Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraanitti mormiin irra deebiin ka'uun yuunivarsiitiwwan heddutti babal'ate

Hiriirri mormii mootummaa Iraan balaaleffatu barattoota Iraanin irra deebiin eegale guyyaa sadaffaa qabate

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa heyyamaa Addis standard haqe

    Abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa waraqaa heyyamaa websaayitii Addis standard ALI Guraandhala 17, 2018 haquu ibsa baaseen hime.

    "Addis standard gabaasawwan naamusa miidiyaa, seerota Itoophiyaa fi faayidaa biyyaalessaa biyyaa fi uummataa balaarraa buusaa jira" jedhe ibsa isaatiin abbaan taayitichaa.

    Hojiin kun immoo hordoffiidhaan kan mirkanaayee fi eeruu hedduudhaan komiin irratti ka'aa kan ture jedha abbaan taayitaa miiidiyaa Itoophiyaa ibsa baaseen.

    Sirreeffama akka godhuufis akeekkachiisni fi gorsi irra deddeebiin kennamuufiis ibse.

    Sababa kanaan ALI Guraandhala 17, 2018 irraa kaasee Galmee heyyamaa Addis Standard haquu fi heyyama miidiyaa fi beekkamtii tokkollee akka hin qabne ibsa baaseen beeksise Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa.

  2. Waldhabdee Iraan fi Ameerikaa hordofee gatiin boba’aa akka malee dabale

    Sababa waldhabdee Iraani fi Ameerikaatin gatiin boba’aa baati torba darbe keessatti haala ta'ee hin beekneen sadarkaa sadarkaa olaanaa irra ga’eera.

    Akka dhaabbati oduu Rooyitars jedhutti gatiin boba’aa Jikiti barmeelli tokkoo doolaara 71.49 yoo ta’u, gatiin boba’aa Ameerikaa barmeela tokkoof %0.2 dabalee doolaara 66.42 gaheera.

    Gabaasni kun akka agarsiisutti gatiin boba’aa baatii Hagayya darbe gurgurama ture irraa har’a dabaleera.

    Ameerikaan Iraan sagantaa niwukilaraa ishee dhaabuu qabdi jettus Iraan meeshaa niwukilaraa oomishuuf karoora akka hin qabnee fi sagantaa niwukilaraa ishee nageenyaaf gabbistu akka hin dhaabne ibsiteetti.

    Qondaalli olaanaa Ameerikaa tokko akka jedhanitti, Ameerikaan hojjettoota ishee Imbaasii Ameerikaa Beerut, Libaanos jiru keessaa akka bahan ajaja kenniteerti.

    Pirezidaanti Doonaald Tiraamp yoo Iraan waliigalteerra hin geenye haleellaa fudhachuuf akka duuba hin jenne ammalee akeekkacjhiisu hin dhaabne

    Xiinxaltootni dhimma daladalaa “Sodaa waraanaa caalaa, waldhabdeen hammaachuun isaa sababa guddaa daballii gatii boba’aa ta'uu himu

  3. Goda-hambaan yaadannoo Neelsan Maandeellaa Finfinneetti eebbifame

    Bara 1962 dargaggeessa Afrikaa Kibbaa lafaa dhufa kan turan Neelsan Maandellaan Finfinnee Kolfeetti kan argamu mooraa leenjii poolisiitti seenaani isaanii akka yaadatamu ta'e.

    Neelsan Maandellaan gara Itoophiyaa kan dhufan sirna appaartaayidii mormuuf leenjii lotummaa fudhachuuf ture.

    Neelsan Maandeellaan paaspoortiin Itoophiyaa qophaayefii Finfinnee buufata poolisii humna addaa federaalaa kolfeetti ji'ootaf leenjii loltummaa fudhatan.

    Bakka seena-qabeessa sanatti amma Itoophiyaan godaambaa yaadannoo Neelsan Maandeellaa eebbisiifte.

    Godaambaa kana komishinarri jeneraalaa komishinii poolisii federaalaa Dammallaash Gabramikaa'el eebbisuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Godaambaan kun seenaa qabsoo Neelsan Maandeellaa qofa osoo hin taane gumaacha Itoophiyaan bilisummaa Afrikaaf goote kan ibsu jedhameera.

    Sirna eebba Godaambaa kanaarratti Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa, qondaalonni poolisii fi aangawoonni mootummaa kuun argaman.

  4. MM Abiy humna ‘fiixee Mitsiwwaa hanga Somaalee tiksu ijaaruun’ maal akeeka?

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itoophiyaan humna addatti leenji’eefi Baha Afrikaa tiksuu danda’u ijaaruu dubbataniiru.

    Humnii kuni ‘’fiixee Somaale hanga Mitisiwwaa’’ tiksuu kan danda’u akka ta’e himan.

    Ertiraan agarsiisa waraanaa kana ‘’dubbii barbaachadha’’ jetteetti.

    Dubbiin bulchaa Itoophiyaa kuni Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamni yeroo cimetti dhagahame. Dubbiin MM Abiy maal akeeka?

    Dubbiin isaanii ergaa maalii dabarsuuf yaadame? Osoo biyya keessa nagaa hin eegsisiin Galaana Diimaa tiksuun danda'amaa?

  5. Xiyyaarri waraana Iraan kufee lubbuun namoota 4 darbe

    Helikooptarri waraanaa Kibxata ganama Iraan naannoo bulchiinsa Isfahaan jedhamutti kufuun lubbuu namoota hedduu galaafate.

    Akka ejensiin oduu IRNA gabaasetti helikooptarri kun gabaa kuduraa fi muduraa Doorcheetti kufee balaa ibiddaa uumeera.

    Daarektarri Olaanaa Hoggansa Balaa Tasaa bulchiinsa Isfahaan balaan helikooptaraa kun ''rakkoo teeknikaa'' irraa kan ka'e ta'uu himaniiru.

    Akka dubbi himaan Raayyaa Ittisa Siivilii jedhanitti balaliisaa fi gargaaraa isaatiin alatti abbootiin qabeenyaa suuqiwwaan lama gabaa keessa turanis balaa kanaan lubbuun isaanii darbeera.

    Kunis kan ta’e yeroo hariiroon Iraan fi Ameerikaa gidduu jiru hammaatee fi waraanatti geessuu danda’a jedhuttidha.

    Haa ta'uu malee mariin furmaata barbaaduu ammallee itti fufee jirachuun eerameera.

  6. Iraan misaa'eloota Supparsooniik farra doonii ta'an Chaayinaarraa bitachuuf fiixee geesse

    Iraan misaayeloota Kiruuz farra - doonii ta'an Chaayinaarraa bitachuuf waliigaltee raawwachuuf fiixee gahuu ishee Rooytarsi gabaase.

    Rooytarsi maddeen marii kanatti dhiyoo jedhaman eeruun akka gabaasetti Iraan misaa'eloota farra dooniii bituuf akk ajirtu kan dhagahame Ameerikaan Teehraan irratti haleellaa raawwachuuf humna galaanaa ishee handaara galaanaa Iraanitti sochoosaa wayita jirtutti.

    Mariin misaa'ela Chaayinaa "CM-302" bitachuuf Iraan gootu gara dhumaarra gahus, guyyaan Iraan meeshaa kana fudhattu ilaalchisee waliigalteerra akka hin gahamin maddeen Rooytarsi eeran.

    Misaayeloonni Supparsoonik hanga 290 KM furgugfamuu kan danda'ani. Olka'iinsa dheeraa fi gabaabaa irratti mirmirfamuun ittisawwan dooniirraa darbiuu akka danda'anitti kan hojjetanamani.

    Iraan meeshaa kana hidhachuun ishee dandeettii haleeluu ishee sadarkaa olaanaan kan guddisuufi balaa Ameerikaan galaanarraan aggaamamu kan dabalu akka ta'e ogeeyyiin meeshaalee waraanaa lama himan.

    Sirni bittaa fi gurgurtaa meeshaa waraanaa Iraaanii fi Chaayinaa waggoota lama caale, Waxabajjii darbe wayita Israa'elii fi Iraan guyyoota 12f wal waraanan saffisa olaanaan dabale jedhame.

    Qondaalli ministera dhimma alaa Iraan tokko "Iraan michuuwwan ishee waliin waliigaltee waraanaa fi nageenyaa qabdi, amma waliigalteewwan kanneen hojiitti hiikuun yeroosaati" jedhan.

    Mootummaan Chaayinaa dhimma kanarratti deebii hin kennine. Mootummaan Ameerikaa dhimma kana ilaalchisee deebii kallattii kennuurraa of qusate.

    Qondaalli Waayit haawus tokko muddama Ameerikaa fi Iraan gidduu cime eeruun, Donaald Tiraampi, yookiin waliigalteerra geenya yookiin tarkaanfii jabaa tokkorra gahuu qabna" ejjennoo jedhu qabu jechuu isaanii himan.

    Bittaan misaa'elaa kun yoo dhugoome meeshaa waraanaa ammayyaawaa Chaayinaarraa Iraanitti gurgurame ta'a jedhameera.

    Haa ta'uu malee qoqqobbii dhaabbanni biyyoota gamtoomanii Iraanirra kaaye akka sarbu Rooytarsi gabaase.

  7. Pirezidantiin Al Siisii Sa'udii deemuun Ilma Mootii Sa'udii Salmaan waliin mari'ate

    Pirezidantiin Masirii Abdel Fattaa Al Siisii Wixata gara Sa'ud Arabiyaa deemuun Ilma Mootii Sa'udii Mohaammad Biin Salmaan waliin mariyaechuu waajirri pirezidantii Masirii beeksise.

    Bulchitonni lamaan waa'ee Gaazaa, muddama naannicha keessa jiruufi dhimmoota biroo biyyoota lamaan ilaallatanirratti mariyachuun kan ibsame yoo ta'u, mana jireenyaa Ilma Mootii Sa'udii keessatti dhoksaan marii taasisuun isaanii eerameera.

    Daawwannaa Al Siisii kanaan biyyoonni lamaan dhimmoota waloo naannichaafi dhimmoota idil-addunyaa biroo irratti mariyachuun tumsa waliif gochuu cimsuun hariiroo isaanii bara dheeraa lakkoofsise itti fufsiisuurratti waliin dubbachuun isaanii ibsameera.

    Hoggantoonni lamaan naannicha keessa muddamniifi walitti bu'iinsi akka hin jiraanne gochuuf, furmaata karaa nagaa fiduudhaaf, tumsa biyyoota Arabaa jabeessuuf, akkasumas dhimma keessoo keessa osoo hin galiin walabummaa biyyootaafi tokkummaa daangaa kabachiisuurratti waliigalteerra gahuu waajirri pirezidantii Masirii ibsa baaseen beeksiseera.

  8. Ilmi Pirezidaantii Yugaandaa Humna Addaa Sudaan (RSF) Hitlaritti fakkeesse

    Ilma Pirezidaantii Yugaandaafi Ajajaa Humna Waraanaa Yugaandaa kan ta'e Jeneraal Muhoozii Kaayinerugaabaa Humna Addaa Sudaan (RSF) Hitlaritti fakkeesseesuun qeeqe.

    Qondaalli olaanaan Yugaandaa kun RSF lammiilee nagaa Sudaan, keessumaa kanneen bifaan gurraacha ta'an "ajjeesaa jira" jechuun fuula X gubbaatte maxxanse.

    "RSF namoota nagaa gurraachota ta'an ajjeesuu akka gootummaatti ilaala... HItlaris akkanuma Yihudoota [kaampii] Oshwiiz keessatti gaazidhaan fixuu gootummaatti fudhata ilaala ture," jechuun qeeqa cimaa barreesse.

    Jeneraal Muhooziin kana kan barreesse, ajajaan humnoota RSF Hamdaan Dagaaloo Yugaandatti imaluun Pirezidaant Museeveenii waliin erga wal-argee boodadha.

    Hamzaadan Dagaaloo Pirezidaant Museeveenii wajjin wal-arguu hordofee mootummaan Sudaan Yugaandaan simachuu hin qabdu turte jechuun komatee ibsa baase.

    Ilma pirezidaantii Yugaandaafi ajajaa waraana biyyattii kan ta'e Jeneraal Muhooziin maxxansa biraa X irratti maxxanseen ammoo Humna Waraana Sudaan waliin ta'uun gurraachota Afrikaa bilisa akka baasan barreesse.

    Humna Addaa Sudaan (RSFA) kan Humna Waraana Sudaan waliin wal-waraanaa jiru "dhaabbata yakkamaa" jechuunnis ibse.

    "Pirezidaanti Tiraampiyyuu RSF akka dhaabbata yakkaatti farrajeera," jechuun barreesse.

    Jeneraal Muhoozii Kaayinerugaabaa wantoota falmisiisoo ta'an fuula X gubbaatti maxxansuun nama beekamuudha.

  9. Agarsiisa waraana Itoophiyaa tibbanaa Ertiraan 'dubbii barbaacha' jette

    Agarsiisa waraannni Itoophiyaa dhihoo magaalaa Hawaasaatti mul'ise Ertiraan ''dubbii barbaacha'' jechuun qeeqxe.

    Guyyaan hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa magaalaa Hawaasaatti yeroo kabajametti agarsiisi waraanaa mul'ateera.

    Agarsiisa kanarratti kan argaman Ministirri Muummee Abiy Ahimad loltuun leenjii addaa fudhateefi Gaanfa Afrikaa shororkeessummaarraa tiksuu danda'u ijaaramuu dubbatani.

    Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yemaane G/Masqal fuula X isaaniirratti yaada kennaniin agarsiisa kana qeeqaniiru.

    Aangawaan Ertiraa paartii Itoophiyaa bulchaa jiru, Paartii Badhaadhinaa, maqaa biraan dhahan ''agarsiisa jibbaan guutame biraa waraana barbaaduufi humna agarsiisuun dubbii barbaaduuti'' jedhan.

    Dubbiin MM Abiy Ahimadis ta'e agarsiisni waraanaa kuni yeroo Itoophiyaafi Ertiraa gidduu hariiroon ture laafetti mudate.

    Biyyoonni Gaanfa Afrikaa lamaan haala amma jiruun walitti bu'iinsatti ce'uu malu jechuun xinxaltoonni himu.

    Ministirri Muummee Abiy humna addatti leenji'eefi biyyarra darbee naannicha tiksuu danda'a jedhan yeroo ibsan biyyoota lama Itoophiyaa daangessan eeran.

  10. Iraan waliin muddama keessa kan jirtu Ameerikaan imbaasii Beerut keessaa hanga tokko gadhiistee baate

    Mootummaan Ameerikaa gamaggama tikaa erga taasiseen booda, hojjetoonni imbaasii magaalaa guddoo Libaanos, Beerut keessaa hanga tokko gadhiisanii akka ba'aniif ajaja kennuu aanga'oonni ministira dhimma allaa BBCtti himan.

    Akka ajaja kanaatti hojjetoota addatti barbaachisaniin ala akka bahanidha.

    Murteen kun kan dhufe naannicha keessatti muddamni dabalaa deemuu hordofee yoo ta'u, Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald TiraampIraan sagantaa nukilaraashee ilaalchisee waliigalteerra kan hin geenye yoo ta'e tarkaanfii waraabaa akka fudhatan dhaadateera.

    Iraan kanaan dura Ameerikaan kan ishee haleeltu taanaan, tarkaanfii deebii kennuu akka fudhattu ibsiteetti.

    Buufataaleen waraanaa Baha Giddugaleessaa jiran akka irratti xiyyeeffatamuuu danda'us ni tilmaamama.

    Kun osoo kanaan jiruu, ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Israa'el daawwachuuf karoora qabate sababii tokko osoo hin sibsiine dheeresseera.

    Aanga'aan olaanaa ministeera dhimma alaa Ameerikaa tokko, "haala nageenya naannichaa ni sakkattaana. Kanaaf, sakatta'insa keenya tibba kanaa bu'uura godhachuun hojjetoota barbaachisoo ta'aniin ala achi keessa baayyachuurraa of qusachuun barbaachisaa ta'uu isaa irra geenyeerra," jedhe.

  11. Iraan 'harka kennuu' caalaa maaliif Ameerikaa waliin waraana filatti?

    Waraanni Ameerikaa sochii humna isaa Baha Giddugaleessaa keessatti taasisaa jiru, tarkaanfii fudhatamuu maluuf mallattoo agarsiisuurra darbee haleellaa gaggeessuuf qophii gara taasisuutti ce'eera.

    Doonii waraanaa guddichi xiyyaarota baatu USS Abrahaam Linkan jedhamu gara qarqara Iraanitti dhiyaachuun isaa qofti tarkaanfii guddaadha.

    Guyyoota muraasa dura ammoo dooniin waraanaa xiyyaarora qabate biroon USS Jeraard R Foord jedhamu Galoo Jibirlaataritti dhiyoo yeroo deemu argameera. Haleellaa waraanaa Iraan irratti raawwatamuuf deeggarsa kennuuf gara Bahaatti deemaa jira.

    Humnoonni waraanaa Ameerikaa biroonis gara naannichaatti socho'uun bulchiinsi Pirezidant Doonaald Tiraamp, tilmaama filannoowwan garagaraa jiran walitti qabaa jira tilmaama jedhu cimseera.

  12. Yeroo dhiibbaan US cimetti mormiin Iraanitti bifa haaraan ka'e guyyaa sadaffaa qabate

    Iraanitti mormiin barattoonni yuunivarsiitii eegalan har'a, Wiixata, itti fufuun guyyaa sadaffaa qabateera.

    Mormiin kun irra deebiin kan eegale yoo ta'u, yuunivarsiitiwwan biyyattii garaa garaattis babal'ataa jira. Mormii guddaa torbanootan biyyattii raasen namoonni heddu ajjeefamuu hordofee mormichi dhaabbatee ture.

    Amma immoo barattoonni yuunivarsiitii mootummaa Ayaatolaa Ali Kameenii mormuun hiriira gaggeessaa jiru.

    Hiriirri kun bifa haaraan kan eegale yeroo USfi Iraan gidduutti muddamni waraanaa dhalatetti.

    Maddi oduu Rooyitars miidiyaa biyyattii waabeffachuun akka gabaasetti, barattoonni dhaadannoo mootummaa mormu dhageessisuun yuunivarsiitiwwan magaalaa Tehraan keessatti hiriira gaggeessaa jiru.

    Yeroo mormiin kanaan dura gaggeeffamaa ture, Pirezidaant Tiraamp "garaarsi isinii dhufaa jiraa mormii keessan itti fufaa" jechuun mootummaa Iraan ammoo akeekkachiisaa ture.

    Ergasii USfi Iraan gidduutti dhimma nikularaa irratti mariin eegalus waan qabatamaa irratti walii galan ifa ta'e hin jiru. Gama biraan ammoo US humna waraanaa dabalataa gara Baha Giddugaleessatti geessaa jirti.

  13. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera.

    Odeeffannoo waktawaa biyya keessafi idilaadunyaa isin biraan geenya!

    Karaa Marsariitii, YouTue, Facebook fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo odeffannoo isin biraan geenyu argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!