Jalabultii Ayyaana Masqalaa yookin Gubaa Finfinneetti

Biyyattiiti jalabultiin ayyaana Masqalaa fi ayyaana Gubaa kabajameera. Nutis haala kabaja ayyannichaa Finfinnee, addababayii Masqalaatti taasifame akkasitti isinii filanneerra.

Ibsa waa'ee suuraa, Akka biyyattiitti gubaan guddichi Magaalaa Finfinnee, addababayii Masqalaatti haa gubamu malee, namoonni ollaa naannoo jireenyaa fi mana manatti ayyannicha xomboraa fi guca ibsuun kabaju.
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana kanarratti barattoonni Bataskaana hedduurraa dhufan weedduu garagaraatiin faarsu. Meeshaan muuziqaa baganaa - kan ribuu kudhan qabu, mana amantaa Ortodoksiitti baay'inaan itti fayyadamu.
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaanni jalabultii Masqalaa fi Gubaa/Damaraan ALA 2013tti galmee hambaalee kiliyaa UNESCO'tti galmaa'eera. Yogguu lafti dukkanaa'us duungoo ibsu.
Ibsa waa'ee suuraa, Paatriyaarkin Bataskaana Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaa - gubaa kana xombora/guca ibsuun jalqabsiisan.
Ibsa waa'ee suuraa, Faarfattoonni Bataskaana Ortodoksii wayyaa walfakkaataa uffataniis, naannoo adda addaarraa walitti qabamuun, gubaa marsuun faarfatu.
Ibsa waa'ee suuraa, Akka aadaatti xumura gubaa kanarra, roobni yoo roobe, barri dhufu kan milkii, quufaafi gabbina jedhamee amanama.