Walitti bu'iinsa bakka albuudni bahuutti mudateen yoo xinnaate torba ajjeeffaman

Madda suuraa, Reuters
Gaanaatti walitti bu’iinsa namoota seeraan ala albuuda baasaniifi loltoota hojiirra turan jidduutti bulchiinsa jidduugala Ashaantii bakka albuudni bahuutti mudateen yoo xiqqaate namoonni torba du’uu raayyaan ittisa biyyaa beeksiseera.
Humni Waraanaa Gaanaa akka jedhetti, namoonni karaa seeraan alaa albuuda baasan kan gara 60 ta’an gara bakka albuuda dhaabbata guddaa addunyaa AngloGold Ashanti jedhamutti humnaan seenuuf wayita jedhaniitti loltoonni jidduu galuu yaallaan itti dhokaasuunsaanii hime.
Kunis loltoonni akka ''of ittisuuf jecha deebiisanii itti dhukaasaniif'' kan kakaase yoo ta'u, taatee kanaani ammoo namoonni du'aa fi kaan madaa'uuf sababa ta'uu ibsi kun erera.
Bakka bu'aan namoota albuuda baasaanii garuu namoonni albuuda baasan hidhannoo qabaachuusaanii haaleera.
Oduu du'a namoota kanaa hordofuun magaalaa Obu'aasi keessatti mormiin kan ka'e yoo ta'u, Atobisoonni hedduun ibiddaan gubamaniiru.
Ajjeechaa kana hordofuun jiraattonni aarii guddaa keessa galanis mooraa dhaabbatichaa marsuun yoo xiqqaate konkolaattota sadii fi meeshaalee dhaabbatichaa biraa gubaniiru.
Pireezidaanti Joon Mahaamaa dhimmicha irratti qorannoon akka gaggeeffamu ajajuudhaan, namni seeraan ala socho’ee argame kamuu seeratti akka dhiyaatu himaniiru.
Ibsi pirezidaantii irraa bahe akka agarsiisutti namoonni saddeet du'aniiru.



























