Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay Raayyaan ittisaa Izii Kaaba akka buufatu waliigaleera jedhamuu morme

Madda suuraa, Office of the President-Tigray
Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay odeeffannoon Raayyaan Ittisa Itoophiyaa Naannoo Tigraay akka seenuuf Mootummaan Federaalaa ajaja dabarseera jechuun odeeffannoo tamsa’e “guutumaan guututti soba” jedheera.
Hogganaan bulchiinsichaa Letenaal Jeneraal Taaddesee Werredeen durfamu ibsa Sambata har'aa fuula Feesbuukii Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannichaarratti maxxanseen beeksiseera.
Dhiheenya kana humni ittisaa Itoophiyaa naannoo Tigraay akka seenu mootummaan federaalaa bulchiinsa yeroof beeksisuusaa odeeffannoon miidiyaalee hawaasaa adda addaa irratti qoodamaa ture
Kaleessas Raayyaa Ittisaa kaampii naannichaa keessatti bobbaasuuf walii galtee irra ga’amuu isaa kan ibsu barreeffamni biraa maxxanfamee ture
Bulchiinsi yeroo ibsa har’a baaseen himannaa kana lamaan haaleera. Ibsichi “Mootummaan federaalaa Raayyaan Ittisa Itoophiyaa akka Tigraay seenu ajajee jira” jechuun odeeffannoon tamsa’aa akka jiru hubachiiseera.
''Bulchiinsa Yeroo Tigraays akkuma kaampii Ajaja Kaabaa duraanii keessatti waliigalame karaa adda addaatiin bobbaafamaa jira,'' jedhan.
Bulchiinsi yeroo, maxxansaalee miidiyaa hawaasaa kana “jal’aa fi dogoggorsaa” jedhee kan waame yoo ta'u, “tarsiimoon, madda, fi kaayyoo yaadame” odeeffannoo akkanaa ummata biraan ga’uu duuba jiru ifaadha jedheera.
"Bulchiinsi yeroo Tigraay odeeffannoon tamsa'aa jiru guutummaatti soba ta'uu ibsuu barbaada," jechuun dabalee ibseera.
Waajjirri Pireezidaantii Letenaant Jeneraal Taaddasee ibsa kana kan baase waldhabdeen mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduu jiru gara walitti bu’iinsaatti guddachuu akka danda’u yaaddoon wayita dabalettidha.
Ji'a Amajjii keessa humnoonni federaalaa fi Tigraay naannoolee daangaa Amaaraa fi Affaar waliin daangessan keessatti walitti dhukaasanii ture.



















