Fonqolcha mootummaa milkaa'aa waggaa 70 darban Afriikaatti gaggeeffaman

Bara 1952 yeroo Mootiin Faaruuk Masrii dursaa biyyaa jalqabaa aangoorraa kaafaman ta'anii kaasee, biyyoota Afriikaa gara 36 ta'an keessatti fonqolchi mootummaa milkaa'aan 130 raawwatamaniiru.

Dureewwan Afriikaa Fonqolchaan aangoorraa buufaman

Fonqolcha aangoo dhiheenyaa hanga duriitti
  • Alii Boongoo

    Pirezidantii Gaaboon Gaaboon
    Dabalataan dubbisi...
  • Mohaamad Baazuum

    Pirezidanti Niijar Niijar
    Dabalaan dubbisi...
  • Pool- Heenarii Saandaawoogoo Daamiibaa

    Pirezidantii Yeroo Burkiinaa Faassoo Burkiinaa Faassoo
    Dabataan dubbisi...
  • Roochaa Kaaboree

    Pirezidantii Burkiinaa Faassoo Burkiinaa Faassoo
    Dabataan dubbisi...
  • Abdallaa Haamdok

    Ministira Muummee Sudaan Sudaan
    Dabalataan dubbisi...
  • Alfaa Koondee

    Pirezidantii Giinii Giinii
    Dabalata dubbisi...
  • Baah Nidaawu

    Pirezidantii Maalii Maalii
    Dabalata dubbisi...
  • Ibraahim Bubaakaar Keeyitaa

    Pirezidantii Maalii Maalii
    Dabalata dubbisi...
  • Omaar al- Baashir

    Pirezidantii Sudaan Sudaan
    Dabalataan dubbisi...
  • Roobarti Mugaabee

    Pirezidantii Zimbaabwe Zimbaabwe
    Dabalataan dubbisi...
  • Bileeyiz Kompoowooree

    Pirezidantii Burkiinaa Faassoo Burkiinaa Faassoo
    Dabalataan dubbisi...
  • Mohaammad Mohaammad Morsii

    Pirezidantii Masrii Masrii
    Dabalataan dubbisi...
  • Firaansuw Boziiz Yaanguvondaa

    Pirezidantii Riipablika Jidduugala Afriikaa Riipablika Jidduugala Afriikaa
    Dabalata dubbisi...
  • Amaaduu Tumaanii Turee

    Pirezidantii Maalii Maalii
    Dabalata dubbisi...
  • Mu'aammar Gaadaafii

    Dursaa Biyyaa Liibiyaa Liibiyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Looranti Baagboo

    Pirezidantii Ayiivoorii Koosti Ayiivoorii Koosti
    Dabalataan dubbisi...
  • Hoosnii Mubaaraak

    Pirezidantii Masrii Masrii
    Dabalataan dubbisi...
  • Ziin El Abiidiin Been Alii

    Pirezidantii Tuuniziiyaa Tuuniziiyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Maanaaduu Taanjaa

    Pirezidantii Niijar Niijar
    Dabalata dubbisi...
  • Kaapiteen Muusaa Daadiisaa Kaamaaraa

    Pirezidantii Giinii Giinii
    Dabalataan dubbisi...
  • Maark Raavaalomaanaanaa

    Pirezidantii Maadaagaaskaar Maadaagaaskaar
    Dabalataan dubbisi...
  • Abuubakar Sompaaree

    Pirezidantii Giinii Giinii
    Dabalataan dubbisi...
  • Siidii Uldi CheeYiik Abdallaahii

    Pirezidantii Moriitaaniiyaa Moriitaaniiyaa
    Dabalata dubbisi...
  • Maawuyaa Ulid Siid Ahimad Taayaa

    Pirezidantii Moriitaaniiyaa Moriitaaniiyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Firaadiik Da Meenzees

    Pirezidantii Saa'oo Toomee fi Piriinsiipee Saa'oo Toomee fi Piriinsiipee
    Dabalata dubbisi...
  • Angee- Feeliiksi Paataasee

    Pirezidantii Riipablika Jidduugala Afriikaa Riipablika Jidduugala Afriikaa
    Dabalataan dibbisi...
  • Heenarii Koonaan Beediiye

    Pirezidantii Ayiivoorii Koosti Ayiivoorii Koosti
    Dabalataan dubbisi...
  • Jaawoo Beernaardoo Viiyeeraa

    Pirezidantii Giinii Biisaawu Giinii Biisaawu
    Dabalataan dubbis...
  • Taajidine Been Sayiid Maasonde

    Pirezidantii Komoros Komoroos
    Dabalata dubbisi...
  • Ibraahim Baaree Maayinaasaaraa

    Pirezidanti Niijar Niijar
    Dabalataan dubbisi...
  • Joonii Pool Koroomaa

    Dursaa Biyya Siiraa Liiyoon Siiraa Liiyoon
    Dabalataan dubbisi...
  • Paaskaal Lisuubaa

    Pirezidantii Koongoo Koongoo
    Dabalata dubbisi...
  • Ahimaad Teejaan Kaabah

    Pirezidantii Siiraa Liiyoon Siiraa Liiyoon
    Dabalata dubbis...
  • Mobutuu Sesee Seekkoo

    Pirezidantii DR Koongoo Dr Koongoo
    Dabalata dubbisi...
  • Siilveestar Nitiibaantungaanyaa

    Pirezidantii Buruundii Buruundii
    Dabataan dubbisi...
  • Mohaammad Faaraah Ayidiid

    Pirezidantii Somaaliyaa Somaaliyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Maahaamaane Usmaanee

    Pirezidantii Niijar Niijar
    Dabalataab dubbisi...
  • Vaalantaayiin Stiraasar

    Dursaa Biyyaa Siiraa Liiyoon Siiraa Liiyoon
    Dabalataan dubbisi...
  • Mohaammad Sayid Johaar

    Pirezidantii Komoroos Komoroos
    Dabalataan dubbisi...
  • Miigeel Tirovoodaa

    Pirezidantii Saa'oo Toomee fi Piriinsiipee Saa'oo Toomee fi Piriinsiipee
    Dabalata dubbisi...
  • Daawdaa Kaa'iraabaa Jaawaaraa

    Pirezidantii Gaambiiyaa Gaambiiyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Ernast Shoonkaan

    Pirezidantii Naayijeeriyaa Naayijeeriyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Jooseef Momooh

    Pirezidantii Siiraa Liiyoon Siiraa Liiyoon
    Dabataan dubbisi...
  • Chaadli Benjeediid

    Pirezidantii Aljeeriyaa Aljeeriyaa
    Dabalata dubbisi...
  • Jastiin Lekaaniyaa

    Pirezidantii Lesootoo Lesootoo
    Dabalata dubbisi...
  • Muusaa Tiraaworee

    Pirezidantii Maalii Maalii
    Dabalataan dubbisi...
  • Mohaammad Siyaad Baarree

    Pirezidantii Somaaliyaa Somaaliyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Hiseenee Haabre

    Pirezidantii Chaad Chaad
    Dabalataan dubbisi...
  • Saamu'el Doo

    Dursaa Biyyaa Laayibeeriyaa Laayibeeriyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Ahimad Abdallaah Abderemaanee

    Pirezidantii Komoroos Komoroos
    Dabalataan dubbisi...
  • Saadiiq al- Maahdii

    Ministira Muummee Sudaan Sudaan
    Dabalataan dubbisi...
  • Habiib Burgiibaa

    Pirezidantii Tuuniziiyaa Tuuniziiyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Toomaas Sankaaraa

    Pirezidantii Burkiinaa Faassoo Burkiinaa Faassoo
    Dabalata dubbisi...
  • Joon- Baaptisti Baagaazaa

    Pirezdantii Buruundii Buruundii
    Dabalataa dubbisi...
  • Tiitoo Lutwaa Okeeloo

    Pirezidantii Yugaandaa Yugaandaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Lii'abuwaa Jonaataan

    Ministira Muummee Lesootoo Lesootoo
    Dabalataan dubbisi...
  • Muhaammadu Buhaarii

    Pirezidantii Naayijeeriyaa Naayijeeriyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Miltan Obootee

    Pirezidantii Yugaandaa Yugaandaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Gaafaar Muhaammad al- Nimeerii

    Dursaa Biyyaa Sudaan Sudaan
    Dabalataan dubbisi...
  • Mohaammad Koonaa Uldi Haayidaalaa

    Pirezidantii Moriitaaniiyaa Moriitaaniiyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Liiwiis Laanaasaanaa Biiyaavogwii

    Pirezidantii Yeroo Giinii Giinii
    Dabalataan dubbisi...
  • Sheehuu Shaagaarii

    Pirezidantii Naayijeeriyaa Naayijeeriyaa
    ...
  • Jaan- Baaptiist Odiraawogoo

    Pirezidantii Burkiinaa Faassoo Burkiinaa Faassoo
    Dabalata dubbisi...
  • Saayee Zerboo

    Pirezidantii Burkiinaa Faassoo Burkiinaa Faassoo
    Dabatala dubbisi...
  • Gokoonii Odeeyii

    Pirezidantii Chaad Chaad
    Dabalata dubbisi...
  • Hiilaa Liimaan

    Pirezidantii Gaanaa Gaanaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Deeviid Daakaa

    Pirezidantii Riipablika Jidduugala Afriikaa Riipablika Jidduugala Afriikaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Saangulee Laamizaanaa

    Pirezidantii Burkiinaa Faassoo Burkiinaa Faassoo
    Dabalata dubbisi...
  • Liiwiis Kaabraal

    Pirezidantii Giinii Biisaawu Giinii Biisaawu
    Dabalataan dubbisi...
  • Goodfiree Biinaayisaa

    Pirezidantii Yugaandaa Yugaandaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Wiiliiyaam Tolbeert

    Pirezidantii Laayibeeriyaa Laayibeeriyaa
    Dabalata dubbisi...
  • Mohaammad Maahmuud Uldi Laawuulii

    Pirezidantii Moriitaaniiyaa Moriitaaniiyaa
    Dabalata dubbisi...
  • Joon- Beedeel Bookaasaa

    Pirezodantii/Mootii Riipablika Jidduugala Afriikaa Riipablika Jidduugala Afriikaa
    Dabalataan dubbis...
  • Firaansiskoo Maasiiyaas Niguweemaa

    Pirezidantii Ikuwaatoriyaal Giinii Ikuwaatoriyaal Giinii
    Dabalata dubbisi...
  • Yusuufuu Lulee

    Pirezidantii Yugaandaa Yugaandaa
    Dabalata dubbisii...
  • Fireed Akufoo

    Pirezidantii Gaanaa Gaanaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Musxafaa Ulid Saaleek

    Pirezidantii Moriitaaniiyaa Moriitaaniiyaa
    Dabalata dubbisi...
  • Idi Amiin Daadaa

    Pirezidantii Yugaandaa Yugaandaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Jo'aakiim Yoombii- Opaangoo

    Pirezidantii Koongoo Koongoo
    Dabalata dubbisi...
  • Moktaar Ulid Daadaah

    Pirezidantii Moriitaaniiyaa Moriitaaniiyaa
    Dabalata dubbisi...
  • Iginaatiyaas Kuutuu Achiyaampoong

    Dursaa Biyyaa Gaanaa Gaanaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Alii Soyiliih

    Pirezidantii Komoroos Komoroos
    Dabalataan dubbisi...
  • Tafarii Bantii

    Pirezidantii Itoophiyaa Itoophiyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Jeemsi Maanchaam

    Pirezidantii Siisheelsi Siisheelsi
    Dabalata dubbisi...
  • Misheel Miikomberoo

    Pirezidantii Buruundii Buruundii
    Dabalata dubbisi...
  • Ahimad Abdallaah Abderemaane

    Pirezidantii Komoroos Komoroos
    Dabalataan dubbisi...
  • Yaakuubuu Goowoon

    Pirezidantii Naayijeeriyaa Naayijeeriyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Firaansuwaa Tombaalbaaye

    Pirezidantii Chaad Chaad
    Dabalata dubbisi...
  • Riichaard Raatisimaandiraavaa

    Dursaa Biyyaa Maadaagaaskaar Maadaagaaskaar
    Dabalataan dubbisi...
  • Gaabri'el Raamaanaanso'aa

    Pirezidantii Maadaagaaskaar Maadaagaaskaar
    Dabalata dubbisi...
  • Amaan Mikaa'el Andoom

    Dursaa Biyyaa Itoophiyaa Itoophiyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Haayila Sillaasee I

    Mootii Itoophiyaa Itoophiyaa
    Dabalata dubbisi...
  • Haamaanii Doorii

    Pirezidantii Niijar Niijar
    Dabatalaan dubbisi...
  • Giriigooyir Kaayibaandaa

    Pirezidantii Ruwaandaa Ruwaandaa
    Dabalata dubbisi...
  • Jastiin Ahomaadeegbee Tomeetiin

    Pirezidantii Beeniin Beeniin
    Dabalataan dubbisi...
  • Fiilibarti Siraanaanaa

    Pirezidantii Maadaagaaskaar Maadaagaaskaar
    Dabalata dubbisi...
  • Dr Koofii Buusiyaa

    Ministira Muummee Gaanaa Gaanaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Miiltoon Obootee

    Pirezidantii Yugaandaa Yugaandaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Emiil Darliin Ziinsuu

    Pirezidantii Beeniin Beeniin
    Dabalataan dubbisi...
  • Abdiraashiid Alii Shaarmaarke

    Pirezidantii Somaaliyaa Somaaliyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Mootii Idiriis I

    Mootii Liibiyaa Liibiyaa
    Dabalata dubbisi...
  • Ismaa'il al-Azsiir

    Dursaa Biyyaa Sudaan Sudaan
    Dabalataan dubbisi...
  • Modiboo Keyitaa

    Pirezidantii Maalii Maalii
    Dabalaan dubbisi...
  • Alfoonsee Maasaambaa-Debaat

    Pirezidantii Koongoo Koongoo
    Dabalata dubbisi...
  • Andreew Jukstoon-Isimiiz

    Dursaa Biyyaa Siiraa Liiyoon Siiraa Liiyoon
    Dabalataan dubbisi...
  • Kiristoof Soogloo

    Pirezidantii Beeniin Beeniin
    Dabalataan dubbisi...
  • Deeviid Laansaanaa

    Dursaa Siiraa Liiyoon Siiraa Liiyoon
    Dabalataan dubbisi...
  • Siiyaakaa Siteeveensi

    Ministira Muummee Siiraa Liiyoon Siiraa Liiyoon
    Dubalataan dubbis...
  • Nikoolaas Giruuniitiskii

    Pirezidantii Toogoo Toogoo
    Dabalata dubbisi...
  • Ntaaree 5ffaa

    Mootii Buruundii Buruundii
    Dabalataan dubbisi...
  • Lewoopold Bihaa

    Ministira Mummee Buruundii Buruundii
    Dabatalata dubbisi...
  • Kiwaamee Nikurumaah

    Pirezidantii Gaanaa Gaanaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Mootii Mutesaa II Bugaandaa

    Mootii/Pirezidantii Yugaandaa Yugaandaa
    Dabalata dubbisi...
  • Abuubakar Taafawaa Baaleewaa

    Ministira Muummee Naayijeeriyaa Naayijeeriyaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Mowuriis Yaameegoo

    Pirezidantii Burkiinaa Faassoo Burkiinaa Faassoo
    Dabalataan dubbiisi...
  • Deeviid Daakoo

    Pirezidantii Riipablika Jidduugala Afriikaa Riipablika Jidduugala Afriikaa
    Dabalataan dubbisi...
  • Sooruu- Miigaan Appiitii

    Ministira Muummee Beeniin Beeniin
    Dabalataan dubbisi...
  • Mooyiis Shoombee

    Ministira Muummee DR Koongoo Dr Koongoo
    Dabalataan dubbisi...
  • Ahimad Been Bellaa

    Pirezidantii Aljeeriyaa Aljeeriyaa
    Dabalata dubbisi...
  • Liiyoon Mibaa

    Pirezidantii Gaaboon Gaaboon
    Dabalataan dubbisi...
  • Hubart Maagaa

    Pirezidantii Beeniin Beeniin
    Dabalataan dubbisi...
  • Fuulbart Yuuluu

    Pirezidantii Koongoo Koongoo
    Dabalata dubbisi...
  • Siilvaanas Oliimpiiyoo

    Pirezidantii Toogoo Toogoo
    Dabalataan dubbisi ...
  • Paatriis Lumuumbaa

    Ministira Muummee Dr Koongoo Dr Koonkoo
    Dabalataan dubbisi...
  • Abdallaah Kaliil

    Ministira Muummee Sudaan Sudaan
    Dabalataan dubbisi...
  • Muhaammad VIII al-Amiin

    Mootii Tuuniziiyaa Tuuniziiyaa
    Dabalata dubbisi...
  • Muhaammad Naagiwiib

    Pirezidantii Masrii Masrii
    Dabalataan dubbisi...
  • Faaruuk Masrii

    Mootii Masrii Masrii
    Dabalataan dubbisi...

Dambalii haaraa

Afriikaatti waggoota darban sadi keessatti fonqolcha motummaa milkaa'aa saddeetitu mudate. Dambaliin fonqolcha haaraatiis ka yeroo fonqolcha waraanaatii hanga 2020tti erga fonqalchi mootummaa baayyinaan ardiitti mudatan 1970mota booda, xiqqaatee ture.

Aangoo jireenya guutuu

Dureewwan fonqolchaan gara aangootti dhufan tokko tokko waggoota kudhaniif aangoorra turaniiru. Kaan ammoo aangoo qabatanii guyyoota keessatti kaafamaniiru.

Fakkeenyaaf pirezidantiin Ikuwaatoriyaal Giinii, Teewodooroo Obiiyaang Niguweemaan 1997 keessa aangoo erga qabatanii booda waggaa 44'f aanoorra turan.

Kanaanis yeroo ammaatti Afriikaatti dursaa bara dheeraaf aangoorra turan ta'aniiru.

Dureewwan erga aangoorraa kaafamanii booda deebii'an

Qaxanaa fonqolcha motummaa

Biyyoonni qaxanaa Saahil keessatti argamanitti fonqolchi waraanaa gaggeeffameera. Fonqochi mootummaa Niijarii fi Gaaboon kanneen dhiheenya naannoo qaxanaa fonqolchaa jedhamaniitti raawwatamaniidha.

Bara 2020 fi 2021tti fonqolchi waraanaa gaggeeffameera. 2021tti ammoo Chaad, Giiniifi Sudaaniitti fonqolchi raawwatameera. Burkinaa Faasoo bara 2022tti fonqolcha mootummaa lama kessumeesitee jirti. Sudaan malee biyyoonni hunduu Faransaayiin kan koloneeffatamaniidha.

Fonqolchawwan 26 bara 2000n booda raawwataman milkaa'o keessaa 19 kan biyyoota Faransaayin koloneeffataman keessatti raawwatamaniidha. Kunis yaadni dhiibbaan Faransaay Afriikaatti bu'aa hamaa qaba jedhu muraasa biratti akka ka'u taasiseera.

Fonqolcha milkaa'aa 1952 booda Afriikaatti gaggeeffame

Biyyaan filadhu

Baayyina fonqolchaa

0

2

4

6

8

Biyyoota Lixaa fi Jidduugala Afriikaa hedduutti fonqolchi milkaa'aan gaggeeffameera. Yoo xinnaatee biyyoota Afriikaa fonqolchi afur mudate 17 keessaa wallakkaan saanii Lixa afriikaatti argamu.

Burkiinaa Faassoo biyya Afriikaa fonqolcha hedduu keessummeesiteedha. Yeroo saddeeti fonqolchi keessatti raawwatameera. Siiraa Liiyooniifi Yugaandaanis yeroo 7 fonqolcha gaggeessuun sadarkaa lammaffaarratti argamu.

Biiyyoota Afriikaa keessaa harka sadii kan ta'aniifi kanneen kibbaa fi Bahatti argaman keessatti fonqolchi milkaa'aan hin mudanne.

Bara 2024 kan waggaa 34 turan Ibraahim Tiraa'oreen addunyaarratti dursaa guyyaa muraasaati. Fonqolcha mootummaa Fulbaana 30, 2022 gaggeeffame hordofuun dursaa Burkinaa Faassoo yeroo ta'an. Isaan dura pirezidantii yeroo kan turan Pool- Heenarii Saandaawoogo Daamiibaa aangorraa kaafaman.

Fonqolcha motummaa waraanaa

Fonqolchi motummaa harki 90nis kan gaggeeffaman deeggarsa waraanaatiin yoo ta'u, parsantaan 4 ammoo kan loltoota mindeeffamaniin raawwatamaniidha. Fonqolchiiwwan gosa biraa kan mormii nagaa, humnoota koloneeffattootaa, finciltootaafi kan masaraa keessatti gaggeeffamaniidha.

Eeboon kan dhufan, eeboon du'u

Irra caalaan dureewwan fonqolchaan aangoo qabatan aangoorraa kaafamaniiru, ykn ajeefamaniiru.

Bara 1972tti Janaraal Iginaatiiyas Kuutuu Acheeyaampaangi, Ministira Mummee Gaanaa karaa dimokiraatwaan filataman, Dr Koofii Busiiyaan haala dhiiga dhangalaaseen aangoorraa kaasan. Waggaa jahaan boodas, erga fonqolcha masaraa keessaatiin aangoorraa kaafaman waggaa booda rasaasaan akka ajjeeffaman itti murtaa'e.

Toomaas Saankaaraa osoo hidhaa manaarra jiranu fonqolcha maqaasaanitiin 1983tti gaggeeffameen Burkiinaa Faasootti pirezidantii ta'e. Saankaaraan Onko. 15, 1987tti garee hidhattootaa Bileyizii Kompaaworeen durfameen ajjeefaman.

Jaafaar Niimiiyirii dursaa Sudaan kan turan Ismaa'iil Al- Ashaarii aangoorraa kaasuudhaan aangoo kan qabatan bara 1969 ture. Jalqaba dursaa garee waraanaa ta'an. Ittaansee ammoo pirezidantii ta'un erga tajaajilanii booda bara 1985tti aangoorraa kaafaman.

Joon - Baaptiist Baagaazaa bara 1976 keessa pirezidantii Buruundii Miikeel Miikombeeroon aangoorraa kaasuudhaan aangoo erga qabatanii waggaa 11 booda aangoo dhiisanii baqannaaf saaxilaman.

Omaar Al- Baashiir bara 1989tti aangootti dhufan. Yeroosis Janaraala Birgeedii waraana Sudaan turan. Fonqolcha waraanaa dursuudhaan bulchiinsa karaa dimokiraasiitiin filatame kuffiisanii aangoo qabatan. Hanga 2019tti aangoo garaagaraatiin Sudaan bulchaa erga turanii booda fonqolchaan arii'ataman.

Firaansaw Booziizee Yaangovondaa Riippablika Jidduugala Afriikaatti erga pirezidantii jahaffaa ta'un 2003tti gara aangootti dhufaniin booda, waggaa 10n booda aangorraa kaafaman.

Aangoo maatii harka tursiisuu

Biyyoota tokko tokkootti aangoon kan ijoolleetti darbuudha. Pirezidantiin Ikuwaatoriyaal Giinii, Firaansuwaa Maasiiyaas Niguweemaa kan haala sukkanneessaan aangoorraa kaafaman, firasaanii Teewodoroo Obiiyaang Niguweemaadhaan. 2024tti Teewodoroon addunyaarratti dursaa mootii hin taanee garuu kan bara dheeraaf aangoorra ture lammaffaa turan.

Looreent Kaabiilaa bara 1997tti Mobutuu Sese Seekkoo fonqolchuudhaan pirezidantii sadaffaa Dr. Koongoo ta'an. Looranti Kaabiilaa wayita eegdoota isaanii keessaa tokkoon ajjeefaman ilmasaanii waggaa 29 Joofees Kaabiilaan bakka buufaman.