Anga'ootni Iraan waraannni yeroo kamittuu dhowuu akka danda'u akeekkachiisa kennan

Madda suuraa, SM
Amma haalli Iraan keessaa kan yeroo kamuu caalaa xiyyeeffannaa argateera.
Miidiyaaleen Iraan abiddi waraanaa guutuu Baha giddu galeessaa keessatti qabsifamuuf akka jiru sodaachisaa jiru.
Dhaabbanni Oduu Fars IRGCtti dhihoo ta'e viidiyoo Iraan misaa'ela furguggistu tamsaasuun "kun deebii Iraan dogoggora tarsiimoo Ameerikaatif kennitedha" jedhe.
Ejjennoo Iraan haleellaan waraanaa raawwachuu danda'u irratti qabdu naannawa kanatti balaa akka buusuu ibsaa jiru.
''Dogongorri tarsiimoo ykn miidhaa naannoo qilleensaa Iraan irra gahu kamiyyuu naannoo guutuu ibidda qabsiisuu jechuudha''.
Iraan haleellaan Ameerikaa kan hin oolle yoo ta'e Ollootashee dabalatee kan irratti xiyyeeffattu ta'uu irra deddeebin ibsiteerti.
Har'a Amajjii 25, suuraa footoshooppii doonii Ameerikaa haleelamtee fi dhiiga dhangala'aa jiru fakkatu agarsiisu, Addabaabayii Enghelab Tehran keessatti mul'ateera.
Hedduunis miidiyaalee Hawaasaa irratti walharkaa fuudhanii qoodaa jiru.





















