Hidhaataan 'Raashiyaarraa dhufe' magaalaa guddoo Yukireenitti dhukaasa banee namoota ja'a ajjeesee kaan bute
Madda suuraa, Reuters
Magaalaa guddoo Yukireen Kiiv keessatti hidhataan tokko dhukaasa baneen yoo xiqqaate namootni jaha ajjeefamanii kaan ammoo miidhamuu aanga'onni himan.
Ta'iin kun bulchiinsa Kibba Holosiiviskii jedhamtu keesatti raawwatte. Ministirri Dhimma Biyya keessaa Ihoor Kiliymeenkoo nama naannoo sana jiraatutu namoota daandii gubbaa deeman irratti dhukaasa banuu eegalee jedhe. Boodas namoota biroo butee supparmaarkeettii dhiyeenya jirurraa geesse.
Kiliymeenkoo akka jedhutti hidhataan kun supparmaarkeettii keessatti Poolisii waliin walitti dhukaasuu keessa ajjeefameera. Hidhataan kun maal akka barbaade hin beekamne.
Lakkoofsi namoota dhukaasa inni baneen miidhamaniis ifa miti. Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii garuu namootni 14 madaahuun isaanii adda baheera jedhe. Daa'imni ganna 12 keessatti argama jedhe.
Zeleniskiin akka jedhutti namootni ajjeefaman walumatti jaha ta'u. Namootni afur daandii gubbaatti dhukaasa hidhataa kanaan battalumatti du'an, achii dubartiin ganna soddomootaa keessa jirtu tokko erga hospitaala geessee lubbuun darbe. Namni hidhataan kun butee ture tokko boodarra ajjeefame.
Hidhataan kun namoota butee gara supparmaarkeettii erga galee booda Poolisiin daqiiqaa 40f isa waliin marii gaggeessuuf yaaleera jedha Kiliymeenkoo. Namichi ''jeeqaa'' tures jedhe.
''Namni miidhame sababa jiruuf akka jara gadhiisu amansiisuuf yaalaa turre'' wanti barbaadu jiraachuus hin ibsine jedheera.
Nama madaa'ee dhiigaa jiruuf gargaarsi akka godhamu tole jechuu diduu booda akkasumas namoota bute keessaa tokko ajjeesuu booda akka ajjeefamu murteen darbe jedhe.
Erga namichi ajjeefamee namootni butamanii turan afur gadhiifamaniiru.
Abbaan Alangaa waliigalaa biyyattii hidhataan kun nama ganna 58 ta'uufi magaalaa guddoo Raashiyaa Mooskoorraa dhufee jedheera. Meeshaa waraanaa otomaatikii qabatee dhukaasa banuu hime.
Meeshaan hidhataa kanaa seerawaa ta'ee galmaa'eera. Garuummoo akkaataa haleellaan itti raawwateefi mirga hidhannoosaarratti qorannoon gaggeeffamaa jira.
Zeleniskiin ammoo hidhataan kun kutaa Baha Doneesk kan bulchiinsa Raashiyaa jala jirtu keessa jiraata ture jedheera.
Namichi kun haleellaa kana banuuf bahuu dura manasaatti ibidda qabsiisee bahe jedhame.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne