Abidda Kaaba Kaalifoorniyaa suuraadhaan yoo mil'atu

Fakkiin Kaalifoorniyaa abiddi Kawuntii Waayinii duguugee gubeen; yoo xiqqaatee namoonni 10 du'aniiru.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tajaajilli farra abidda biyyattii Naapaal, Sonoomaa fi Yuubaa dabalatee Kaawuntii sagal keessaa bakka 15tti abida ka'ee dhaamsuuf tattaaffi godha turan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni tokkoo tokko mana jireenyaa isaanii abidda lafa hektaara 28,000 bal'atu gube kana irra hambifachuuf baay'ee yaalanii turan.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Naapaa, Soonoomaa fi Yuubaan, Kaalifoorniyaa naannoo oomisha Waayiniitiin baay'ee kan beekaman yoo ta'u Kaaba Saan Firaansiiskoo keessatti argamu.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Yoo xiqaatee manni 1,500 gubateera, qabeenyaa baayyeenis barbadaa'era.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Abidda kana dhaamsuuf keemikaalli gargaaru xiyyaaraan gadi itti bittinfamaa ture.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaan Kaalifoorniyaa abidda hamaa kana ilaalchisee ''manni baay'een balaa gubbachuu jala jiru, namoonni kumaatamaan lakkawamanis naannoo sanaa gadi dhiisaanii bahuutu irra jiraata,'' jechuun labsii hattatamaa godheera.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kunis seenaa Ameerikaa keessatti ibidda hamaa mudateedha.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Abiddi kun qilleensa cimaa, gogiinsaa fi ho'aan kan walqabatee ture.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka abiddi kun itti eegale waanti beekame hinjiru.