Dorgommee suuraa 'National Geographic' marsaa jalqabaa

Dorgommiin suura kaaftoota uumamaa 'National Geographic'kan bara 2017, qalbii namoota baay'ee hawwatee jira. Sadaasa 17, utuu hin cufamiin daawwachuufis baay'inaan seenaa akka jiran beekameera.

Madda suuraa, Angad Achappa

Ibsa waa'ee suuraa, Angaad Achaappaa nama jedhamuun kan ka'e suuuraa gosa Fattee bifa keelloo Kuurg, bosona gobbuu fi dhedheeroo Aguumbee, Kamataakaa, Hindii keessatti kan argamuudha. Fatteen kun bifa geengootiin haalluu cuquliisa ija isaatti naanna'ee jiru waan qabuuf fattee bosonaa kan ija cuquliisa jedhamuun beekama ture.

Madda suuraa, TERUO ARAYA

Ibsa waa'ee suuraa, Sararri baabuuraa Taadaamii, sarara Fuukushimaa fi Niigaataa wal qunnamsiisuu wayita ta'u naannoo kanatti sarara tokkicha elektrikaan hin hojjennee dha. ''Keessattu baabura keessa taa'amee nannawa sana ilaalaa laga Taadaamii qaxamuruun kan baay'ee namatti toludha,'' jedha namni suuraa kaasuu Teeru'oo Araaya. ''Akkuma waqtii yerichaatti daraaraa mukkeen addaa addaa, magarisummaa bosonichaa, baala muukaa haalluu addaa addaa fi yeroo gannaa addeenya cabbi ilaaluun deemama.''

Madda suuraa, Felix Inden

Ibsa waa'ee suuraa, "Odola Lofooteen biratti dambalii galanaan kan uumame haroon kun bareedina uumamaa ija nama harkisuu qaba,'' jedha namni suuraa kana kaasee Feeliks Indeen. ''Wayita addeessi guutuu taatutti dambalii guddaan cirrachi gara haroo kana keessaatti miiccamee galuu immoo heddu bareedina jiru dabala.

Madda suuraa, Sebastiaen

Ibsa waa'ee suuraa, Ganama tasgaba'aa, caama reef baate keessa naannoo gaara Fundaturaa Ponorului kan Tiraansilvaaniyaa biyya Roomaaniyaa kessaa jiru dha.

Madda suuraa, Joel Fischer

Ibsa waa'ee suuraa, Paarkii guddicha biyya Keenyaa Masaay Maaraa jedhamu kessatti Leenca hiixataa jirtu kan suuraa kaase Joo'eel fiisheeri.

Madda suuraa, Jerry am Ende

Ibsa waa'ee suuraa, ''Boombee Huuk bakka jireenya bineensoota biyyooleessa Deelweere keessatti har'a yeroo aja'ibaa dabarse,'' jedha Jeerii am Endee. ''Yeroo allaatiin kun koochoo ishee bal'iftee hooqqataa turteetti, bishaannillee hinsocho'u ture.''

Madda suuraa, Todd Kennedy

Ibsa waa'ee suuraa, Tood Keenedii nama jedhamu yeroo suuraa kana kaase simbirroota barrisaa jiran gaalawwan tora galaanii qarqara bishaan Kaable kan Dhiha Australiyaa kessatti argamuu deemaa kan jiran fakkeesse kaase.

Madda suuraa, anat gutman

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan kun Anaat Gutmaan nama jedhamuun Kaamchaatkaa biyya Raashiyaa keessatti kan ka'eedha. ''Ilmoo bineensa Biir jedhamu umurii ji'a sadi qabdu baay'ee bareeddu tokko wayitan argu utuun haadha ishee hin soodanne ta'e kaameeraa koo lafa buusee fiigee hammachuu barbaadeen ture,'' jedha namni suuraa kana kaase kun.

Madda suuraa, Jassen Todorov

Ibsa waa'ee suuraa, Wagga waggaan ji'a Bitooteessaa fi mudde gidduutti, Kaaba Kaalifoorniyaa keessatti allaattiwwan kumaatamaan lakkaawwaman godaananii gara kana dhufuudhaan samii bareechu. Suuraan kun Jaaseen Todorooy nama jedhamuun xiyyaara irraa kan achii gadi ka'eedha.

Madda suuraa, Cameron McFarlane

Ibsa waa'ee suuraa, ''Suuraan kun kan kaafame Wahyaalla, Kibba Austraaliyaa keessatti bakka gosi qurxummoota gurguuddaa kaatle jedhamuu itti walargutti. Bakka kanatti qurxuumootni gurguddoo kaatle hedduun walgahuun qunnamtii hormaata godhu,'' jedha namni suuraa kana kaase Kaameeroon Makfarlaan jedhamu.

Madda suuraa, Cole Frechou

Ibsa waa'ee suuraa, "Suuraa Naacha haramaa bishaan jala ciisuu kan Niiw Orliins, Lusaaniyaa kessatti kaafame dha jedha Koole Freechoyu. ''Suuraa kana kanaan kaase riqichaa muka irraa hojjetame irra dhaabadhee waan ta'eef nageenyi koo isin hin yaadessin jedheera.''

Madda suuraa, Adam Silverman

Ibsa waa'ee suuraa, "Kun uumaman jaaladhu siritti kaasuukoof suuraan itti gammaduudha,'' jedha Adaam Silvermaan. ''Kaameeraa dachaa 25 dhiheessee kaasuu fayyadamuun suuraan kaasee kun shiriimpii lafee xixiqoo qabdu kana qaama ishee hundaa utuu hin hambisiin, fuula ishee, ija ishee isaa diimaa dabalatee kallattiin irratti argadheen qulqulleesse kan kaafameedha.

Madda suuraa, Csaba Daroczi

Ibsa waa'ee suuraa, Saabaa Daarookziitu suuraa kana kaasee. ''Ganamaan baheen suuraa kaasaa ture, gara manaatti utuun deemaa jiruu daakkiyyoota heedduun qarqara harootti arge. Akkuma sanaan diroonii (meeshaa akka xiyyaaraa jiru kan kaameeraa baatu) walitti qabsiisuun sagaleensaa akka dakkiiyoota kana hin jeeqnetti ol fagaatee akka balali'u goochuun suuraa kana kaase. Suuraa kana kan irra caalaa bareeche immoo gaadidduu warra itti dabalamuuf dhuufaa jiranii duukaa kaasuu danda'u kooti.

Madda suuraa, Calin Stan

Ibsa waa'ee suuraa, ''Kun karaa Cheyaa DN1A, kan gara Tiransilvaaniyaa geessuudha,'' jedha Kaaliin Istaan. ''Eeyye, Tiransilvaaniyaan bakka dhaloota beekamticha Ka'uunt Diraakulaati. Akkaataa karaan kun itti hojjetames ajaa'ibsiisaa fi kan ijaan ilaaluuf namatti toluudhaa.''

Madda suuraa, Alain Boudreau

Ibsa waa'ee suuraa, Aleeyn Bodrewuu - Gaaroota Maakeenzii, gaaroota hedduu walitti aananii jiran kan biyya Kanaada keessatti argamu. Magaariisummaa irraa gara daalachummaatti sababa dhiqama biyyee irraa kan ka'e jijjiiramaa jira.