Suuraan: Itoophiyaan maal maaliin boonti?

Itoophiyaan guyyaa 'ofiin boonuu' biyyaalessaa, Finfinnee dirree masqalaatti kabajje. Ayyaana kanarratti dhaabbilee fi aadaan biyyattiin ittiin boontu adda addaa agarsiifamaniiru. Muraasa suuraan isin daawwachiisna.

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Daraartuu Tulluu miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin. Atileetiksiin wantoota Itoophiyaan ittiin boontu keessaa tokko jedhame.
Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan baay'ina Sabaa fi Sab-lammoota qabduun ni boonti. Gareen sabaa fi sab-lammoota biyyattii keessa jiran bakka bu'an ayyaana kanarratti aadaa ofii calaqqisiisaa turan.
Ibsa waa'ee suuraa, Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa wantoota biyyattiin ittiin boontu keessaa tokko jedhame. Jilli dhaabbaticha bakka bu'u ayyaana kanarratti argameera.
Ibsa waa'ee suuraa, Manduddoota Oromoo Orooroo ykn Bokkuu qabatanii dirree Masqalaatti argaman. Aadaan sirna Gadaa wantootaa biyyattiin ittiin boontu keessaa tokko ta'ee dhiyaate.
Ibsa waa'ee suuraa, Miseensoti Poolisii Federaalaas dhaabbilee biyyattiin ittiin boontu keessa tokko jedhamanii ayyaana kanarratti argamaniiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Haadholii Naannoo Kibbaa uummata Walaayitaa irraa ayyaana kanarratti argaman. Aadaa biyyattiin ittiin boontu keessaa kunis tokko jedhame.
Ibsa waa'ee suuraa, Miseensotni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa daangaa fi birmaduu biyyattii eeganis wantoota biyyattiin ittiin boontu keessa jiru jedhame.
Ibsa waa'ee suuraa, Uffannaa aadaa uummata Tigraay ayyaana kanarratti argaman.
Ibsa waa'ee suuraa, Miseensota poolisii idilee ayyaana kanarratti argaman.
Ibsa waa'ee suuraa, Uffata aadaa saba Amaaraa mul'isuuf warra dhufan. Uffatichi 'Kaabbaa' jedhamee waamama uffata kabajaaf namatti uwwisanidha.
Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggoota uffata aadaa Oromoon faayamanii, Orooroo qabatanii dirree Masqalaatti bahan.
Ibsa waa'ee suuraa, Dhiiraa fi dubartii 'Kaabbaa' uffatanii fardaan dirree masqalaatti bahan. Dhaabbilee amantaa bakka bu'uunis gareen argame jira.