Rakkoo waraanni Iraan Chaayinaafi fedhiisheerratti uume

Madda suuraa, Getty Images
Rakkoo waraanni Baha Giddugaleessaa keessatti dhalate uume ammaaf karra Chaayinaarra hin ga'iin jira. Miirri gaaga'ama kanaa garuu dabalaa jira malee kan dhaabbatu miti.
Ammaaf yeroo ilaalamu Chaayinaan boba'aa ji'oota baayyeef gahu qabdi, yoo rakkattemmoo gara ollaashee Raashiyaattis qajeeluu dandeessi.
Haata'u malee, Chaayinaan dhiibbaa rakkoon kun geessise dhiibbaa inni yeroo dheeraa keessa geessisuun madaalaa jirti. Shallaggiin kun invastimantiishee Baha Giddugaleessaa keessa jiruu qofa osoo hin taane; kaayyoo yeroo dheeraa keessatti milkeessuuf yaaddes ni jira.
Torban kana bakka bu'oonni Paartii Koominiistii kumaatamaan lakkaa'aman walga'uun daandii dinagdee Chaayinaa addunyaarratti lammaffaa ta'erratti ni mari'atu.
Walgahiin kun kan geggeeffamu yeroo biyyattiin fedhiin omishaashee laafaa jirutti, rakkoo gatii qabeenya yeroo dheeraa hammaate keessatti, akkasumas liqaa biyya keessaa guddaa waliin wal'aansoo qabdutti.
Guddinni saffisaa teeknooloojiifi anniisaa haaromfamuu galmaa'aa jiraatus, mootummaan Chaayinaa bara 1991 booda yeroo jalqabaaf tilmaama guddina dinagdee isaa gadi aanaa galmeesseera.
Chaayinaan oomisha ishee dabalataa alatti erguun rakkoo dinagdee ishee irra aanuuf abdii qabaachuu dandeessi ta'a tarii.
Haata'u malee, waggaa darbe Ameerikaa waliin waraana daldalaa keessa galuun dabarsite.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Amma ammoo toorrii dooniishee keessa darbuufi dhiyeessii anniisaa ishee guddaa kan ta'e Bahi Giddugaleessaa sababa waraana Iraaniin rakkoo keess agaleera.
Hanguma waraanni kun dheerataa deeme dhukkubbii inni uumu cimaa deemuun waan hin oolledha. Tiraafikiin Ulaa Hormuuz keessa darbu cufamuun ammoo rakkoo kana daran hammeessa.
''Rakkoo fi tasgabbii dhabuun yeroo dheeraaf Baha Giddugaleessaa keessatti mudate naannolee Chaayinaaf barbaachisoo ta'an biroo jeequu danda'a,'' jedha qorataan dhaabbata Rooyaal Yunaayitid Sarvisiis Filip Sheetlar-Jooons.
"Fakkeenyaaf, dinagdeen Afrikaa kaappitaalaa guddaa fi tasgabbaa'aa Galoo Galaanarraa dhufurraa fayyadamoo ta'aniiru.Invastimantiin sun yoo bade balaa tasgabbii dhabuu bal'aa kan dantaa Chaayinaa guddaa fi yeroo dheeraa balaadhaaf saaxilu uuma," jechuun ibsa.
Yoo kun ta'e, Chaayinaan addunyaarratti miilashee fi invastimantiiwwan, akkasumas gabaan ishee Baha Giddugaleessaa bira darbee mul'atu kana waraana yeroo dheeraaf saaxilama. Chaayinaan akkuma biyyoota biroo haala jiru of eeggannoodhaan ilaaluu qabdi.
"Chaayinaan akkuma biyyoota hundaatti yaadaa jirti jedheen yaada," jedha Keerii Biraawuun, piroofeesara Kiing Kollej Landan. "Karoorri tapha kanaa maali?Ameerikaanonni karoora malee as akka hin seenne beekamaadha," jechuun gaafata.
Kanaaf, Chaayinaanis waan ta'e gochuun qaba jettee yaaduu dandeessi jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Michummaa hagas mara hin jabaatiin
Warra Lixaa baayyee biratti yeroo hunda Iraan "michuu" Chaayinaa taatee ilaalamti.
Dhugumas michoota ta'uunis turaniiru. Hogganaan Waliigalaa Iraan Alii Kameeniin bara 1989 daawwannaa biyya alaa isa dhumaa kan taasise Beejingitti ture.
Michummaan gidduusaanii jiru kan cime bara 2016 pireziantiin Chaayinaa Shii Jiinping yeroo Teehraan daawwatetti ture.
Bara 2021 ammoo biyyoonni lamaan michummaa tarsiimawaa waggoota 25f turu waliif mallatteessaniiru.
Chaayinaan baroota kana keessa Iraan keessatti invastimantii dolaara biliyoona 400 ta'u gaggeessuuf waadaa galteetti. Iraan ammoo gamasheetiin bakka kanaa boba'aa ishee gara Chaayinaatti ergiti.
Xiinxaltoonni akka tilmaamanitti garuu maallaqa waadaa galame keessaa Iraan kan qaqqabe muraasa qofadha. Boba'aan garuu gara Chaayinaatti fe'amuun isaa itti fufeera.
Biyyoota lamaan gidduutti gurgurtaan meeshaa waraanaa akka jirus gabaasni ni mul'isa. Chaayinaan kiruuz misaa'ela farra doonii Iraanitti gurguruu ishee haalteetti.
Haata'u malee, dhaabbileen basaasaa Ameerikaa Chaayinaan Iraan sagantaa misaa'ela balistikii akka hojjettu injinaroota leenjisuu fi qaamolee misaa'elaa dhiyeessuudhaan gargaarteetti jechuun himatu.
Gareen mirga namaaf falman akka jedhanitti, mootummaan Iraan tarkaanfii gara jabinaa mormitootaa fi qeeqxota irratti fudhachaa jiru, teknooloojii fuula adda baasuu fi hordofuu kan Beejiing Teehraaniif kennite fayyadamu.
Dhimmoonni kunneen biyyoonni lamaan michoota dhiyoo akka ta'an waan agarsiisu qaba.

Madda suuraa, Getty Images
Taatwweean mul'atan ammoo gaazexoonni Chaayinaafi Iraan, Kooriyaa Kaabaafi Raashiyaa waliin ramaduun "warra rakkoo uumuuf michooman" maqaa jedhu akka kennaniif godheera.
Biyyoonni arfan kan barbaadan sirna addunyaa Ameerikaan durfamu dura dhaabbachuudha. Hariiroon isaan gidduu jiru ammoo kennanii fudhachuurratti kan hundaa'edha.
Piroofeesar Biraawuun, "Chaayinaan Iraan waliin akka hiriirtuuf sababni ayidooloojii ykn aadaan dhugaa hin jiru.
"Iraan yeroo hunda mataa dhukkubbii US'f kan taatu tooftaa Chaayinaan 'qoqqoodiitii bulchi' jedhu fayyadamuun isheeshee tajaajileera.Kanaaf, sababni Chaayinaan Iraan waliin hariiroo qabaachuu barbaaddu waan gaarii caalaa hamaadha," jechuun ibsa.
"Kanaan hariiroo ijaaruun yaada baay'ee dadhabaadha; hanga tokko garuu hojjeteera. Garuu hariiroo gadi fagoo hin turre," jedha.
Chaayinaan "michummaashee" ija warra Lixaatiin hin ilaaltu. Waliigaltee ittisa biyyoota lamaanii hin mallatteessitu, michootashee deeggaruunis durseen argama hin jettu.
Innumaattuu Chaayinaan waldhabdee uumamu kamirraayyuu of fageessuu filatti.
Kana jechuun garuu rakkoo Baha Giddugaleessaa keessatti uumameen hin jeeqamtu jechuu miti. Beejiing balaaleffannaa dhageessisuun walitti dhukaasuun akka dhaabbatuuf waamicha dhiyeessiteetti.
Ministirri dhimma alaa Chaayinaa Waang Yuun, "Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti haleellaa banuun isaanii... karrayyu darbanii hogganaa biyya walabaa tokko ifatti ajjeesuuniifi jijjiirraa mootummaa kakaasuun fudhatama hin qabu," jedheera.
Haalli jiru garuu, Ameerikaan ji'amuraasa dura tarkaanfiin Venezuweelaatti fudhatte, amma ammoo haleellaa Iraan irratti bante biyyoonni kunneen hariiroo isaan Chaayinaa waliin qaban kan daangeffame akka ta'u godheera.
Haalota jiran kana keessatti kan diida qabamte Beejing, taajjabuurra darbitee kan gargaaruu dandeessu hin taane.
Chaayinaan akka ''humna filannoo itti gaafatamummaa qabduutti'' USf of dhiheessuuf yaalaa jirti jedha qorataan dhaabbata tajaajila Rooyaal Yunaayitid Sarvisii Filip Sheetlar-Joons.
Haata'u malee, "gama madaallii waraanaatiin Ameerikaan humna guddaa ta'uu jechuun maal jechuu akka ta'e agarsiisaa jirti," jedha. Qorataan kun Chaayinaan dinagdeen ishee guddaa ta'us, "humna guddaa guutuu ta'e" miti jechuun falma.
"Osoo gargaaruuf feetees, tarkaanfii akkasii irraa michootashee eeguuf humna guddaa hin qabdu ture," jechuun ibsa.
Balaa kana mormuu kan barbaadan Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinping, Doonaald Tiraampiin wal bira qabamee yoo ilaalamu hogganaa addunyaa tasgabbaa'aa fi tilmaamamuu danda'u ta'ee of dhiyeessu itti fufeera.

Madda suuraa, Getty Images
Inistiitiyuutii Chaayinaa keessatti daarektarri qorannoo Eeshiyaa fi Afrikaa Piroofeesar Isteev Saang, Chaayinaan tarkaanfiin Pirezidaant Tiraamp kun "fakkeessummaa" biyyoota Lixaa kan "waa'ee sirna idil-addunyaa bilisaa dubbatanii [garuu hojiin isaanii kana ta'uu] mul'isa" jechuun falmiti jedhan.
Sababa waraana kanaan dhiyeessiin anniisaa fi imalli gufachuun "biyyoota Lixaa caalaa Kibba addunyaa irratti dhiibbaa dinagdee baay'ee guddaa qaba" jedheera.
Kibba addunyaa keessatti "biyyoonni tokko tokko ji'oota muraasa booda hanqinni nyaataa ni mudata.
Erga UK fi Ispeen haleellaa kanaan adda baafamanii booda ammas qaawwi gamtaa warra Lixaa keessatti mul'atu argaa jirra," jedha.
Chaayinaan biyyoota biroo waliin marii banuuf carraa arguu dandeessi. Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii gita isaa Omaan fi Faransaayitti argaman waliin haasa'aniiru. Chaayinaanis ergamaa addaa gara Baha Giddugaleessaatti akka ergitu beeksiftee jirti.
Daawwannaa Tiraamp dhiyaachaa jiru
Ammas taanaan Chaayinaan of eeggannoon deemaa jirti. Sababiin isaa ammoo shallaggiin guddaan tokko pirezidantiin Ameerikaa dhuma ji'a kanaa Chaayinaa daawwatu jedhamee akka addaatti eegamaa jira.
Chaayinaan mormiin haleellaa Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti banan dhiyeessites kallattiin kan pirezidant Tiraamp qeequ miti.
Tarkaanfiin Chaayinaa kun ammoo hoggantoonni biyyoota lamaanii harka wal fuudhuun isaanii waan hin oolle ta'uu isaa jabeessa.
Tokko tokko Pirezidant Tiraamp daawwannaa kanaaf Chaayinaa deemuu isaarratti shakkii dhageessisaniiru. Mallattoowwan hanga ammaatti jiran garuu imalli isaa waan hin oolledha. Aanga'oonni biyyoota lamaaniis waa'ee imala kanaa mariyachuuf akka ta'e Rooyitars gabaaseera.
Chaayinaan carraa kana fayyadamuun Tiraamp dhimmoota waldhabdee biroo kan akka Taayiwaan irratti akkamitti deebii kennuu akka danda'an "qabxii barbaaduu" dandeessi jedha qorataan Filip Sheetler-Joons.
"Waraanni kun fudhatama kan hin qabne ta'aa hanguma dhufe , imaammata alaa fi nageenyaa Ameerikaa keessatti 'of qusachuu' guddachaa dhufe daran akka jabaatuuf gahee gumaachuu qabaachuu mala.
"[Imaammanni akkasii], bulchiinsa itti aanuun yoo hojiirra oole, Chaayinaan dantaa naannichaa fi addunyaa bal'aa keessatti qabdu hordofuuf bilisummaa guddaa kenna," jechuun ibsa.
Rakkoon Baha Giddugaleessatti uumame, Chaayinaan US akka biyya waraana barbaadduu taatetti agarsiisuuf carraa kennaaf.
Haata'u malee, "taphataan tilmaamamuu hin dandeenyee fi karaa sirriin kan hin hojjenne" akkasii [akka Tiraamp] jiraachuun isaa Beejiingiif madda yaaddoo ta'uu danda'a jedha Piroofeesar Biraawuun.
"Chaayinaan addunyaa ol'aantummaa Ameerikaa mirkanaa'e waan barbaaddu natti hin fakkaatu. Haata'u malee, addunyaa tasgabbii hin qabne Ameerikaan akkas keessatti gahee taphattuus hin barbaaddu," jechuun ibsa.















