Cufamuu ulaa Hormuuzin biyyoonni caalatti miidhamoo ta'an kam fa'i?
Madda suuraa, Getty Images
Dhimmi ulaa Hormuuz akkuma dhimma falmsiisaa ta'etti itti fufee jira. Omaan fi Iraan gidduutti kan argamu ulaan Hormuz utuu waraanni Iraan hin eegalin dura guyyaatti boba'aa gara barmeela miliyoona 20 ol ta'utu keessa geejjibsiifama.
Dhiyeessiin boba'aa fi gaazii uumamaa addunyaa harka shan keessaa tokko kan ta'u ykn dhiyeessii addunyaa keessaa dhibbeentaa 20 ulaa Hormuuz keessa darba.
Haleellaa Israa'elii fi Ameerikaan Iraan irratti raawwataan hordofee tarkaanfii haaloo ba'uu Iraan fudhatteen ulaan addunyaaf murteessaa ta'e kun cufamuun isaa hangam gabaa boba'aa addunyaa akka jeeqe mul'ateera.
Torban darbe keessaa jaarsummaa Paakisataanin Iraan ulaa Hormuuz dooniwwaan daldalaa ta'an hundaaf akka bantu ifa tssiftee turte.
Haa ta'uu malee ajajaTiraamp humni galaanaa Ameereikaa buufataalee doonii Iraan akka ugguru dabarsee ture erga Iraan ulaa kana bantees akka itti fufuu taasisuu hordofe Humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin cufuu beeksise.
Dhimmi ulaa kanaa biyyoota heddu kan ilaallattu yoo ta'u irra caalatti kanneen miidhaman biyyoota Eeshiyaa boba'aa guddaa ulaa sana kessaa dabrsuun galfataniiti.
Biyyootni sababa dhiyeessii ulaa galaanaa addunyaaf murteessa ta'e ulaa Hormuuz kanaan caalatti miidhaman biyyoota kami ? Maalif?
Chaayinaa- 31%
Chaayinaan jikita boba'aa karaa ulaa Hormuz geejjibsiifamu gara biyyaa ishee kan galchitu yoo ta'u biyyoota hunda keessaa sadarkaa tokkoffaarra jirti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigala boba'aa karaa ulaa Hormuuz darbu keessaa dhibbeentaa 31 gara Chaayinaa dhaqa.
Industiriiwwan ishee baay'een boba'aa Iraani fi biyyoota galoo galaanaa irraa galchitu kana irratti kan hunda'aan yoo ta'u Iraanis ta'ee Ameerikaan ulaa kana cufuun jalqabarratti kan miidhu Chaayinaadha.
Iraanis ta'ee Ameerikaan tarkaanfii haalota hammeessuu fi naannawa ulaa kanaa tasgabbii dhabsiisurraa akka of qusatan Chaayinaan gaafatteerti.
Sababa waldhabdee daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaan gidduutti hammaataa deemeen erga yeroo dhihooti asitti Chaayinaan filannoo ishee gara biyyoota Baha Giddu Galeessaa akka taasifatte gabaasaaleen kan eeran.
Kanaanis daldalli Chaayinaa fi Baha Giddu Galeessaa ho'eera.
Bara 2025tti qofa Chaayinaan waan gara Baha Giddugaleessaatti ergitu kan addunyaa gara biraatti ergitu caalaa dachaa lamaan guddifteerti.
Kanaaf daandii galaanaa barbaachisaa akkasii wayita jalaa cufamu tarkaanfiin Chaayinaan fudhattu maal akka ta'u ammayyu ifa miti.
Haa ta'u malee, Chaayinaan yeroo baayyee walitti bu'iinsa biyyoota biroo keessatti hirmaachuu irraa waan of qusattuuf jaarsummaan yaalurraa kan hafe Ameerikaa waliin atakaroo waraana keessa galuu hin barbaaddu.
Yeroo dheeraaf imaammata gidduu seentummaa hin qabne kan hordoftu yoo ta'u hanga yoonatti Chaayinaan waraanaan Iraan deeggaruuf fedhii hin agarsiifne.
Haa ta'uu malee meeshaalee waraanaa Iraan ofirraa qolachuuf itti gargaaramtu dhiyeessuu miidiyaaleen Ameerikaa qondaaltota basaasaa wabeeffachuun gabaasaniiru. Iraan gama isheen garuu himata kana ni haalti.
Hindii-14%
Madda suuraa, Getty Images
Hindiin boba'aa ulaa Hormuuz keessa darbu gara biyyashee galchuudhaan sadarkaa lammaffaa irratti kan argamtu yoo ta'u, boba'aawwaan ulaa kana qaxxaamuran keessaa tilmaamaan gara dhibbeentaa 14 qabatti.
Diinagdeen Hindii guddachaa dhufuu fi fayyadamni boba'aa ishee dabalaa dhufuu isaatiin daandii boba'aa Baha Giddugaleessaa irratti hirkattumaan ishee guddaadha.
Addunyaa irratti boba'aa biyya alaa galchuudhaan biyyoota fuldura jiran keessaa tokko kan taate hindiin jikita boba'aa ulaa Hormuuz keessa darbu bittee calaluun gabaaf illee dhiyeessiti.
Akka tilmaamatti jikita boba'aaHindii galchitu keessaa dhibbeentaan 40–60 karaa ulaa Hormuz darba , dhiyeessiin gaasii uumaama ishee kan gara dhibbeentaa 50 ol ta'u Hormuz irratti hirkatee jira.
Cufamuu ulaa kanaa ykn tasgabbii dhabuun kun Chaayinatti aanee Indii kan miidhu yoo ta'u, erga waraanatii as maddoota dhiyeessii ishee gara Raashiyaa, Ameerikaa fi Veenzuweelaa faa godhachuu eegaluu ishee gabaasaleen ba'an kan mul'isan.
Chaayinaa, Hindii fi bittoota naannoo biroo dabalatee walumaagalatti boba'aan karaa ulaa kanaa darbu keessa kan gara dhibbeentaa 86 ta'u gara Eeshiyaatti qajeelu.
Biyyoonni Eeshiyaa biroo hedduun walitti ida'amanii dhiyeessii waliigalaa naannoo kana keessa darbu keessaa dhibbeentaa 41 kan qaban yoo ta'u, kunis fedhii anniisaa addunyaa keessatti qoodni naannichi qabu murteessaa ta'uu mul'isa.
Rakkoon ulaa Hormuuz ammas cufamuu dhabuun balaawwan kana daran hameessaa jechuudha.
Awurooppaa -4%
Odeeffannoon Ejensii Annisaa Idil-addunyaa irraa argame akka agarsiisutti, guyyaatti jikita bobaa ulaa Hormuuz keessa darbu keessaa naannoo dhibbeentaa kan ta'u gara Awurooppaatti geejjibsiifama.
Boba'aan baay'ee guddaan gara Eeshiyaatti kan deemu ta'uu isaatiin wal bira qabamee yoo ilaalamu, qooda xiqqaa ta'us, gabaan anniisaa jeeqamuun dhiibbaa Awuroopaa irratti qabaata.
Awurooppaan gabaa boba'aa qulqullaa'e addunyaa irratti kan hirkattu yoo ta'u, boba'aa jeettii fi kaanis al-kallattiin dhiyeessii Baha Giddugaleessaa waliin walqabatee jira.
Kanaaf ulaan kun cufamee turuun addunyaa irratti hanqina boba'aa fi daballi gatii waan uumuuf jeequmsi kamiyyuu naannoo kanatti ta'u karaa al-kallattiinis ta'ee kallattiin Awurooppaa miidhuun isaa waan hafu miti.
"Awurooppaan kallattiin hirkattummaa Eeshiyaa caalaa baay'ee xiqqaadha, garuu hin miidhu jechuu miti," jechuun xiinxaltoonni gabaan boba'aa addunyaa walitti hidhamiinsa akka qabu akeeku.
Sababii Awurooppaan boba'aan jeettii biyya alaatii galchitu keessaa hedduun dhiyeessii ulaa Hormuuzin walqabatee jiruuf, yoo haalotni akkanaan itti fufan torban muraasa keessatti hanqinni boba'aa jeettii Awurooppaa mudachuu akka danada'an Rooyiters gabaasera.
Madda suuraa, AP
Ameerikaa- 3%
Dhiyeessii boba'aa ulaa Hormuuz keessa darbu keessa kan gara Ameerikaa galan gara dhibbeentaa 3 qofa.
US waggoota dhiyoo asitti oomisha biyya keessaa dabaluudhaan hirkattummaa boba'aa Baha Giddugaleessaa irratti qabdu hir'isaa dhufterti.
Teknoolojiwwaani fi warshaa boba'aa calaalan gurguddoo qabaachuu isheetin Ameerikaan oomishtoota boba'aa addunyaa gurguddoo keessaa tokko taatee mul'attee jirti.
Kuufama boba'aa qabduun sadarka tokkoo hanga shanii keessa jiraachuu baattus, hanga boba'aa guyyaa guyyaan oomishtuun kan Ameerikaa dursu hin jiru. Guyyaatti yoo xiqqaate gara barmeela miliyoona 18 oomishti. Sadarkaa 2ffaarra kan jirtu Saa'ud Arabiyaan guyyaatti gara barmeela miiliyoona 10 qofa oomshti.
Kanaaf Ameerikaan hirkattummaa isheen galtee Baha Giddu Galeessaa irratti qabdu haalaan hir'isuun amma gara kanaadaa fi Veenzuweelaafaatti fuula deebifatteerti.
Haa ta'uu malee boba'aan gabaa idil-addunyaa waliin walitti hidhame waan jiruuf cufamuun ulaa Hormuz ammallee miidhaa irratti geessisuu danda'a.
Kunis baasii boba'aa, geejjibaa fi qaala'iinsa jireenyaa biyya keessaa irratti dhiibbaa fiduun ta'uu danda'a.
Afrikaa - 1%
Madda suuraa, PMO
Biyyoonni Afrikaa boba'aan ulaa Hormuz keessa darbu keessaa harka muraasa qofa kan argatan yoo ta'u, biyyoonni hedduun maddi jikita boba'aa oomishtoota naannoo kanneen akka Naayijeeriyaa, Angoolaa fi Aljeeriyaa fa'i.
Kanaaf hanga boba'aa ulaa Hormuuz keessa darbu keessaa kan ardii biraan walbira qabamee yoo ilaalamu kan gara Afrikaa dhaqu dhibbeenta ykn harka 1 hin caalu.
Haa ta'uu malee hammi hirkatummaa Afrikaa kallattin gadi aanaa ta'uus, dhiibbaa al-kallatti guddaatu sababa cufamuu ulaa kanaan Afrikaarra ga'a.
Jeequmsi ulaa Hormuuz keessatti uumamu gatii qofa utuu hin taane hanqina dhiyeessi irrattillee dhiibbaa qaba.Biyyootni Eshiyaa, Ameerikas ta'ee Awurooppaa hanga ta'e rakkoo kana dandamchuu danda'u. Afrikaaf garuu yaaddoo cimaadha.
Diinagdeen Afrikaa hedduun oomishaalee boba'aa qulqullaa'an alaa galu irratti waan hundaa'uf daballii gatii fi hanqina dhiyeessiitiif kan caalatti saaxilamtuu Afrikaadha.
Dhaabbileen akka Baankii Misooma Afrikaa gatiin boba'aa dabaluun faayinaansii mootummoota Afrikaa miidhuu, gatii maallaqaa isaanii laaffisuu, akkasumas qaala'iinsi jireenyaa guutuu ardii kanaatti dabaluu akka danda'u akeekkachiisera.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne