Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan dooniiwwan waraanaa Ameerikaa dirooniin haleeluu ibsite

Ameerikaan doonii fe'umsaa Iraan to'achuu hordofee, Teehraan dooniiwwan waraanaa Ameerikaa Galoo Galaanaa Omaan irratti argaman haleeluu maddi oduu Eegdota Warraaqsaa Islaamaa waliin hidhata qabu gabaaseera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp yakka waraanaa hamaa raawwachuuf dhaadataa jira- Qondaala duraanii HRW

    Tiraamp yakka waraanaa raawwachuuf dhaadataa jira, inni nama hin tuqamne jedhee yaada.

    Pirezdaantiin US Donaald Tiraamp, kaleessa miidiyaa hawaasaa ofiirratti marii marsaa lammeessoof jila marii nagaa gara Paakistan erguu fi Iraan faana yoo walii hin galamne buufataalee ibsaa fi riqichoota ishee barbadeessuuf dhaadate.

    Daayireektarri duraanii Hiyuumaan Raayit Waach Keeneet Rooz, dhaadannoon Tiraamp kun yakka waraanaa ta'uu BBC'tti hime.

    "Tiraamp yakka waraanaa hamaa raawwachuuf dhaadate," jedhe qondaalli duraanii dhaabbata mirga namoomaaf falmuu kun. Dhaabbilee uummataa mancaasuun seera idil-addunyaatiin yakka waraanaati jedhe.

    Tiraamp,"Inni seera idil-addunyaa hin hordofu jechuu danda'a, garuu mootummaan Ameerikaa fi addunyaan kuun seera idil-addunyaa ni hordofu.Seerri namoomaa dhaabbilee uummataa akka buufata ibsaa fi riqichaa akka haleeluu ni dhorka"

    Akka Rooz jedhutti, buufataaleen anniisaa fi riqichoonni "faayidaa dachaaf" [waraanaaf dhimma itti bahaniiru] jechuu danda'a, garuu falmiin kun gahaa miri.

    "Seerri namoomaa qiyyaafannoon waraanaa yoo madaalawaa hin taane fudhatamuu hin qaban jedha" jedhu qondaalli kun.

    Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri US, yaada kana fudhatama dhorkan. "Soba, soba fi fudhatama waan hin qabne."

    Isaan buufataalee anniisaafi riqichoonni Iraan Humnoota Warraaqsa Islaamummaa Iraaniin bulu, kana waan ta'eef "qiyyaafannoo waraanaa sirriidha jedhanii yaadu.

  2. Netaaniyaahuun loltuu Israa'el siidaa Yesuus Kiristoos burruusaan mancaase balaaleffate

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuu kibba Libaanositti loltuun biyyattii ''mallattoo amantii Kaatolikii'' mancaase ''cimsee'' akka balaaleffatu hime.

    Netaaniyaahuun yaada kana kan kenne suuraan loltuun Israa'el yeroo siidaa Yesuus Kiristoos burruusaan haleelu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'uun booda dha.

    Yaada X irratti barreesseenis isaafi ''lammiileen Israa'el irra jireessi'' taatee kanaan ''akkaan rifatanii, gaddanii jiru,'' jedhe.

    Qondaaloti waraanaa qorannoo taasisaa akka jiran himuun ''tarkaanfiin naamusaa sirrii,'' irratti akka fudhatamu hime.

    ''Baha Gidduugalaa keessatti Israa'el qofatu mirga waaqeffannaa amantaa hundaaf eeyyama. Taatee kanaafi miidhaa mudateef ni gaabbina,'' jedhe.

    Israa'elitti ambaasaaddarri Ameerikaa Maayik Hakaabii ''adabbii cimaafi hatattaa'' akka kennamu wamicha dhiyeesseera.

  3. Baayer Muunik baroota 14 keessatti yeroo 13ffaaf shaampiyoonaa ta'e

    Baayer Muunik seenaa Bundasliigaa Jarman keessatti yeroo 35ffaaf shaampiyoonaa ta'e.

    Dilabata darbe tapha dirreesaa Alliyaans Areenaatti gaggeesse duubaa ka'ee 4-2n injifate.

    Muunik taphni afur osoo hafuu qabxii 79 sassaabbachuun shaampiyoonaa ta'uu kan mirkaneesse sadarkaa lammaffaarra kan ture Booruushiyaa Doortimuundii Sambata darbe offenheim mo'achuu dhabuu booda.

    Muunik bara kana waancaa sadii injifachuuf hiree qaba. Morkii Shaampiyoonsi Liigiin Riyaal Maadriidiin injifatee walakkaa xumuraaf darbeera. Waancaa Jarmaniin ammoo Baayer Liverkusan waliin walakkaa xumuraaf morkata.

    Taphoota hafan mara yoo mo'atee qabxii 91 sassaabbachuun riikardii kilabichaa waggaa 13 dura wayita bara tokkotti waancaa sadi mo'atan qabatanii turan qooddatu.

    Amma dura bara 2013 fi 2020 tti waancaa sadii mo'ataniiru. Bara kana yoo milkeessan isa sadaffaa ta'a.

    Baayern taphoota 29 darban irratti jifattootnisaa walumatti goolii 109 lakkoofsisaniiru. Kuni riikardiidha.

  4. Iraaniifi Ameerikaa gidduu wal-amantaan zeeroo

    Gaazexeessaan dhimma nageenyaa BBC Firaank Gaardinar mariin Ameerikaafi US otooma taa'ameyyuu carraan bu'aa adda tahe argamsiisuu isaa akkaan dhiphaa dha jedha.

    Guyyaa saddeet dura yeroo mariin Islaamaabaad adeemsifame abdiin ture amma shunturee jira.

    Sababiin ammoo Iraan Ameerikaan buufataalee Galoo-galaanaa cufuun waliigaltee dhukaasa dhaabu cabsite jechuun himatti. Ameerikaan doonii alaabaa Iraan qabdu irratti dhukaasuun to'achuunnis sababa biraa dha.

    Dhimmooti akkasii yeroo mudachaa jiranitti waraana kana goolabuuf waan waloo argachuun akkaan rakkisaa dha.

    Donaald Tiraamp ammallee diinagdee Iraan gatantaraa jiru cuunfuun biyyattiin harka akka kennitu barbaaddi, kunis dhimma niwkilaaraafi Ulaa Hormuuz dabalata.

    Xiinxaltoonni garii malli kuni ni hojjeta jedhu garuu Iraan dhiibbaa akkasiif deebii barbaadamu hin kennitu.

    Inumaa ejjennooshee akka cimsituufi ''mirga walabummaa'' ibsachuun Ulaa Hormuuz ittuu akka to'attu gochaa jira.

  5. Iraan US waliin mariyachuuf ammayyuu murteerra hin geenye jette

    US Iraan waliin marii gaggeessuuf jila Pirezidaantii Ittaanaa kan ta'an JD Vaansiin durfamu gara Islaamaabaaditti ergiteetti.

    Iraan ammoo US waliin marii gochuuf ammayyuu murtee dhumaarra hin geenye jechuun ibsite.

    Dubbi himaa minsteera dhimma alaa Iraan kan ta'an Ismaa'eel Bageehii akka ibsanitti, Iraan marii marsaa lammaffaa US waliin Paakistaanitti taasifamu irratti hirmaachuufi dhiisuu ammayyuu akka hin murteessine.

    "Hanga ammaatti marii marsaa ittaanu gaggeessuuf karoora hin qabnu; dhimma kana ilaalchisees murteen dhumaa kenname hin jiru," jedhan qondaalli Iraan kun.

    Tiraamp garuu marii marsaa lammataa Wiixata, Ebla 20, gaggeefama jedhameef jila marii erguu beeksise.

    US bakka bu'uun kanneen gara Paakistaan imalan, Pirezidaantii Ittaanaa kan ta'an JD Vaans, Ergamaa Addaa Istiiv Wiitkoofi, Jaareed Kuushinari.

    Odeeffannoo dabalataa waa'ee muddama Baha Giddugalaa argachuuf:

  6. Iraan doonii Ameerikaa dirooniin haleeluu ibsite

    Ameerikaan doonii fe'umsaa Iraan to'achuu hordofee, Teehraan dooniiwwan waraanaa Ameerikaa Galoo Galaanaa Omaan irratti argaman haleeluu maddi oduu Eegdota Warraaqsaa Islaamaa waliin hidhata qabu gabaaseera.

    Ameerikaan kaleessa doonii alaabaa Iraan fannifatee deemaa ture marsitee to'annoo jala oolchuushee erga beeksifteen booda Iraan haaloo akka baatu dhaadattee turte.

    Amma haleellaa dooniiwwan waraanaa Amerikaarratti raawwatame kanaan miidhaa qaqqabe ilaalchisee odeeffannoon bahe hin jiru.

    Wiirtuu Ajajaa Humnoota Iraan kam ta'e Hataam Al-Anbiiyyaa tarkaanfii Hummni Galaanaa Ameerikaa fudhateen waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabuufi Waraana Ameerikaa irratti tarkaanfii haaloo bahuu akka fudhatu ibsee ture.

    Odeeffannoo kana waliin deeman biroo:

  7. Humni galaanaa US doonii Iraan akeekkachiisanii saatii ja'a kennameef booda doonittiirra qubatan

    Humnoonni galaanaa Ameerikaa doonii alaabaa Iraan qabdu erga akeekkachiisa sa’aatii jahaaf kennameen booda doonittiirra qubachuu Ajajaan Giddugalleessaa US, Centcom, beeksiseera.

    Centcom ergaa fuula X isaarratti maxxanseen, hojjetoonni galaanarraa US helikooptaraan USS Tripoli irraa ka'uun Dilbata doonii Iraan Tooskaa jedhamturra wadaraan irra qubachuu danda'aniiru.

    Viidiyoon bahe akka agarsiisutti, hojjetoonni galaanaa US doonii Iraan kana erga akeekkachiisa kennameef udhachuu diddee akka isheen hin hojjenne gochuun hanga dhaabsisanii bakka jirtu elekooptaraan deemuun irra qubachuutti gahan.

    Ameerikaan doonii fe’umsaa alaabaa Iraan fannifattee karaa ulaawwan galaanaa itti cuftee jirtu ba’uuf yaalaa turte mataa-martee qabachuu Doonaald Tiraamp ture jalqaba kan hime.

    Humni waraanaa Iraan doonii fe'umsaa biyyattii Ameerikaan qabatteef haaloo akka ba'uuf jiru beeksise, gocha kanas "waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan cabsedha" jedheera.

  8. Iraan haaloo ba'uuf dhaadatte, haleellaa dooniisheerratti raawwatame kan 'waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabse' jette

    Humni waraanaa Iraan doonii fe'umsaa biyyattii Ameerikaan qabatteef haaloo akka ba'uuf jiru beeksise, gocha kanas "waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan cabsedha" jedheera.

    Akka ibsa miidiyaarratti ba'eettis, dubbi-himaan US "dooniiwwan daldalaa Iraan Galaana Omaan irra jiran keessaa tokkorratti dhukaasa banuun, akka hin hojjenne gochuun dhaabsisuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsiteetti," jedhe.

    Humnoonni Rippabilika Islaamaa hidhatan hatattamaan deebii kennuun gocha shiftummaa hidhannoon Humni Galaanaa US raawwate kana haaloo ba'uuf jira," jedha ibsi Iraan irraa kenname.

    Oduu biroo dabalataa:

  9. Daawwadhaa: Yeroo humni galaanaa US doonii alaabaa Iraan fannifattee deemaa turte qabetti viidiyoo waraabame

    Humni galaanaa Ameerikaa doonii alaabaa Iraan fannifattee deemaa turte itti marsee qabuu beeksise.

    Humni US ulaawwan galaanaa Iraan cufee darbuu dhorkaa jira.

    Viidiyoo yeroo humni galaanaa US kun doonii alaabaa Iraan fannifattee deemaa ture yeroo to'atetti waraabame kana daawwadhaa.

  10. Humni galaanaa Ameerikaa doonii fe’umsaa alaabaa Iraan qabdu mataa-maree qabate - Tiraamp

    Ameerikaan doonii fe’umsaa alaabaa Iraan fannifattee karaa ulaawwan galaanaa itti cuftee jirtu ba’uuf yaalaa turte mataa-martee qabachuu Doonaald Tiraamp hime.

    Dooniin kun wayita Galoo Galaanaa Omaan keessa jirtu “akka dhaabbattuuf akeekkachiifni sirrii” kennameefiif garuu qaan diddeef, humni galaanaa Ameerikaa “faana bu’ee dhaabsisuun qabuu” danda’eera.

    Akka Tiraamp jedhetti, dooniin kun amma “to’annoo” US jala jirti.

    Taatee kana dursee, Tiraamp marii Iraan waliin taasifamuuf bakka bu’oota isaa Wixata kana Paakistaanitti akka ergu dubbateera.

    Garee mariif deemu jedhame kanas Pirezidantiin Irri-aanaa US JD Vaansiin durfama.

    Haata’u malee, miidiyaan mootummaa Iraan akka jedhetti, Teehraan marii kana keessatti “hirmaachuudhaaf ammatti karoora hin qabdu”.

    Waliigalteerra hin ga’amu taanaan Tiraamp akkuma kanaan duraa humna ibsaafi riqichawwan akka haleelu dhaadateera.

    Oduu biroo kanaan walqabatan:

  11. YOOYYAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora kallattiin oduu isin biraan keenyu har'aa bananneerra.

    Waa'ee waraana Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti banan ilaalchisee, oolmaa Baha Giddugaleessaafi kan guutummaa addunyaa asiin isin biraan geenya.

    Humni galaanaa Ameerikaa doonii fe'umsaa alaabaa Iraan qabdu mataa-maree qabate - Tiraamp

    Odeeffannoo guutuu dhimmoota waraana Iraan, Baha Giddugaoleessatti deemaa jiru dabalatee wantota amma addunyaarratti ta'aa jiran argachuuf: Marsartii, Facebook, Whtasapp, YouTube irraan argachuu dandeessu.

    US mariif Paakistaanitti deebiyuuf, Tiraamp ammoo bu'uuraalee Iraan akka barbadeessuu irra deebiin dhaadate

    DHIYAADHAA!!