaahinni kan madaalamu waancaa mo'atteen akka ta'e nan beeka, garuu haa jennuutii Arsenaal garaagartummaa gooliitiin waancaa Liigichaa dhabe, xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiirratti injifatame, kuni akkamitti akka hubatamu haa ilaallumee.
''Yeroo kamuu caala ittio dhiyaachaa dhiyaachaa dhufaniiru. Erga lammaffaa ta'uuni xumuruu eegalaniiyyuu waggoota lakkoofsisan. Gareen kun akka malee cimaa ta'eera. Yoo waa mo'achuu baate gadhiisuu qaba oduu jedhu nan dhagaha, kun maraatummaadha.''
Arteettaan ''qabxii arganneen baayyee aareen jira, haala itti taphannerraa ka'uun. Amma liigii biraadha. Taphni shan opsoo hafuu qabxii sadiin dursina. Wanti taphannuuf jira'' jedhe.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne