MM Abiy pirezidantii Raashiyaa Puutin waliin dhimmoota waloorratti mariyachuu himan

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee Itophiyaa Abiy Ahimad Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin bilbilaan mariyachuu himan.
MM Abiy ergaa fuula miidiyaa hawaasaarratti baasaniin, "Pirezidant Vilaadmiir Puutin waliin hariiroo [biyyoota] lamaanii fi dhimmoota waloo biroorratti bilbilaan marii bu'a qabeessa taasisneerra," jedhan.
Imbaasiin Raashiyaa Finfinnee jirus dureewwan biyyoota lamaanii marii taasisuu isaanii ibseera.
"Jarri lamaan dhimmoota yeroo ammaa akka gama siyaasaan, daldalaan, dinagdeen, akkasumas karaa gargaarsa namoomaa ilaallaturratti marii taasisaniiru.
Kunis akkaataa daawwannaa Abiy Ahimad Fulbaana 2025 Mooskootti taasisan hordofee waliigalteewwanirra ga'ameenidha," jedheera ibsi Imbaasiin Raashiyaa marii bilbilaan taasisu ilaalchisuun ibsa baaseen.
Itti dabaluun, MM Abiy Ahimad fi Pirezidant Vilaadmiir Puutin marii taasisan kanaan michummaa Itoopiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru caalaa cimsuurratti akka hojjetanis irra deebiin kan mirkaneessan yoo ta'u, kontiraatawwan ministeerotaa fi ejensiiwwan dhimmi ilaallatu gidduutti taasifame babal'isuufis waliigalaniiru jedha Imbaasichi.
Kana malees, Pirezidaant Vilaadmiir Puutin sababa sigiga lafaa fi lolaa mudatee lubbuu Kibba Itoophiyaatti darbe ilaalchisuun gadda itti dhaga'ame ibsachuu Imbaasiin Raashiyaa Finfinneee jiru fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseera.
MM Abiy torban darbes ministira dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliiniskaraa ittiinItoophiyaafi Yunaayitid Isteet Gaanfa Afrikaatti ''nageenya waaraa'' buusuuf bu'uura kaa'un danda'amurratti bilbilaan marii'atanii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Marii bilbilaan taasifamuun alatti, ji'oota muraasa darban dureewwan Awurooppaa, Eeshiyaa, Ameerikaafi biyyoota Arabaa gara Itoophiyaa imaluun daawwataniiru, daawwataas jiru.
Ministirri Dhimma Alaa Sa'ud Arabiyaa ji'a darbe keessa gara Itoophiyaa dhufanii Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin mari'ataniiru.
Ji'uma darbe keessa Pirezidantiin Turkii Raasiph Xayyib Erdohaan, kan biyyi isaanii Gaanfa Afrikaatti sochiin isheee cimaa jiru, Itoophiyaa daawwatanii ture.
Biyyoonni addunyaa Itoophiyaa waliin dippilomaasii cimsachaa kan jiran wayita Baha Giddugaleessaatti sochiiwwan fedhii biyyaalessaaf akeekan adeemaa jiraniifi naannichi waraana Iraan waliin wal qabsiisee goolama keessa jirtuttidha.
Kana malees, daawwannannaa fi mariin dureewwan kanaa yeroo Kaaba Itoophiyaatti akkasumas Ertiraafi Itoophiyaa gidduutti waraanni ka'uu mala sodaan jedhu hammaatettiifi waraana Sudaan keessa giddu seentummaan yeroo ijoo dubbii ta'eettidha.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaas akka itti fufeetti jira; Hidha Abbayyaarrattis gaaffiin Masriin kaaftu gudunfaa hin arganne.
Kanaaf, gaggeessitoonni kunneen wal-duraa duuban gara Itoophiyaa deddeebi'uun isaaniis ta'e mariin bilbilaan taasifaman kunneen maal akeeku?












