Ameerikaatti abbaan ijoolleesaa torbaafi daa'ima biraa tokko ajjeese
Madda suuraa, Reuters
Ameerikaa bulchiinsa Luwiiziyaanaa magaalaa Shireevpoort jedhamtutti namichi tokko dhukaasa jumlaa raawwachuun ijoolleesaa torbaafi daa'ima fira hin taane biraa tokko ajjeesuun booda poolisiin ''hokkara mana keessaa'' ittiin jedheera.
Ijoolleen ajjeefaman kunneen kan waggaa 1 hanga 14 keessa jiran tahuu Ameerikaatti miidiyaan michuu BBC, CBS gabaaseera.
Akka poolisiin jedhutti, dhukaasni kuni Dilbata gara galgalaa sa'atii 11:00 jalqabe.
Shakkamaan iddoo yakki raawatetii konkolaataa hatameen baqachuun dura namoota 10 ajjeese jedhe dubbiihimaan Poolisii Shireevpoort Kiriis Boordeloon. Achiin poolisiin adamsee isa ajjeese.
Dubartoota lamaafi haati ijoollee yeroo ammaa haala hamaa keessa jiru.
Shakkamaan kuni Shamaar Elkiins kan jedhamu tahuu daarektarri koominikeeshinii magaalaa Shireevpoort Leehii Aan Eveenskii himaniiru.
Daa'ima saddeettaffaa fira isaa hin taane ajjeesuun dura shakkamaan kuni dubartii tokko ajjeese jedhe poolisiin.
Miidhamtoota keessaa tokko mana naannoo sana jirutti fiigdee poolisii waamte. Daa'imni sagalaffaan baaxiirraa utaalte hospitaala jirti.
Kantiibaan Shireevpoort Toom Arseeneeksi, ''gochaan kuni hammeenya kanaan dura argine hin beekne dha,'' jedhe.
Akka poolisiin jedhutti shakkamaan kuni qofaasaati haleellaa kana raawwate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Waan kuni maatii, hawaasaafi poolisii miidheera, kanaaf maatii kanaa wajjin gaddina,'' jedhe.
Haleellaan miilanaa kuni bara 2024 as kan ajjeechaan guddaan irratti mul'ate tahuu dhaabbanni haleellaa gosa kanaa galmeessu Gun Violence Archive (GVA) himeera.
Dhaabbati kuni haleellaa jumlaa yeroo namoonni afurii ol takkaatti ajjeefamaniifi warra du'an keessa ajjeesaan keessa hin jirre jechuun hiika.
Poolisiin sa'atii 12:00 yeroo mana nama kanaa qaqqabu ijoollee ajjeefaman argachuu hime.
''Ijoolleen ajjeefaman hundi waggaa 18 gadi dha,'' jedhe hogganaan poolisii Kiriis.
Poolisiin akka jedhutti shakkamaan kuni adamsamee magaalaa ollaa Boosheer Paariish jedhamtu keessatti itti dhukaafamee, amma du'eera.
Waajirri poolisii magaalaa Shireevpoort hawaasa maraaf ergaa gaddaa dabarseera.
Hogganaan poolisii magaalattii Weeyin Ismiiz, ''haalli akkasii akkamiin mudachuu akka danda'e sammuu namaan oli,'' jedhe.
Dabaluunis sababa ajjeechaa akkasii kanaa baruuf kutannoon hojjechaa jirra,'' jedhe.
Magaalattii keessatti haleellaan mana keessatti raawwatu %30 ni taha jedha manni maree magaalattii.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne