Taphataan beekamaa Riyaal Maadiriid fi Biraazil Viniishiyees Juuniyeer tapha La Liga kaleessa gareen isaa Viyaariyaal mo'atee Baarseloonaa caalee Liigicha dursuu eegalerratti waan kanaan dura shakkamaa ture ifa baaseera.
Kanaan dura hamiifi ta'innaa jedhamaa ture malee waan qabatamaan hin turre.
Taphataan collee umuriin isaa waggaa 25 kun dubartii Virjiiniyaa Fonsekaa jjedhamtu waliin jaalalatti akka jiru ifatti mirkaneesseera.
Dubartiin kun dirree seentee Viinii deeggaraa turteetti. Boodas suura jaalalatti jiraachuu agarsiisu ka'anii miidiyaa hawaasaarratti gadhiisaniiru.
Virjiiniyaa Fonsekaa eenyu?
Maqaan isjee Virjiiniyaa Foneskaa jedhama. Umuriin ishee waggaa 26 yoo taatu, dubartii miidiyaarratti dhuubbaa guddaa uumtedha.
Virjiiniyaan Yunaayitid Isteet, Konnektiikat keessatti dhalattee Biraazil keessatti guddatte.
Dubartiin lammii dachaa Biraazil-Ameerikaa kun Biraazil keessatti maqaa gurra guddaa qabdi. Dhimmi ishee biyyattii keessatti yeroo baayyee dhimma ijoodha.
Virjiiniyaa miidiyaaleen hawaasaarratti hordoftoota miliyoonotaan qabdi. Instagram irratti hordoftoota miliyoona 53 kan qabdu yoo ta'u, TikTok irratti ammoo hordoftoota miliyoona 40 qabdi.
Yeroo umuriin ishee waggaa 17 jiru YouTube irratti baayyee kan beekamte Virjiiniyaan, waggoota muraasaa TV Show Ameerikaa Kibbaa keessatti baayyee beekamaa ta'e Qabdi ture.
Sagantaan TV Virjiiniyaan SBT irratti dhiyeessaa turte kun Sabadou com Virginia', jedhama ykn afaan Ingliffaan 'Saturday with Virginia' jedhama.
Virjiiniyaa Fonsekaa Kanaan dura nama biraa weellisaa Zee Feliippee jedhamu waliin jaalalaan kan ture yoo ta'u ijoollee durbaa sadii walii hortaniiru.
Jalqaba bara kanaa lamanuu waliigalanii jalqabama bara kanaa adda bahan, garuu murteen isaan fudhatan lachuu baayyee kan gaddisiise ture jedhama.
Adda bahanii booda ji'a muraasa keessatti, Vinishiyees Juunier waliin jaalala akka jalqaban irratti odeeffamuu jalqabe.
Yeroo gara garaatti gara istaadiyeemii Riyaal Maadiriid, Bernaabaawuu deemtee achitti suura kaatee gadhiisaas turte, garuu wanti ifa goote hin turre.
El Clasico deemtee hiriyyootaa fi miseensa maatii waliin ka'aa turte.
Amma garuu Viniishiyes Juuniyer waliin suura gara garaa ka'anii gadhiisaniiru, jaalalli isaaniis ifa baheera.