Kirkirri lafaa guddaan Meeksiikoo rukute, suurawwan ilaalaa

Suurawwan balaa kirkira lafaa magniitiyuudii 7.1, kibba magaalaa guddoo Meeksiikoo rukute agarsiisan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Raayyaan waraanaa biyyatti hojii lubbuu baraaruu irratti birmatee hojjetaa jira, kun halkan irraa kaasee kan itti fufedha.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Meeksiikoo siitii keessatti hojjetoonni lubbu baraaranii fi tola ooltonni gamoo jijjige kaasuun gargaarsa gochaa jiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Namootni dhibbatti lakkaa'aman hojii tola ooltummaa lubbuu baraaruu hojjetaa jiru.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kirkirri kun sa'aatii laaqanaatti mudate, kunis namootni hedduun karaa irra wayita turanitti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kirkirri lafaa mudate gamoowwaan gurguddoo hedduu irraan miidhaa geessisee jira

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Gamoowwan hedduun namoota irratti jiganii, namoota jala jiran baraaruuf hojjetamaa jira

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Namootni hedduun naasuu keessa jiru

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataa gamoon irratti jijjigee awwaale

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Torbee tokko duras kirkirri lafaa achumatti namoota 90 ajjeese mudatee ture