'Iraan irratti oppereeshinii gaggeessinu "gara kutaa itti aanu jalqabuutti deemaa jirra' - IDF

Iraanonni waraanniifi oduun waraanaa akka isaan dadhabsiiseefi nuffisiise BBCtti dubbachaa yeroo jiranitti, Humni Waraanaa Israa'el (IDF) ammoo oppereeshinii Iraan irratti gaggeessu 'kutaa itti aanutti' deemaa jiraachuu ibse.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri Faransaay lammilee biyyattii fiduuf deeme sababa misaa'ela dhukaafamuun osoo UAE ga'iin deebiyuuf dirqame
  • Tiraamp egeree Iraan keessatti gahee akkamii akka qabaatu dubbate
  • Azarbaajaan haleellaa diroonii Iraan raawwatteef deebii kennuuf dhaadatte
  • Iraan biyyoota Gamtaa Awurooppaa akeekkachiifte
  • Iraan misaa'eloota hedduu Israa'elitti dhukaaste
  • Israa'el haleellaa haaraa Tehraan irratti eegaluu ibsite
  • Senetiin US aangoo waraana labsuu Pirezidant Tiraamp deggere
  • Awustiraaliyaa fi Kanaadaan waraanni Baha Giddugaleessaa akka qabbanaa'u gaafatan, Iraan nukilara hidhachuu hin qabdu jedhan
  • Sa'uudiin misaa'eloota Iraan itti dhukaaste qilleensarratti qolachuu ibsite
  • Dooniin waraanaa Iraan Sirilaankaa qarqaratti dhidhimtee namoonni 140 bakki ba'an dhabame
  • Dabalataan odeessaalee keenya karaa marsariitii (website), YouTube, Facebook fi WhatsApp hordofuu hin dagatinaa!

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Israa’el sadarkaa waraanaa itti aanu yoo labsitu, US ‘humni abiddaa Iraan irratti bifa diraamaa ta’een dabala jette

    Pirezidant Doonaald Tiraamp, Ministir ittisaa US peet Hegseez fi ajajaa giddugaleessaa kan saatii wal fakkaataa keessatti jedhan:

    • US meeshaa waraanaa gahaa waan qabduuf duula Iraan irratti taasiftu hanga akka dheeratu barbaadduutti itti fufuu dandeessi jedhe Ministirri Ittisaa pee Hegseez.
    • Humna US boombii darbatuun Iraan keessatti bakkawwan irratti xiyyeeffataman 200'tti siqan sa'aatii 72 keessatti haleelamaniiru jedhe ajajaan giddugaleessaa Admiiraal Biraad Kuuppar.
    • Tiraamp Iraaniin eenyu akka gggeessurratti "gahee murteessaa" qaba jedhe Hegseez.
    • Humni abidaa Iraan irratti haala diraamaa ta'een babal'achuu danda'a akka Hegseez jedhutti.
    • Michoonni US baayyeen gargaarsa gochuf jedhan dabalaa jira jedhe Hegseez.
    • US "saatii hunda" humna dirooniifi misaa'elaa Iraan haleelaa jirti jedhe Tiraamp.
    • Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waraanni US Israa'el waliin ta'uun bakkawwan Iraan irratti xiyyeeffatamuu qaban "yeroo karoorfame baayyee dursee guutummaatti diigeera [diigaa jira] jedhe.
  2. Tiraamp waraanni US Iraaniin 'guutummaatti diigeera' jedhe

    Pirezidant Doonaald Tiraamp Taphattootaafi miseensota garee kubbaa miilaa Inter Miyaamii waliin

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waraanni US Israa'el waliin ta'uun bakkawwan Iraan irratti xiyyeeffatamuu qaban "yeroo karoorfame baayyee dursee guutummaatti diigeera [diigaa jira] jedhe.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp Kilaba David Beekam kan Liyooneel Meesiin keessa taphatu Inter Miyaamiin bara kana Maajar Liigii Sookar Ameerikaatti shaampiyoonaa ta'uu hordofee isaan waliin Waayit Hawusitti wal arguun haasaa taasiseera.

    Tiraamp yeroo Meesii fi taphattootaafi hojjetoota Inter Miyaamii waliin wal arge kanatti dhimma waraana Iraan kaasuun dubbateera.

    Haasaa dhimma kubbaa osoo hin xumuriin waa'ee Iraan keessatti deema ajirutti utaaluuf yeroo isatti hin fudhanne Tiraamp.

    US "saatii hunda" humna dirooniifi misaa'elaa Iraan haleelaa jirti jedhe.

    "Kanaaf isaan humna qilleensaa hin qaban, humna ittisa qilleensaa hin qaban. Xiyyaaronni isaanii hunduu sokkaniiru, komunikeeshiniin isaanii hin jiru," jedhe. "Kanarraa kan hafe isaan nagaa jiru."

    Haasaa inni taasise kun namoota walitti qabamanii jiran keessaa kolfaafi sagalee jajuu faffaca'aa tokko isaaf argamsiiseera.

    Tiraamp mootummaa Iraan waliin "waggoota gadadoo 47" darbanoiiru jedhe. Mootummaa [Iraan} namoota nagaa Iraan akkaan miidheera jechuunis himate.

    "Ummanni keenya hojii ajaa'ibaa hojjechaa jira," jedhe Tiraamp.

    Itti dabaluun, wayita walitti bu'iinsi kun itti fufee jiruttis gatiin boba'aa akka ol hin baane gochuufis karoora qaba jedhe.

    Dabalataaf:

  3. Xiyyaarri Faransaay lammilee biyyattii fiduuf deeme sababa misaa'ela dhukaafamuun osoo UAE ga'iin deebiyuuf dirqame

    Iraan Dubaay dabalatee magaalota biyyoota Baha Giddugaleessaatti misaa'elii dhukaasaa jirti

    Madda suuraa, Getty Images

    Xiyyaarri Faransaay lammileen biyyattii Baha Giddugaleessaa haleellaa Iraan gaggeessituun goolamaa jiru keessaa baasuuf balali'aa ture osoo Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) hin qaqqabiin sababa misaa'elii dhukaafamaa jiruuf ofirra deebiyuuf dirqameera.

    Minisrirri Tiranispoortii Faransaay Filiip Tabaarot balaliin xiyyaaraa Air-France addatti ergame UAE irraa lammilee Faransaay fuudhee deebiyuuf ergamee ture garuu ofirra deebiyuuf dirqameera jedhe.

    Akka Mr. Tabaarot jedhetti, xiyyaarri Faransaay ofirra deebiyuun kun tasgabbii dhabuu naannichaafi oppereeshiniin lammilee biyyattii nagaan deebisuuf taasifamu walxataa taasiseera.

    Halkan kana ergaan akeekkachiisaa haaraa karaa bilbilaa namoota Dubaay jiranitti akka dhukaasni Iraan irraa dhufu akeekkachiisu ergamee kan ture yoo ta'u, booda ergaan kun kaafameera.

    Aanga'oonni UAE misaa'eloonni Iraan ja'aa fi dirooniiwwan 100 Kamisa qolatamaniiru jedhan.

    Duutiifi namni cimaa madaa'uun gabaafame hin jiru.

    Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataaf:

  4. Embaasiin US Kuweet jiru hojii dhaabe

    Embaasiin Yunaayitid Isteetis kan Kuweet jiru hojii dhaabuu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa baaseen beeksise.

    Hojjetoota US irra miidhaan ga'uu kan gabaafame jiraachuu baatullee, nageenyi Ameerikaanotaa biyya alaa jiranii dhimma dursi kennameefiif irratti hojjetamu ta'uu himeera.

    "Lammileen US Kuweet keessa jiran nagaan bahuu kan danda'an taanaan balaliiwwan daldalaan ykn filannoowwan tiraanispoortii jiraniin gochuu qabu. Lammileen US ba'uu hin dandeenye garuu bakkuma dahattanii jirtan keessa turaa," jedhe ibsi bahe.

  5. Israa'el waraan 'kutaa itti aanu' jalqabaan jira jette, Iraanonni ammoo waraanni isaan dadhabsiisuu BBCtti himan

    Aara haleellaa Iraan keessatti gaggeeffameen booda mul'atu

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Iraanonni waraanniifi oduun waraanaa akka isaan dadhabsiiseefi nuffisiise BBCtti dubbachaa yeroo jiranitti, Humni Waraanaa Israa'el (IDF) ammoo oppereeshinii Iraan irratti gaggeessu 'kutaa itti aanutti' deemaa jiraachuu ibse.

    Chiif oof istaafiin IDF, Iraan irratti oppereeshinii gaggeessu "gara kutaa itti aanu jalqabuutti deemaa jirra. Mootummichaafi dandeettii humna waraanaa isaa kana caalaa dhabamsiisna," jedhe.

    Chiif oof istaaf Lt Jen. Eyyaal Zamiir Israa'el fi US "Iraaniin karaa tarsiimawaa ta'een adda akka baatu gochuun kan kanaan dura beekamtu" sanaan ala ishee gochuun ishee dadhabsiisneerra," jedhe.

    Itti dabaluun guyyoota ja'aaf "osoo addaan hin kutiin" iraan haleelsaa turuu himuun, "oppereeshiniin kun akkaataa saffisa karoorsineen cimee itti deemamaa" jira jedhe.

    Ibsa isaa keessatti akkas jechuun barreesse: "kutaa haleellaa osoo hin eegamiin jalqabame kan olaantummaa qilleensaa ittiin qabanneefi girrisa balastik misaa'elii itti ukkaamsine kana xumuruun booda, amma gara oppereeshinii kutaa itti aanuutti deemaa jirra.

    "Kutaa kana keessatti ammoo, dandeettii mootummichaafi humna waraanaa isaa dhabamsiisna.

    Ammas waan hin eegamne tasaa tokko kanan amma ifa gochuu hin barbaadne tokko fuula duratti ta'u qabna."

  6. Tiraamp egeree Iraan keessatti gahee akkamii akka qabaatu dubbate

    Pirezidantii US Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaan Iraan irratti baname torban tokko guutaa yeroo jirurratti, Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waraanaan booda waan Iraan keessatti ta'u ilaalchisuun mul'ata qabu tolfachuu jalqabeera.

    Akka aanga'aan Waayit Hawus tokko BBCf mirkaneessetti, Tiraamp ilma Gaggeessaa Waliigalaa Iraan duraanii Ayaatolaa Alii Kameenii, Mojtaabaa Kameenii abbaa isaa dhaaluun gaggeessaa biyyattii itti aanu ta'uu isaa mromeera.

    Tiraamp Axios irratti Kamisa akka dubatetti, gaheessi umuriin isaa waggaa 56 ta'e Mojtaabaa Kameenii bakka abbaa isaa kan Sambata darbe haleellsaa US-Israa'el Iraan irratti gaggeessaniin ajjeefamee bu'uun " bu'aa fudhatama hin qabne" ta'a.

    Mojtaabaa Kameenii gaggeessaa biyyattii ta'uudhaaf nama adda durummaan maqaan isaa ka'aa jirudha.

    Pirezidant Tiraamp Axios fi miidiyaalee kaanitti akka dubbatetti, gaggeessaa Iraan itti aanu filuu keessatti kallattiin gahee qabaachuun egeree siyaasa biyyattii qixa qabsiisuu fedha.

    Tiraamp akkuma Amajji keessa Venezuweelaatti duuluun Nikoolaas Maduuroo qabachuun Deelsii Roodiriigez akka biyyattii hoggantu deeggare sana Iraan keessattis haaluma wal fakkaatuun 'waan inni fedhu' akka ta'u fedha.

    Yaadni kun Tiraamp waraanaan booda sirna siyaasa Iraan qixa qabsiisuu keessatti hirmaachuuf karoora qabaachuu yeroo jalqabaaf kan itti mul'atedha.

    Tiraamp kanana dura waa'ee kaayyoo humna waraanaa Yunaayitid Isteetis kan dubbate yoo ta'u, dhimma Alii Kameenii bakka buusuu garuu kanana dura waan jedhe hin qabu ture.

    Iraan fi Venezuweelaa wal dorgomsiisuun Tiraamp kan nama ajaa'ibu ta'eera, keessumaa akka pirezidantii Ameerikaa walitti bu'iinsawwan alaa keessaa baasuun qaba jedhee waadaa galaafi duulaa taasisaa ture tokkoof 'jechaafi gochi' isaa akka wal faallessu taasiseera.

    Dhaabbata haaraa Gaazaa deebisee ijaaruufi waraanaan booda Israa'el waliin ta'u hiree siyaasaa isaa murteessu Boordii Nagaa jedhee hundeesses walitti qabaa godhee of muudeera Tiraamp.

    Tiraamp gaggeessaa Venezuweelaa loluu keessa seene. Ammas Tiraamp itti dabaluun Iraan tarree mootummoota biyya alaa dhimma isaanii keessa harka galfachuu barbaadu keessa tokko godhateera.

  7. "Cobi boba'aa karaa Ulaa Hormuz akka darbu hin eeyyamu"- Iraan

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Iraan masaanuuwwan ishee jechuun kan ibsitu US fi Israa'eliin haaloo ba'uuf biyyoota Galoo Galaanaa irratti haleellaa raawwatteetti.

    Sarara daldala boba'aa addunyaa akkaan murteessaa kan ta'e Ulaa Hormuz kan to'attee jirtu Iraan, wayita biyyoonni lixaa tarkaanfii gosa garagaraa irratti fudhachuu eegalan ulaa kana cufuun doorsisti.

    Ammas sarara boba'aan addunyaa dhibbeentaa 20 ta'u keessa darbu kana cufuun dooniiwwan karaa kana darban haleeluutti jirti.

  8. Biyya dhihoo kana MM Abiy daawwatan yeroo 'dirooniin Iraan' haleelu daawwadhaa

    Ministeerri Dhimma Alaa Azarbaajaan dirooniin Iraan buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Naakchivaan haleeeluu dubbate.

    Dirooniin biraammoo dhiheenya mana barumsaatti lafa bu'uu beeksise.

    Qondaalonni akka jedhanitti, yoo xiqqaate namoonni afur madaa'aniiru.

    Naannawa Nakchivaan jedhamu keessa buufatni waraanaa Azerii kan argamu yoo ta'u bakki kunis Iraaniifi Armeeniyaa daangessa.

    Iraan haleellaa hin raawwanne jettee waakkattus Pirezidantiin Azarbaajaan garuu Iraan shororkeessummaan himatanii haaloo bahuuf dhaadachuu isaanii AFP'n gabaaseera.

  9. Waraana adeemaa jiru kallattiin argachuuf nu hordofaa

    Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

    Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.

  10. Daawwadhaa: Haleellaa raawwatame hordofee magaalaa Teehraan irratti aarri adiin yeroo mul'atutti

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Haleellaa raawwatame hordofee magaalaa Teehraan irratti aarri adiin yeroo mul'atutti
  11. Dhohinsi guddaan Teehraan raasaa jira, Iraan mi'saa'eloota hedduu Israa'elitti dhukaaste

    Aara haleellaa mudate hordofee mul'ate

    Madda suuraa, Getty Images

    Guyyaa ja’affaa US-Israa’el Iraan irratti hallee banan irratti magaalaa Teehraan fi kanneen biroo keessatti dhohinsi dhaga’amaa jira. Iraan ammoo gamasheetiin misaa’eloota lakkoofsaan hedduu ta’an Israa’el irratti dhukaasuu waraanaashee beeksiseera.

    Sababa haleellaa har'a ganama raawwatameen magaalaan guddoo Iraan, Teehraan samiin ishee aara gur'aachaan haguugamee kan mul'atu yoo ta'u, magaalaa gama lixa Teehraan irratti argamtu Kaaraaj keessatti haleellaan US-Israa'el kun raawwatameera.

    Magaalonni Bulaan fi Sanaandaajis akkuma kana haleellaan irratti raawwatameera.

    Iraan ammoo gamaheetin misaa'eloota lakkoofsaan hedduu ta'an gara Israa'elitti dhukaasuu humni waraanaa Israa'el beeksisee, misaa'eloota kanneen fashalsiisuuf yaalaa akka jiru himeera. Dabalataanis, ergaa akeekkachiisaa karaa bilblaa lammileef dabarsaa jiru.

    Namoonni ergaan akeekkachiisaa isaan qaqqabe hanga ergaan biraa isaan gahutti bakka dahoo keessa akka turan gorfamaniiru.

    Gabaastonni AFP Yerusaalem keessa jiran bilblawwan ergaa akeekkachiisaafi dhohinsawwan dhaga'uu isaanii gabaasaniiru.

    Dabalataan guyyaa waraanni kun jalqabee kaasee haleellaan misaa'elaafi diroonii Iraaan kan irratti raawwatamaa jiru Yunaayitid Arab Emireetis (UAE)n guyyaa har'aa misaa'elootaafi dirooniiwwan 100 ol akka itti dhukaafaman beeksisteetti.

    Suuraawwan saatelaayitii BBC Verify argate akka mul'isutti Sambatarraa kaasee haleellaa Iraan irratti raawwatamaa jiruun dhaabbileen waraanaafi hoggantoota siyaasaa Iraan irratti miidhaan guddaan raawatameera.

    Haaluma wal fakkaatuun, haleellaa Iraan baahireen irratti raawwatteen gamoon dheeraa manneen jireenyaa ta'e rukkutamee miidhaan akka irra gahe suuraawwan saatelaayitiirra argaman ni mul'isu. Guyyaa haleellaan Iraan irrati raawwatamerraa kaasee namoonni 1,045 akka ajjeefaman sabaa-himaaleen biyyattii gabaasaniiru.

    Yeroo US-Isra'el Iraan irratti haleellaa walirraa hin cinne raawwachaa jiran kanatti, Teehraan ammoo Israa'el fi biyyoota Baha Giddugaleessaa biroorratti haleellaa misaa'eliifi dirooniin gaggeessaa jirti.

    Odeeffannoo biroo kanaan walqabataniif:

  12. Azarbaajaan haleellaa diroonii Iraan raawwatteef deebii kennuuf dhaadatte

    Pireezdaantii Azarbajaan Ilhaam Aliyeev

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pireezdaantii Azarbajaan Ilhaam Aliyeev

    Azarbaajaan har’a ganama dirooniin Iraan buufata xiyyaaraa ishee haleeluu ishee kan beeksifte yoo ta’u, preezdaantiin biyyattii Ilhaam Aliyeev humni waraanaa biyyattii haaloo ba’uuf akka qophaa’u ajajan

    Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii haleellaa dirooniin raawwatameen namoonni nagaan lama madaa’uu beeksiseera. Mootummaan Iraan haleellaa kanaaf itti gaafatamaa miti jechuun himannaa kana haaleera.

    Mootummaan akka jedhetti haleellaan dirooniin kun kan raawwatame bulchiinsa Azarbaajaan Nakhchivan kan Iraanii fi Armeeniyaa waliin wal daangessu keessatti ta’uu ibseera.

    Ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Azarbaajaan kenneen, “Dirooniin tokko gamoo buufata xiyyaaraa Rippabiliika Nakhchivan keessatti argamu kan rukute yoo ta’u, dirooniin biraa ammoo naannoo mana barumsaa ganda Shakarabad jedhamutti kufe.”

    Akkasumas haleellaa diroonii kanaan gamoo buufata xiyyaaraa miidhamuu fi namoonni qulqulluu lama madaa’uu isaaniis gabaafameera.

    Pirezidaantiin Azarbaajaan Ilhaam Aliyeev haleellaa kana ''gocha shororkeessummaa'' biyya isaanii irratti raawwatame jechuun Iraan ''akka itti gaafatamtu'' gaafachuu isaanii dhaabbati oduu mootummaa APA gabaaseera.

    Pirezidaantichi haasawa walga’ii Mana Maree Nageenyaa biyyattii irratti taasisaniin, “gocha shororkeessummaa fi weeraraa bu’uura hin qabne kana Azarbaajaan hin obsinu” jedhan.

    "Humni waraanaa keenya tarkaanfiiwwan haaloo ba'uuf akka qophaa'u fi hojiirra oolchuuf qajeelfamni kennameera" jechuun tarkaanfiin akka fudhatamu agarsiisaniiru.

    Dhaabbanni oduu kun akka gabaasetti waraanni ''hojii kamiyyuu raawwachuuf qophaa'uu qaba'' jedheera.

    “Ka’umsaa fi daandii balalii” diroonii kanaa irratti qorannoon gaggeeffamaa akka jiru ibsameera. Haa ta’u malee, “haleellaan kun naannoo Rippabiliika Islaamaa Iraan keessaa kan raawwatame” jechuun himateera.

    Ajajaan humna waraanaa Iraan BBC Persian waliin gaaffii fi deebii taasise, Tehran taatee kana keessatti harka akka qabdu jechuun haaleera. "Gochoonni kunneen hariiroo biyyoota Musliimaa gidduu jiru tasgabbii dhabsiisuuf Israa'el raawwachaa jirti" jedhan.

  13. Daawwadhaa: Dooniiwwan karaa ulaa Hoormuz (Iraan) darban erga waraanni jalqabee guyyaa keessa akkamiin akka hir'achaa deeme

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Dooniiwwan karaa ulaa Hoormuz (Iraan) darban erga waraanni jalqabee guyyaa keessa akkamiin akka hir'achaa deeme
  14. Iraan biyyoota Gamtaa Awurooppaa akeekkachiifte

    .

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, .

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan akka jedhanitti, biyyoonni Gamtaa Awurooppaa haleellaa Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti raawwatan kan Tehran akkab seera addunyaa cabsuutti ilaaltu yoo callisanii “gatii ni kanfaluu jedhan.

    Qondaalli kun seera addunyaa cabuu biyyootni Awurooppaa callisanii ilaaluu itti fufnaan yeroo gabaabaa keessattis ta’e booda gatii ni kaffalu” jechuun akeekkachiisan.

    Akka gabaasni miidiyaalee tokko tokko jedhanittibiyyootni Awurooppaa biyyoota Galoo Galaanaa meeshaalee ittisa diroonii Iraan gargaaruu yaadaa jiru.

    Hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa, Kaja Kallas, gamtaan kun biyyoota Galoo Galaanaa haleellaa diroonii Iraan akka ittisan gargaaruuf yaadaa jira jedhan

    Yukireen muuxannoo diroonii qolachuu qabdu qooduudhaan gargaaruu akka dandeessu ibsiteerti.

    Iraan biyyootni kunneen akka waraana kana keessa hin seenne akkasumallee Israa'elii fi Ameerikaan ''itti yaadanii'' naannoo namoota siiviilii irratti xiyyeeffachuu callisanii ilaaluu akka hin qabne kan ibsite.

    Ministeerri Dhimma Alaa Iraan, haleellaan qilleensaa guyyoota darban keessa raawwatame kan seera addunyaa cabsuu akka ta’e fi naannoo siiviilii fi bu’uuraalee misoomaa waraanaa hin taane irratti kan xiyyeeffachuun hammeenya waraanaa itti fufuu himatan.

  15. Biyyoonni Awurooppaa garaa garaa biyya Saayppiras tiksuuf humna galaanaa ergaa jiru

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Biyyoonni Awurooppaa humna galaanaa isaanii gara biyya miseensa Gamtaa Awurooppaa taate Saayippiras gargaaruf ergaa jiru. Kun buufatni galaanaa UK Saayippiras jiru dirooniin rukutamuu hordofeeti.

    Ministeerri Ittisaa Itaalii Guuyidoa Kirooseettoo Itaaliin Ispeen, Firaansi fi Neezarlaand waliin ta'uun Saayipirasif "humna galaanarraa" ni ergiti jedhan.

    Bobbiin guyyoota dhufan keessa raawwatama jedhan.

    Sa'aatiiwwan muraasa dura waajjirri Pireezdaantii Firaans Immaanu'eel Maakiroon hoggantoota Itaalii fi Giriik waliin dubbachuun ibsuun Saayippirasiif meeshaa erguuf waliigaluu ibsan.

    Har'aa yeroo muraasa dura odola tanarratti sagaleen akeekkachiisaa haleellaa hordofee iyyu daqiiqawwan 10niif dhagahamuu gabaaafame

  16. Iraan doonii Ameerikaa haleeluun haaloo baate

    .

    Madda suuraa, Geettii Images

    Ibsa waa'ee suuraa, .

    Iraan dooniin waraanaa ishee liqimfamuu haaloo ba'uuf doonii boba'aa Ameerikaa haleelteerti.

    Eegdonni Warraaqsaa Iraan ibsa televijiinii mootummaa irratti baaseen, dooniin Ameerikaa kun kaaba Galoo Galaana Pershiyaa keessatti haleelamte.

    Iraan Ameerikaan doonii waraanaa Iraan naannoo qarqara galaanaa Siriilaankaatti akka dhidhimtu taasisuu isheetiin aartee haaloo baafachuuf dhaadattee turte.

    Dooniin waraanaa Iraan Hindiirraa deebi'aa turte Roobii darbe Ameerikaan haleelamtee qarqara galaanaa Siriilaankaatti liqimfamte.

    Haleellaa kanaan lammiileen Iraan hedduun ajjeefamaniiru. Kanaan kan aarte Iraan Kamisa hara'aa haaloo baate.

    TV'n mootummaa Iraan doonii boba'aa Ameerikaa Galoo Galaana keessa jiru irratti haleellaa misaa'elaa guddaa raawwachuu gabaase. Haleellaa kana booda doonii boba'aa kanatti ibidda qabateera.

    Akka Rooyitars gabaasetti, Eegdonni Warraaqsa Iraan ibsa televijiinii mootummaa irratti baaseen, dooniin kun kaaba Galoo Galaana Pershiyaa keessatti misaa'elaan rukutamtee yeroo ammaa ibiddaan gubachaa akka jirtu ibseera. Haa ta'u malee, taatee kana ilaalchisee gama Ameerikaatin waanti jedhame hin jiru.

  17. Iraan misaayeloota baalastikii fi dirooni jahaan UAE haleelte - Min. Ittisaa UAE

    Buufata xiyyaaraa Jabal Alii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Buufata xiyyaaraa Jabal Alii

    Ministeerri Ittisaa UAE haleellaa misaayeloota baalistikii jahaa fi diroonota 131 qolahcuu hime. Misaayelli tokkoo fi diroononni jaha daangaa ishee keessatti lafa dhawuu hime.

    Erguma waraanni kun eegalee misaayilootni baalastikii 196 dhukaafamuu hime. Misaayeloonni kiruuz saddeet gara UAE dhukaafaman immoo qilleensarratti qolataman.

    Namoonni sadi du'aniiru. Isaan kunneen lammiilee paakistaan, Nepaalii fi Baangilaadeeshi. Kanneen madaayan 94 ta'u.

    Imbasiin Biriitish UK jiru lammiileen ishee UAE jiran "manaa akka hin baane, gara alaas akka hin beene akeekkachiise."

    Ibsa karaa X isaa baaseen Imbaasichi gamoo balaaf hin saaxilamnerra turaa jedhe.

    Foddaarraa fagaadhaa, of eeggannaa godhaa jedha

    Ibaasichi lammiileen isaa qajeelcha mootuymmaa UAE akka hordofan hubachiise.

    UK embassy

    Madda suuraa, The UK embassy in the UAE posted this image on X

    Ibsa waa'ee suuraa, UK embassy
  18. Baha jiddu galeessaatti balaliin addaan citee ture muraasni deebi'ee eegalame

    Xiyyaarri Lufthansa turistoota Jarmanii Baha Giddu Galeessaa fe'e

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarri Lufthansa turistoota Jarmanii Baha Giddu Galeessaa fe'e

    Balaliin sababa waraana Baha Giddu Galeessaatiin guyyootaaf addaan citee ture,tokko tokko deebi'ee eegalee jira.

    Waranni kun erga eegalee guyyoota 6 lakkoofsiseera.

    Balaliin lammiilee Biriteen Omaan irraa gara biyyaatti deebisuuf mootummaan UK qopheesse Roobii halkan sababa rakkoo teeknikaatiin haqame ture.

    Waajjirri Dhimma Alaa UK Kamisa kaan ''balaliin kun gara galgalaa ni taasifama jedhamee eegama,'' jedhe.

    Jarman, Ispeen, Nezerlaand, fi biyyoonni Awurooppaa biroo lammiilee isaanii Baha Giddu Galeessaa keessaa baasuun milkaa’aniiru.

    Biyya UAE keessattis Daandiin Xiyyaaraa Emirates fi Itihad Airways balalii muraasa gaggeessaa jiru. Balaliin tokko tokko Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Zaayiditti deebi’ee eegaluu Waajjirri Miidiyaa Abu dhaabii beeksise.

    Daandiin Qilleensaa Qaxar ganama har’aa Omaan Mascat irraa gara magaalota Awurooppaa adda addaatti balalii gargaarsa namoomaa akka taasisu beeksiseera.

    Isaan keessaa balalii gara Landan, Barliin, Kopenhagen, Maadriid, Roomaa fi Amsterdaamfaa keeaatti argamu.

    Daandiin xiyyaaraa kun ibsa marsariitii isaa irratti baaseen, balaliin magaalaa guddoo Doohaa irraa ''sababii cufamuu naannoo qilleensaa Qaxaraatiin yeroodhaaf addaan citeera'' jedhe.

    Akka Rooyitars gabaasetti Ministeera Geejjibaa Israa’el wabeeffachuun xiyyaarri lammiilee Israa’el fe’ee ture Tel Aviv keessa qubateera.

  19. Bahareen misaa'eloota Iraan 70 ol rukutee kuffise jette

    Gamoo haleellaa Iraaniin miidhame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Guyyoota jahaan darban Iraan magaalaa guddoo Bahareen kan taate Manaamaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu itti fufteetti

    Bahareen misaa'eloota Iraaniraanirraa itti dhuka'an 75 rukutuun kuffisuu beeksisfte.

    Misaa'eloota qofa osoo hin taane Iraan hanga ammaa dirooniwwan 123 fayyadamuun Bahareen irratti haleellaa raawwachuu mootummaan biyyattii ibse.

    Ministeerri Ittisaa Bahareen fuula Inistaagiraamii isaarratti ibsa baaseen, humni waraanaa biyyattii haleellaa Iraanirraa irratti gaggaamame qolachaa jiraachuu beeksise.

    Humni waraanaa "haleellaa shororkeessuu walitti fufiinsaan Iraan gaggeessitu qolachuu itti fufeera," jechuun ibse.

    Lammiileen biyyattii mana keessa akka turaniifis akeekkachiisera.

    Iraan bu'uuraa siviliifi namoota nagaarratti xiyyeeffachuunshee "nageenya naannichaa kan booressuufi faallaa seera idiladdunyaa ta'uus beeksise Ministeerri Ittisaa Bahareen.

  20. Iraan diroonidhaan Azarbaajaan haleelte

    Diroonii Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaa diroonii Iraan Azarbaajaan irratti gaggeessiteen namoonni lama miidhamuu Ministeerri dhimma alaa biyyattii beeksise.

    Haleellaan diroonii kun buufata xayyaaraafi naannoo manni baruumsaa jirutti kan raawwate ta'uu mootummaan Azarbaajaan beeksise.

    "Dirooniin tokko buufata xayyaaraa Bulchiinsa Naakchivaan keessatti argamu haleele, dirooniin biraa ammoo naannoo manni baruumsaa jirutti kufe," jechuun ibse ministeerri dhimma alaa Azarbaajaan.

    Haleellaa diroonii buufata xayyaaraa irratti gaggeeffameen gamoowwaniifi nama lamarra miidhaan qaqqabuus beeksise.

    Iraan haleellaa diroonii biyya ollaasheerratti raawwachuurraa kan ka'e, Azarbaajaan ambasaaddarri Iraan deebii akka kennuuf hatattamaan waamtetti.

    Waraana US-Israa'el fi Iraan kanaan haleellaan Tehraan biyyoota Baha Giddugalaafi Israa'eliin ala biyya ollaashee kan taate Azarbaajaan haleeluunshee kun kan jalqabaati.