Qondaalli Sa'uudii Arabiyaa erga Ertiraa daawwatanii booda gara Itoophiyaa imalan

Torban dura Ertiraa kan turan Ministirri Dhimma Alaa Itti Aanaan Sa'uudii Arabiyaa Waalid Alkereejii har'a Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos waliin mari'atan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Bulchiinsi yeroo Tigraay ibsi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa baasee seeraan ala jechuun morme

    Asxaa

    Madda suuraa, TCB

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaa buufataalee filannoo shan bakka naannon Tigraayi fi Naannoon Amaaraa irratti wal dhaban qofatti akka dorgoman ibsee ture.

    Bulchiinsi yeroo Tigraay ibsa gama komunikeeshiinii biirichaan baaseen bakkeewwaan shanan Boordiin Filannoo ibsa itti baase iddoo seenaani fi heeranis kan Tigraay ta'ee humnaan weerarame malee dachee Tigraayin ala miti jedhe.

    Kana malees Waliigaltee Piriitooriyaa naannoon bulchiinsa Tigraayi yeroo waraanaa fi waraanan dura qabamee ture Bulchiinsa Yeroo Tigraayitti akka deebi'u ifatti ni kaa'a, ibsi kun garuu waligaltee kana kan cabsuudhas jedhe.

    Dabalataanis jiraattonni aanaalee kanneenii, qe'ee isaanii irraa buqqa'anii kaampii baqattootaa keessatti rakkachaa osoo jiranuu filannoon gaggeefamu gonkumaa fudhatama hin qabu jechuun ibseera

    Boordiin filannoo lafa weeraran qabamee jiru akka dhimmota wal falmisiisaatti dhiyeessuun fudhatamakan qabu miti jechuun mormii isaa ibse.

  2. Iraan yoo Ameerikaan gaaffii ishee guutteef waliigaltee niwukilaraa taasisuuf qophii ta'uu ibsite

    Hogganaa Olaanaa  Iraan

    Madda suuraa, ap

    Iraan sagantaa niwukilaraa ishee irratti waliigaltee uumuuf fedhii akka qabdu kan ibsite yoo ta’u, Kunisyaalii haleellaa Ameerikaa ittisuuf taasiftu akka ta'e eerameera.

    Kun kan ta'u garuu marii Ameerikaa waliin taasifamuun qoqqobbii akka irraa ka'uu fi mirga yuuraaniyeemii nageenyaaf gabbisuu ishee yoo eegame akka ta;e ibsite.

    Xiinxaltoonni akka jedhanitti tarkaanfiin kun Iraan haleellaa guddaa Ameerikaa hambisuuf filannoo dippilomaasii akka barbaaddu kan agarsiisudha.

    Teehiraan Yuuraaniyeemii ishee gabbifte keessaa walakkaa buqqiftee gara biyya alaatti erguun,isa hafe ammoo gadi xiqqeessuuf yaada akka qabdu qondaalootni kan eeran.

    Iraan kana kan gootu yoo Ameerikaan waliigaltee qoqqobbii dinagdee kaasuun, mirga Iraan ''fayyadama yuuraaniyeemii nageenyaaf'' qabdu kan hayyamtu ta'edha.

    Ameerikaan hoo tarkaanfii waraanatti utuu hin deemii furmaata dippilomaasii Iraan dhiyeessaa jirtu kanaan gara waligaltee deemuu dandeesasi?

    Waayit Haawus dhimma kana ilaalchisee hanga ammaatti ibsa hin kennine.

  3. Namichi hidhatee qe'ee Tiraamp humnaan seene ajjeefamuu Tajaajilli Tikaa ibse

    Qe'ee Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Hidhataan qe'ee Pirezidant Doonaald Tiraamp Filooriidaatti argamu, kan eegumsa cimaa qabu- Mar-a-Lago jedhamu seene itti dhukaafamuun ajjeefamuu Tajaajilli Tikaa US ibse.

    Wayita taateen kun Dilbata ganama mudatu Pirezidant Tiraamp Waashingitan ture.

    Namni kun Austin T Martin akka jedhamuu fi nama Kaameeruun Kaabaa Kaaroolaayinaa irraa ta'uu miidiyaan US michuu BBC ta'e CBS gabaaseera.

  4. Yuunivarsiitiiwwan Iraan keessatti mormiin itti fufe

    Mormii Iran

    Madda suuraa, Getty Images

    Suuraa fi viidiyoon bakka sana irraa mul’atu akka agarsiisutti guyyoota darban keessa magaalaa guddoo Iraan Tehran yunivarsiitiiwwan shan keessatti mormiin farra mootummaa gaggeeffamaa jira.

    BBC Pershiyaa fi BBC Verify erga mormiin dhiiga dhangalaasaan baatii Muddee darbe mudateen booda yunivarsiitiiwwan keessatti mormiin gurguddaan akka raawwatame mirkaneessaniiru.

    Barattoonni dhibbaan lakkaa’aman mormii yunivarsiitiiwwan keessatti gaggeeffame irratti hirmaatan, alaabaa warraaqsa Iraan duraani mallattoo biyyattii ta’e waliin mirmirsaa turan.

    Haaluma walfakkaatuun hiriirtoonni mootummaa Iraan deggeran ammoo alaabaa Ameerikaa fi Israa’el gubuun mormii isaanii ibsaniiru.

    Barattoonni Yunivarsiitii Tehran keessatti mormii farra mootummaa irratti hirmaatan dhaadannoowwan bulchiinsa sirna mooii duraanii deeggaran dhageessisan.

    Mormiin walfakkaataan yunivarsiitiiwwanii fi mooraawwan adda addaa keessatti kan geggeeffame yoo ta’u, yunivarsiitii tokko keessatti mormitoota farra mootummaa fi deeggartoota gidduutti walitti bu’iinsi uumamera.

    Mormiin torbeewwan darban keessa yoo xiqqaate namoonni kuma torbaa ajjeeffamuu isaanii maddi oduu Dhaabbata Mirga Namoomaa Iraan Ameerikaa keessa jiru irraa argame ni mul’isa.

  5. Maaliif imimmaan buusnee boonya?

    Nama boo'u

    Madda suuraa, Bogdan Malizkiy via Getty Images

    Namni yeroo gaddu, yeroo gammachuu guddaa keessa seenuu fi aaru boo'a.

    Garuu uumama keessaa kan imimmaan ofirra yaasee boo'u nama qofa akka ta'e beektuu?

    Bineensonni hedduun keessummaa jabbiin isaanii iyyanii boo'u, garuu miira walxaxaa isaanitti dhagahamu sana imimmaan buusanii hin ibsan.

    Saayinstistoonni imimmaan akkamiin akka uumamu baraniiru.

  6. Wayita soomni xumuramu bishaan qorraa moo ho’aan afaan jiifachuu wayya?

    Bishaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Yeroo Sooma ramadaana kana Muslimoonni barii irraa kaasee hanga aduun lixxutti nyaata ykn dhugaatii tokko malee waan oolaniif afaan isaan goguu danda'a.

    Sabaab soomaaf yoo ta'e malee yeroo idileetti qaamni namaa bishaan osoo hin argatin yeroo dheeraa akkasii turuun hin gorfamu jedhu ogeeyyin.

    Wantoonni ykn gosootni nyaataa hedduun yeroo soomaa nyaataman suuta akka qaaman wal baru gochuu feesiusa.

    Haa ta'u malee namoonni tokko tokko akkuma sooma isaanii cabsaniin bishaan qabbanaawaa dhuguun jalqabu.

    Garuu bishaan akkamii dhuguutu gorfama?

    Namni yeroo dheeraaf homaa utuu nyaatin ture bishaan qabbanaawaa jalqabuun sirrii akka hin taane ogeeyyiin fayyaa tokko tokko kan himan.

    Sabani isaa yeroo soomaa qaamni namaa bishaan baay'ee waan barbaaduuf bishaan qabbanaa'aan fedhii dheebuu dadhabsiisu danda'u jedhu.

    Isin bishaan akkami fayyadamtu?

  7. Hogganaan Iran Ali Kameni nama bakka isa bu'u ibsan

    Ali Larijani

    Madda suuraa, Getty Images

    Hogganaan Iraan Ali Kameni muddamni Iraan fi Ameerikaa giddutti cimuu hordofee "namoota isa bakka bu'an maqaa dhaha" akka jiru gabasaalen ibsan.

    Gaazexaan Niwu Yoork Taayims akka jedhutti, Kameniin qondaaltota olaanoo isaaniitti dhiyoo tahan keessaa tokko kan ta'an Ali Larijani kan Umurii 67 itti gaafatamummaa ijoo hedduu yeroo murteessaa kana keessatti bakka bu’uun akka raawwatan bakka buusuu ibsan

    Larijani, nama siyaasaa fi ajajaa duraanii Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa, amma Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Ol’aanaa kan hoogganu yoo ta’u, deebii biyyattiin mormii keessoo, hariiroo alaa fi marii niwukilaraa irratti kennitu kan gaggeessu ta'a.

    Gabaasni kun gaaffii fi deebii qondaaltota olaanoo Iraan jaha-kanneen keessaa tokko waajjira Hogganaa Olaanaa waliin hidhata qaba-fi miseensota Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) sadii, akkasumas dippilomaatota Iraan duraanii fi gabaasa miidiyaalee Iraan irraa argame kan waabeffatedha.

    Qondaaltonni fi miseensonni IRGC dhimma keessoo irratti yaada kennuu isaaniif maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafataniiru.

    Akka karoora kanatti, namni siyaasaa kun dhiibbaan isaa suuta suutaan dabaluun mormii keessoo to'achuu, michoota akka Raashiyaa waliin qunnamtii qabaachuu, Qaxar fi Omaan dabalatee qooda fudhattoota naannoo waliin hojjechuu fi marii niwukilaraa Waashingitan waliin taasifamu hordofuu dabalata.

    Qondaaltonni akka gabaasanitti, Kameniin haleellaan waraanaa ykn yaalii ajjeechaa hogganaa Olaanaa kana dabalatee hoggantoota olaanoo biroo irratti yoo raawwatame dhaabbileen mootummaa itti fufiinsa akka qabaatan qajeelfama kan kennu.

    Akkasumallee hogganaan haala rakkisaa murtoo kennuu hin dandeenyerra yoo jirate dhimma waraanaa fi mootummaa irratti namni kun akka murtee kennu ta'a jedhameera.

  8. Somaalilaand Ameerikaaf buufata waraanaa kennuuf qophii ta'uu beeksiste

    Pirezidantii Somaalilaand

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Somaalilaand Israa'eliin dabalataan biyyoonni kaanis beekamtii akka kennaniif sosso'aa jirti

    Somaalilaand Ameerikaan dachee ishee keessatti albuuda akka baaftuufi buufata waraanaa akka ijaartu akka eeyyamtu beeksiste.

    Bulchiinsi Somaaliyaarraa adda bahuun akka biyyaatti of labsite kana Israa'el yeroo jalqabaaf beekamtii biyyaa kenniteettif.

    Egaa biyyoonni biraallee faana Israa'el faana dhahuun akka beekkamti kennaniif sochii gochaa jirtuuni Amerikaaf waan dhiheessitu kan beeksiste.

  9. Puutin Waraana Addunyaa III jalqabsiiseera - Zeleniskii

    Pirezidantii Yukireen olodmiir Zeleniskii

    Madda suuraa, Fred Scott/BBC

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin, Pirezidant Puutin Waraana Addunya III jalqabsiiseera jechuun ‘karaan tokkichi gara duubaatti akka deebiyu gochuun danda’amu, dhiibbaa waraanaafi dinagdee taasisuunidha’ jechuun BBCtti hime.

    Mo’amaa akka hin jirreefi dhumarratti waraana kana injifannoo Yukireeniin akka goolabamu kan ibse Zelenskiin, kana kan dubbate gaaffiifi deebii Kiiv keessatti BBC waliin taasiserratidha.

    “Ammas taanaan akka Puutin jalqabsiisetti amanna. Gaaffiin jiru kutaawwan meeqa qabacuu danda’a kan jedhuufi akkamitti dhaabsisuun danda’ama kan jedhudha…”.

    Raashiyaan lafa amma harkashee jiruufi kutaa blchiinsa Yukireen gama bahaa %20 ta’u hanga dhumaatti dabarfamee akka kennamuuf gaafachaa kan jirtu, akkasumas waa’ee daanga abiyyattii gaafatameera Zeleniskiin. Dhukaasni akka dhaabbatu gochuu dandeenyaan gaaffiin lafaa/daangaa kun fudhatama hin qabuu? Gaaffiin jedhus dhiyaateera.

    Zeleniskiin kan akkas jechuun deebise: „Ani dhimma kana kanan ilaalu karaa adda ta’eenidha. Salphaamatti dhimma lafaa/daangaa godhee hin ilaalu. Akka dabarsanii kennuu, ejjennoo keneya akka dadhabsiisuu, ummata keenya kuma dhibbaan lakkaa’aman achi keessa jiraatan akka dhiisuu ta’ettin ilala. Ani kanan ilalau akkasittidha. ‘Gadhiisnee bahuun’ hawaasa keenya akka qoqqoodu sirriittin beeka,” jedhe.

    Gaaffii kana deebisuun qofti fedhii pirezidant itti fufinsaan ni guuta amantaa jedhu akka hin qabne Zeleniskiin dubbateera. “Tarii yeroo murtaa’eef isa gammachiisuu danda’a… wanti barbaadu xiqqoo boqochuudha,” jechuun ibse.

    “Ani akkan yaadutti, yeroo wagga lama hin caalle keessatti deebiyee dandamachu danda’a. Itti aansee eessa deema? Hin beeknu. Haata’u malee, [waraanni kun] akka itti fufu fedhuun isaa ifadha,” jechuun yaaddoo qabu ibseera.

    Torban darbe Yukireen fi Raashiyaan jaarsummaa Ameerikaatiin Jenevaa keessatti marii gaggeessaniiru. Mariin kun osoo waliigalteerra hin ga’iin xumurameera.

  10. Ugaandaan ajajaa RSF simachuu Sudaan balaaleeffatte

    Ajajaa RSF

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Mootummaan Sudaan Yugaandaan ajajaa hidhattoota RSF kan waraana Sudaan lolaa jiru simachuu ishee balaaleeffate.

    Kuni, ''arrabsoo nameenya irratti'' raawwatedha jedhan.

    Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Yugaandaan ajajaa RSF Mohaammad Hamdaan Dagaaloo simachuun seera idil addunyaa cabsitetti jedheera.

    Hidhattoonni RSF wal waraansa Sudaan keessa adeemaa jiruun sarbama jabaa raawwataniiru jedhamuun himatamu, isaan ni waakkatu.

    Gaafa Jimaataa Pirezidantiin Yugaandaa Yoweeri Museeveni Dagaaloo waliin masaraa isaanii Inteebeeetti argamutti wal argan.

    Museeveniin waraana Sudaaniifi RSF akka araarsan Gamtaa Afrikaan muudamani.

  11. Ertiraa kan turan qondaalli olaanaan Sa'uudii Ministira dhimma alaa Itoophiyaa waliin mari'atan

    Ministira Dhimma Alaa Itti Aanaan Sa'uudii Arabiyaa Waalid Alkereejii fi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos

    Madda suuraa, MFA

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Itti Aanaan Sa'uudii Arabiyaa Waalid Alkereejii fi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos

    Torban dura Ertiraa kan turan Ministirri Dhimma Alaa Itti Aanaan Sa'uudii Arabiyaa Waalid Alkereejii har'a Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos waliin mari'atan.

    Qondaalonni biyyoota lameenii Wiixata, Bitootessa 23, 2026 nagaa fi tasgabbii dantaa biyyoota lameenii mirkaneessuu keessatti murteessaa ta'e irratti mari'achuu ibsaniiru.

    Qondaalli Sa'uudii kun gara Itoophiyaa imaluu dura Asmaraatti Pirezidantii Ertiraa Isaayyas Afaworqii waliin dhimma Galaana Diimaa fi dhimmoota naannawa sanaa irratti mari'atanii turan.

    Yeroo pirezidantii Ertiraa waliin walarganitti ga'ee biyyoonni nageenyaa fi tasgabbii handaara galaanaa eegsisuu keessatti qabaachuu malan irratti dubbataniiru.

    Torban lama dura ammoo Ministirri Dhimma Alaa Sa'uudii Arabiyaa ilmi mootii Fayisal bin Farhaan Itoophiyaatti Ministira Muummee Abiy Ahmad waliin dhimmoota dantaa biyyoota lameenii ta'an akkasumas dhimmoota naannawa Gaanfa Afrikaa irratti mari'atanii turan.

    Yeroo sanatti qondaalli Sa'uudii kun dhimmoota ijoo hariiroo biyyoota lameenii cimsan irratti MM Abiy waliin mari'achuu ibsan.

    Akkasumas Gaanfa Afrikaa keessatti dhimmoota dantaa biyyoota lameenii [Sa'uudii fi Itoophiyaa] ta'anii fi dhimmoota sadarkaa addunyaatti jiran irratti ga'ee qabaachuu danda'an irratti waliin mari'achuu eeraniiru.

    Waalid Alkereejii har'a Geediyoon Ximootiwoos waliin dantaan Itoophiyaa fi Sa'uudii Arabiyaa Gaanfa Afrikaa akkaataa mirkanaa'uu danda'u, akkasumas nagaa fi tasgabbii galma kana milkeessuu irratti mari'achuu ibsan.

    Torbanoota dura ministirri dhimma alaa Itoophiyaa gara Sa'uudii Arabiyaa imaluun aanga'oota mootummaa biyyattii waliin mari'atanii turan.

    Waalid Alkereejii erga Ertiraa daawwatanii torban booda gara Itoophiyaa kan imalan wayita Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti waraanni ka'a jedhamee sodaatamutti.

  12. Yaaddoo waraanaa Tigraayitti cimeen dhiphanne - Jiraattota

    Keessoo Magaalaa Maqalee
    Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattonni akka jedhanitti hanqinni maallaqa isaan rakkiseera

    Naannoon Tigraay waraana waggaa sadii turerraa osoo hin bayyanatiin yaaddoon waraanaa haaraa ka'uu mala jedhu cimaa jira.

    Gama Naannoo Amaaraan daangessutti walitti bu'iinsi torban lama ture dhaabatus ammallee hawaasni naannichaa yaaddoo guddaa keessa akka jiru maddeen ibsu.

    Jiraattonni BBC'n dubbise akka jedhanitti hanqinni maallaqaa baankii keessaa jiruu isaanii yaaddesseera.

  13. Kim Jong-un dura taa'aa paartii Kooriyaa Kaabaa bulchuu ta'uun irra deebiin filatame

    Kim Jong Un

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Paartiin Kooriyaa Kaabaa bulchu- Paartiin Hojjettootaa Kim Jong Un dura taa'aa gochuun filachuu miidiyaan biyyattii gabaaseera.

    Maatiin Kim bara 1940 irraa eegaluun biyyattii bulchaa kan jiran waan ta'eef dureen biyyattii kun irra deebiin filatamuun waan ajaayibaa miti.

    Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa KCNA biyyattiin bulchiinsa Kim Jong Un jalatti ''jijjiirama bu'uura galmeessisteetti,'' jedhe.

    Humna nukilaraa qabdu fayyadamuun waraana ittisuu irratti tarkaanfiin biyyattiin fudhatte akkaan murteessaa ta'uu gabaase miidiyaan kun.

    Kooriyaan Kaabaa yeroo dheeraaf qoqqobbii addunyaa jala jiraattus yeroo ammaa humna nukilaraa ishee ijaaruu itti fuftee jirti.

    Yeroo adda addaatti misaa'eloota qoqqobbiin irra kaa'aman dhukaasuun shaakala taasisteetti.

    Haata'u malee mootummaan biyyattii dhimma humna waraanaa isaa iccitii cimaan waan qabuuf dameen kun biyyattii keessati hangam guddaa akka ta'e beekuun rakkisaadha.

    Kim Jong Un erga bara 2011 abbaansaa du'ee booda bakka bu'uun biyyattii bulchaa jira.

    Qondaalli biyyattii kun keessattuu sagantaa nukilaraa biyyattiif xiyyeeffannaa addaa kennuun hojjeta.

    Tarkaanfiin isaa kun Kooriyaan Kaabaa biyyoota lixaaf, keessatti Ameerikaatti qormaata akka taatu godheera.

  14. Humna waraanaa fiixee Somaalee hanga Mitsiwwaa tiksu ijaarreerra - MM Abiy

    Ministira Muummee Abiy Ahmed

    Madda suuraa, FDRE Defense

    Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaan Itoophiyaa humni leenjii addaa fudhate jedhan Baha Afrikaa tiksuuf humna akka qabu dubbatan

    Itoophiyaan humna waraanaa leenjii addaa fudhate biyyarra kan darbe Baha Afrikaa tiksuu danda'u akka ijaarte Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbatan.

    Bulchaan Itoophiyaa hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa magaalaa Hawaasaatti yeroo kabajametti kana dubbatan.

    Dubbiin isaanii kuni yeroo muddamni Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti hammaatee jirutti dhagahame.

  15. Fedhii Tiraampiif kan hin jilbeeffanneef "Iraanota" waan taaneefidha - Ministira Dhimma Alaa Iraan

    Abbaas Araagchii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii dhiyeenya kana ergamaan addaa Pirezidant Tiraamp Istiiv Wiitkoof Iraan maaliif fedhii Tiraamppf hin bitamtu jedhee isa gaafatee ture. Abbaas deebii kenneen “Iraanota waan taaneef” deebii jedhu kenne.

    Yaadni kun kan dhaga;ame biyyoonni lamaan marii marsaa sadaffaa osoo wal hin argiin durseeti. Torban darbe jaarsummaa Omaan gaggeessituun biyyoonni lamaan Siwiizerlaand Jenevaattiw al arganii mariyataniiru.

    Ameerikaa bakka bu’uun mariirratti kan hirmaatu ergamaan addaa Istiiv Witkoof Fox News waliin gaaffiifi deebii taasiseerratti, Tiraamp Iraan osoo dhiibbaan hanga kanaa irra gahaa jiruu maaliif jilbeeffachuu akka didde baruu akka barbaadu ibsee ture.

    Ergamaan addaa kun Ameerikaan naannoo sanatti doonii jeettii waraanaa baatu bobbaastullee “harka kan hin kennineef” maaliif akka ta’e pirezidant Tiraamp baruu barbaadu jedheera.

  16. ASHAMAA!

    Akkam jirtu? Toora ittiin odeeffannoo kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Oduuf xinxalaaf Marsariitii, Facebook, Whatsapp fi YouTube keenya mil'adhaa.

    Nu hordofaa.