Xiyyaaronni imaltootaa yeroo waraanaa of eeggannoo akkamiin balali'uu qabu?

Balallii xiyaarota

Madda suuraa, lightRadar24

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Erga waraanni Ameerikaa Israa'elii fi Iraan eegalee jeettiwwaan waraanaa, dirooniin fi misaa'eloonni samii Iraanii fi Galoo Galaanaa keessa qaxxamuraa yeroo jirutti xiyyaarota imaaltoota fe'aniif balaa guddaadha.

Kanaaf Xiyyaarootni nama geejjibsiisaan naannoo qilleensaa nageenya qabu filachuuf dirqamu.Haa ta'uu malee kunis qilleensa irratti dhiphina uumuu fi to'atttoota tiraafikaa qilleensaa irratti dhiibbaa dabaluu mala.

Xiyyaaronni imaltootaa yeroo waraanaa balali'uu danda'u, garuu karoora nageenyaa of eeggannoo guddaa hordofuu qabu.

To'attoonni tiraafikaa qilleensaa xiyyaarota nagaadhaan samii keessa qajeelchu. Tokkoon tokkoon too'ataa kutaa naannoo qilleensaa kaartaa raadaraa irratti ilaala. Paayileetota waliin haasa'uu fi to'attoota biroo waliin qindoomina ni hojjetu.

Guyyaa idilee tokkotti too'ataan tokko yeroo tokkotti xiyyaarota gara ja'a hordofa. Yeroo waraanaa lakkoofsi sun dachaa lama taʼuu dandaʼa.

To'ataa tiraafika qilleensaa kan turee fi amma soorama ba'e Biraayyan Rooche hojiin kun xiyyeeffannoo baayyee cimaa akka barbaadu dubbata. Sababa kanaan too'attoonni yeroo baay'ee gara daqiiqaa 45 hanga 60 hojjetu, achiis boqonnaa daqiiqaa 30 fudhatu.

Yeroo waraanaa garuu hojiin sun daran cimaa ta'a. To'attoonni daqiiqaa 20 qofa hojjechuu danda'u, achiis akka garmalee hin dadhabneef boqonnaa fudhachuu danda'u.

Xiyyaarota baay'ee ta'an hordofuun gargaaruuf too'attoonni dabalataas ni barbaachisu.

Xiyyaarotni maaliif naannoo waraanaa irraa of qusatu?

To'attoonni tiraafikaa qilleensaa Giddugala To'annoo Qilleensaa Diroonii Tel Aviv keessatti hordofaa jiran

Madda suuraa, Getty image

Ibsa waa'ee suuraa, To'attoonni tiraafikaa qilleensaa Giddugala To'annoo Qilleensaa Diroonii Tel Aviv keessatti hordofaa jiran
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daandiiwwan qilleensaa naannoo waraanaa irra balali'uu irraa of qusachuuf yaalu.

Fakkeenyi gaddisiisaa tokko bara 2014tti balaliin Daandii Xiyyaaraa Maaleeziyaa muudachuun ni yaadatama.

Xiyyaarri Maaleeziyaa MH17 bara 2014 baha Yukireen keessatti misaa'ela Raashiyaan haleelamee namoota 298 xiyyaaricha keessa turan hundi ajjeefaman akkamitti naannoon waraanni jiru daandii xiyyaarota imaltootaa irratti dhiibbaa uumuu akka danda'u kan mul'isudha.

Yeroo sanatti haalli Yukireen naannoo waraanaa kan yeroo ammaa naannawa baha giddu galeessa keessatti deemaa jirun yoo ilaalamu sadarkaa gadi aanaa irra ture.

Waraana Iraan kana irratti xiyyaaronni waraanaa hedduun kufaniiru. Torban lama dura jalqaba baatii Bitootessaa Xiyyaarootni waraanaa Ameerikaa sadii Kuweet keessatti kuffifamuun ni yaadtama

Torban darbes xiyyaarri Ameerikaa boba'aa fe'e Lixa Iraaq keessatti erga kufanii booda miseensonni hojjettoota xiyyaarichaa Ameerikaa jaha du'aniiru.

Sababa taateewwan akkanaaf, daandiiwwan qilleensaa naannoo balaa ta'e irraa fagaachuuf daandii isaanii of eeggannoodhaan filatu

Yeroo baayyee balaliistonni balalii dura sarara daandii biraa naannawa waraanaarraa siqu karoorfatu. Akkasumas yoo isaan barbaachisan boba'aa dabalataa qabatanii deemu.

Yeroo naannoon qilleensaa akka tasaa cufamu ykn dhiphatu, to'attoonni balaliistota waliin eessa deemuu akka qaban, boba'aa hangamii akka qabaniifi buufata xiyyaaraa kam qubachuu akka danda'an kanneen to'atan waliin mari'atu.

Joon waggoota 20 oliif balaliisaa ture. Ammallee balaliisaa ta'ee waan hojjetuu fi daandii Baha Giddu Galeessaa irra balalisa waan ta'eef maqaa isaa isa dhugaa ibsuu hin barbaanne.

Daandiiwwan qilleensaa irra caalaan isaanii yeroo naannoo qilleensaa murtaa'e tokko irraa fagaachuu barbaadan dursanii karoorfatu jedha. Kun sababa haala qilleensaa hamaa ykn waraanaatiinis ta'uu akka danda'u eera.

"Haala kana keessatti, Baha Giddu Galeessaa keessatti wanti ta'uu danda'u akka jiru hundi keenya beekna turre,". Garuu gaaffiin ture fi ifa hin taane yoom ta'aa isa jedhu malee'' jedha.

Naannoolee daandiin qilleensaa sababa haleellaan balal'uuf rakkisaa ta'an

Madda suuraa, Flightradar24

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoolee daandiin qilleensaa sababa haleellaan balal'uuf rakkisaa ta'an

To'attoonni tiraafikaa qilleensaa xiyyaarota balalliirra jiran maaltu fuuldura isaanii akka jiru fi haalli nagaan jiraachuu adda baasuu qabu.

Xiyyaaronni imaltootaa gurguddoon duuba isaaniitti jeequmsa qilleensaa cimaa uumu. Xiyyaaronni xixiqqoo jeequmsa kana hambisuuf irraa fagaatu. Yeroo tokko tokko jeettiiwwan xixiqqoo ta'an karaa xiyyaarotni irra darban guutummaatti jijjiiruu qabu.

Yeroo yeroo muddamni daandii qilleensaa muudatullee to'attoonniifi balaliistonni seera cimaa hordofu.

Hojjettuun xiyyaaraa Haannaa jedhamtu akka jettetti namoonni hedduun hojiin isaanii nyaataa fi dhugaatii qofa tajaajiluu akka ta'e yaadu. Garuu nageenya Imaltootaa mirkaneessuun dirqama isaanii isa hunda caaludha.

Dhiheenya kana daandiiwwan qilleensaa akka ishee kallattiin Iraan irra balali'uu waan hin dandeenyeef daandii isaanii irratti yeroo dheeraaf qubatanii turaniiru

Xiyyaaronni naannoo qilleensaa murtaa'e irraa fagaachuu waan qabaniif, balaliin yeroo tokko tokko daandii dheeraa fudhachuu fi turtii yeroo dabalataa ni taasisa. Kunis balaliistotaa fi hojjettoota xiyyaarichaaf hojii cimaa taasisuu danda'us hojiin ayiveeshiinii fedhii fi kak'aumsaan hojjatamu waan ta'eef of eggannoowwaan taasifamuu qaban kamuu taasifamuu fi nageenyi i maltootaa eegamuun barbaachius ta'uu eerti.