Dhuguma akkaataa gosa dhiiga keenyaatiin soorata filannee nyaachuu dandeenyaa ?

Hakiimota dabalatee namoonni gosoota dhiiga keenyaarratti hundoofne soorata filannee nyaachuun fayyaaf gaarii ta'uu barsiisan miidiyaalee hawaasaarratti dhiyeenya ijoo dubbii ta'aa jiru.
Ofii gosti dhiiga keenyaa fi waanti nuti soorannu hariiroo kallattii qabaa?
Qorannoon sadarkaa idil-addunyaatti hanga yoonaatti jiru maal akka akeekuu ispeeshalistii soorata namaa Pirofeesara Gargaaraa Hajjii Amaan iyyaafanneerra.
Akkanuma ragaalee dhimma kanarratti barreeffaman biroo waliin qixeessineerraa itti dhiyaadhaa!
Dr Hajjiin gosoota dhiigarratti hundaa'uun soorata filataman qofa soorachuun fayya buleessa nama hin taasisu jedhee amana.
Sirumayyuu odeeffannoon haala kanaa hakimoonni otoo hin hafiin itti hirmaatanii miidiyaa hawaasaarratti qoodaa jiran ragaa qorannoo saayinsawaa bal'aa, kan sadarkaa idil- addunyaatti gaggeeffameen kan wal hin simnee fi odeeffannoo dogoggoraa hawaasa burjaajessaa jiru ta'uu ibse.
Dr Hajjiin odeeffannoon akkasii Itoophiyaa qofa keessatti kan barsiifamaa jiru akka hin taane, biyyoota guddatan keessattille namoonni odeeffannoo akkasii barsiisan jiraachu eere.
Odeeffannoo miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa jiru kana akka waan bu'uura saayinsii qabutti otoo hin taane akka yaada nama dhuunfatti akka hubatu ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gosti dhiiga keenyaa soorata soorannu waliin hariiroo kallattii qabaachuu ragaan mirkaneessu akka hin jirre amana.
Falmiin kun jalqaba eessaa madde?
Gosa dhiigarraatti hundaa'anii soorata filatanii nyaachuun barbaachisaa ta'uu gorsuun kan beekame Dr Piitar D'Adamoo yoo ta'u, kitaabasaa bara faranjoota 1996 maxxanse ' Eat Right 4 Your Type' jedhu keessatti dhimma kana barreesse.
Dr Piitar qorataa lammii Ameerikaa qaamni namaa karaa uumamaatiin akka of suphu gochuun akka danda'amu amanu.
Akka Dr Piitar jedhutti, namni fakkeenyaaf gosa dhiiga O qabu nyaata pirootiniin badhaadhe kan akka foonii akka deddeebi'ee akka sooratutu gorfama.
Warri gosa dhiiga A qaban ammoo fuduraalee fi kuduraalee deddeebi'anii akka sooratan gorrfamu.
Warri gosa dhiiga B ammoo fooniifi aannan dabalatee gosoota soorata adda addaa nyaachuu gorsa Dr Piitar.
Namoonni gosa dhiiga AB qaban ammoo soorata warri gosa dhiiga A fi B nyaachuu qabu jedhe gorse walitti makanii sorachuun filatamaa ta'u ibse Dr Piitar .
Qorataan kun gosti nyaataa baayyeen pirootinii 'lectins' jedhaman akka of keessa qaban barreesse.
Sooranni yoo gosa dhiigaatiin wal hin simne seelonni dhiigaa qaama keenya keessatti walitti qabamanii miidha qaqqabsiisu jedhee amana.
Hariiroon gosti dhiiga namaa soorata waliin qabu madinummaa qaamaa, ulfaatinni qaamaa dabaluufi hir'achuu, akkasuma sirna bullaa'insa soorataa waliin hidhata qaba jedhee amana.
Ragaaleen qorannoo saayinsawaa hanga yoonaatti jiran garuu yaada Dr Piitar hin deeggarre jedha Dr Hajjiin.
Qorannoowwaan sadarkaa idil-addunyaa gurguddoon garuu gosti dhiiga keenyaa hariiroo kallattii gosoota soorataa murta'aan waliin qabaachuu mirkaneessaan hin jiranii jedha Hajjiin.
Namoonni yaala uumamaatiin dhukkubarraa fayyuun ni danda'ama jedhanii amanan garuu ''qaamni namaa seera mataasaa ni qaba'' jedhanii waan amananiif yaada Dr Piitar tumsu jedhu ispeeshalistiin soorata namaa Pirofeesara Gargaaraa Hajjii Amaan.
Dhangaalee soorataa gurguddoo namni tokko soorata keessaa argachuu qabu jedhamanii tarreeffaman ijoon ; Kaarboohayidireetii dhibbeentaa (45-60), pirootinii dhibbeentaa (10-25), cooma dhibbentaa (20-35) fi bishaan ta'uu eeru ogeessi kun.
Warrii kun qabiyyee keemikaalaa murteessaa namni tokko jiraachuuf, guddachuuf, akkasuma qaamnisaa sirnaan dalaguuf barbaachisaniidha.
Kana malees qaamni keenya vitaaminota fi albudoota hanga muraasa ni barbaada.
Jara kana lamaan ammoo ogeeyyiin 'micronutrients' jedhanii waamu.
''Namni gosa dhiiga fedheyyuu yoo qabaate dhangaalee soorataa(nutrients) ijoo kana argachuu qaba, saayinsiin kana faallessu hanga yoonatti hin uumamne'' jedha ogeessa soorata namaa kan ta'e Dr Hajiin.

Madda suuraa, Getty Images
Dr Hajjiin sababa dhangaaleen soorataa kun qaama namaaf murteessaa ta'eef yeroo ibsu, dhangaaleen soorata gosa tokko bakka bu'uu danda'u akka jiru, kan dhangaa soorata isa biraa bakka bu'ee qaama keenya tajaajiluu hin dandeenye akka jiru ibse.
Dr Hajjiin akka jedhutti, pirootiiniin biqiltuurraa argaman qabiyyee pirootinii barbaachisaa ta'e 'essential amino acid' jedhamu hin qabu, kun foonirraa baayinaan argama.
Kanaafuu namni fuduraa fi kuduraa malee foon hin nyaanne qabiyyee soorataa kana hin argatu jedha.
Xiixalli qorannnoowwaan bal'inaan gaggeeffamaanis ogeessi Dr Piitar D'Adamo jedhamu dhiyeesse akka faallessu eere Dr Hajjiin.
Hanga yoonatti gosti dhiiga keenyaa soorata soorannu waliin hariiroo kallattii qabaachuu ragaan mirkaneessu akka hin jirre ibse.
Fayya-buleessa ta'uuf maaltu gorfama ?

Madda suuraa, Getty Image
Ispeeshalistiin soorata namaa Pirofeesara Gargaaraa Hajjii Amaan gorsi dhimma fayyaa odeeffannoo qorannoon mirkanaa'e, ragga'ee fi dhugummaan isaa mirkanaa'e qofa hawaasni fudhachuu akka qabu gorse.
Namoonni soorata akaakuu garaa garaa soorachuu, waantoota kanaan dura qorannoon mirkanaa'e kan akka cooma xiqqeessuu namoota gosa dhiigaa kamiyyuu qaban akka fayyadu gorse.
Fayya buleessan ta'uuf ammoo akkaataan jireenya(lifestyle), soorata nama miidhanirraa fagaachuu, sochii qaamaa amaleeffachuun barbaachisaa ta'uu hime.
Kana malees, fayyumaan sirna bullaa'insa soorata, qacceen, haalafi amalli namaa, akkasuma qabeenya qabaachuun fayyummaa namaa waliin hidhata qabaachuu hima Dr Hajjii Amaan.
Ispeeshalistii soorata namaa ta'uun hojjataa kan jiru Dr Hajjiin xumurarratti, hawaasni gorsa fayyaa ragaa sirriin hin deeggaramne fudhachuurraa akka of qusatan akeekkachiise.












