Suuraan: Kirkira lafaa cimaa Iraanii fi Iraaq keessatti

Kirkira lafaa maagnitiyuudii 7.3 daangaa biyyoota lameen kana rukuten namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Hammi balaa daangaa Iraan-Iraaq ifatti kan beekame Wiixata erga aduun baate booda

Madda suuraa, Reuters/Tasnim News Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Kirkirri lafaa maagnitiyuudii 7.3 qabu kun bara 2017 kana keessatti hanga yoonaa isa hammaataadha.

Madda suuraa, TASNIM news agency via reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lakkoofsi namootaa du'anii dhibbatti lakkaa'amuu kan eegale, balaan kun Dilbata galgala dhaqqabee sa'aa muraasaan booda

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Kirkirri lafaa kun magaalaa Saarpol-e Zahaab, kutaa biyyaa Kermaanshaah keessatti balaa guddoo dhaqqabsiise.

Madda suuraa, TASNIM news agency via reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Gamoowwan hedduun Saarpol-e Zahaab keessatti argaman utubaa duwwaatti hafaniiru

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Saarpol-e Zahaabitti maatiin kunneen nama jalaa du'e itti siqanii ilaaluuf fedhan

Madda suuraa, Reuters/Tasnim News Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Wiirtuun hoollannaa kanaa kaaba-baha Iraaq haa ta'u malee, biyyattiin ollaa Iraan guddoo miidhamte

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dhagaan gurguddoon daandiirra jijjigan. Daandiin kunis Hidha Darbandikhan, kaaba Iraaq dhiheenyatti kan argamudha.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Masjiidni kutaa biyyaa Diyaalaa, baha Baagdaad keessatti argamu kun haalaan miidhame