Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa’el hogganaan nageenyaa ijoo Iraan Alii Laarijaanii haleellaa raawwatteen ajjeefamuu himte

Imbaasii US magaalaa guddoo Iraaq keessa jirurratti dirooniiwwaniifi rookkeettiiwan kan dhukaafaman yoo ta'u, haleellaan Iraan kun erga waraanni kun jalqabee "haleellaa isa jabaa" akka ta'e ibsameera.

Guduunfaa

  • Chaayinaan waamicha Ameerikaa diduu hordofee Tiraamp dawwaanasaa jijjiire
  • Boba'aa qusachuuf tarkaanfii biyyootni Eeshiyaa fudhataa jiran
  • Michoonni waliin Hormuuz tiksuu baannaan egereen NATO 'baayyee fokkisaa' akka ta'u Tiraamp akeekkachiise
  • Odeessaalee keenya karaa marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp keenyaa bal'inaan ni argattu
  • Netaaniyaahun 'ajjeefamaniiruu'? Iraan doonii Ameerikaa mancaasteettii?
  • Israa'el fi Iraan walitti dhukaasan, Tiraamp mariif qophii miti jedhan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. TV'n biyyaalessaa Iraan ergaa komaandara milishaa Baasiij Israa'el ajjeese jette dhiyeessaa jira

    TV'n biyyaalessa Iraan ergaa komaandara milishaa Iraan Baasiij jedhamu, Goolaamreezaa Sooleemaanii Israa'el ajjeese jette dhiyeessaa jira.

    Ergaa kanaanis uummati awwaalcha namoota doonii waraanaa IRIS Dena irratti ajjeefamaniif akka bahu gaafateera.

    Maddi oduu Iraan Taasniim awwaalchi jara kanaa Teehraan keessatti raawwata jedhee ture.

    Soleemaaniin erga Israa'el ajjeese jetteen boodallee miidiyaa Iraan irratti as bahee hin dubbanne.

  2. Itoophiyaatti boba’aan dhaabbilee nageenyaafi geejjiba uummataaf dursi akka kennamu ajajame

    Abbaan Taayitaa Boba’aafi Anniisaa Itoophiyaa dhiyeessii boba’aa ilaalchisee dhaabbilee nageenyaafi tikaa akkasumas geejjiba uummataaf dursi akka kennamu jedhe.

    Kubbaaniyaawwan boba’aa dhiyeessaniifi buufataaleen boba’aa dhaabbilee nageenyaafi geejjiba uummataaf dursa akka kennaniif ajaja baase.

    Konkolaatawwan meeshaa boba’aa itti waraaban dabalataa qabatanii boba’aa waraaban yoo argan buufataaleen bobaa’aa qaamolee nageenyaaf gabaasa akka godhanis waamicha dhiyeesse Abbaan Taayitaa kun.

    Abbaan Taayitaa Boba’aafi Anniisaa Itoophiyaa ibsa har’a baaseen, kubbaaniyaawwan boba’aa raabsaniifi dhaabbilee boba’aa dhiyeessan hundumaaf murtee dabarse kana xalayaadhaa ergeera.

    Xalayaa waajjirichi dhaabilee boba’aa dhiyeessaniifi raabsaniif erge kanaan, murteen kun kan fudhatame sababa waraana Baha Giddugalaatti dhalateen dhiyeessii boba’aan hanqinni cimaan akka hin mudanne tarkaanfii qusannoo fudhachuu akka ta’e ibse.

    Waraana US-Isaraa’elifi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru torban sadaffaa qabateen, gatiin bobaba’aa addunyaarratti baay’ee dabalee jira. Guyyaa har’aa gatiin boba’aa barmeelli tokko giddu galeessaan dolaara 103n gurguramaa oole.

    Waraana Baha giddu galaatti ka’een gatiin boba’aa olka’uufi dhiyeessin danqamuunsaa rakkoo qaqqabsiisu to’achuuf mootummaan federaalaa torbee darberraa kaasee akeekkachiisa garaa garaa kennaa ture.

    Torbee darbe Ministiirri Maallaqaa Obbo Ahmad Shidee ibsa kennanii turaniin, “tarkaanfiwwan boba’aa qusachuu akka fudhataman ibsuunsaanii ni yaadatama.

    Kaleessa ammoo MM Abiy Ahmad, boba’aan wantoota murteessoo ta’aniif dursa kennuun qusachuun akka barbaachisu dhaabbilee boba’aa raabsan, buufataalee boba’aafi fayyadamtootaaf ergaa dabarsaniiru.

    Xalayaan Abbaan Taayitaa Boba’aafi Anniisaa barreesse, hubachiisa MM Abiy kaleessa kennan yaadachiisuun, rakkoon waraanaa Baha Giddugalaatti mudate Itoophiyaarratti dhiibbaa fiduu malu dursanii ittisuuf tarkaanfiwwan boba’aa qusachuuf gargaaran jedhe ifa godheera.

    Kanaanis itti fayyadama boba’aarratti, dhaabbilee nageenyaafi tikaa, geejjiba uummataa, pirojektoota mootummaa dhumaa jiraniifi hojiiwwan misoomaaf dursi akka kennamu jedheera.

  3. Liivarkuusan akkamiin Arsenaal dura dhaabbachuuf jedha?

    Galgala har'aa taphoonni jajjaboo Chaampiyeens Liigii ni gaggeeffamu.

    Arsenaal Liivarkuusan waliin, akkasumas Maanchistar Siitiin Riyaal Maadiriid morkata.

    Chelsiin PSG waliin yeroo taphatu, Ispoortiing Boodoo waliin taphata.

  4. Hogganaan Wiirtuu Farra Shororkeessummaa US 'Iraan irraa yaaddoo qabatamaa hin qabnu,' jechuun sirrii miti - Waayit Haawus

    Ibsa Tiraamp kenneen dura pirees sekireetariin Waayit Haawus dhimma hogganaan Wiirtuu Farra Shororkeessummaa Biyyaalessaa US waraana 'hin deeggaru' jechuun aangoo gadhiise irratti ibsa kenniteetti.

    Pirees Sekireetarii Kaarolaayin Leeviit miidiyaa hawaasaa irratti qabiyyee baasteen Joon Keent xalayaa isaa keessatti ''waan sobaa baayyee jedheera,'' jette.

    ''Iraan uummata keenya irratti yaaddoo qabatamaa hin aggaamne,'' jedhe, Pireezidant Tiraamp garuu ''Iraan nu haleeluuf akka jechaa turte ragaa qabatamaafi gahaa qaba,'' jechuun ibsite.

    ''Ragaan kuni maddeen garagraa irraa walitti qabame. Tiraamp 'lafaa ka'ee' loltoota keenya biyya alaatti hin bobbaasu,'' jechuun booda Iraan sagantaa niwukilaaraa ishee akka dhaabdu 'carraan hundi kennameefi ture,'' jette.

    ''Pireezidant Tiraamp dhumarratti Israa'el waliin kan haleellaa banan balaa Iraan dursitee raawwattu hir'isuun dabalataan yaaddoo qabatamaa nageenyaa hambisuu dandeenyeerra,'' jette.

    Gama biraan Tiraamp ibsa hogganichi barreesse akka arge himuun ''nama gaarii akka tahen yaada ture, dhimma nageenyaa irratti garuu baayyee dadhabaa dha,'' jedhe.

    Dabaluunis, ''badaa isa hin beeku, yeroon ibsa isaa dubbisu garuu erga Iraan irraa yaaddoo qabatamaa hin qabnu jechuu arge kanaaf deemuunsaa gaarii dha,'' jedhe.

  5. Alii Laarjaani, hogganaan nageenyaa Iraan Israa'el ajjeese jette eenyu?

    Hogganaan Olaanaan Iraan Ayatola Ali Kamneenii utuu hin ajjeefamin dura dhimma Iraan murtessuuf nama kana bakka buusanii ture.

    Ali Laarijaanii kanneen Ameerikaan nama odeeffannoo waa'ee isaa kenneef doolara heddu ramaddee turtee keessati argamu.

  6. Viidiyoon Benjaamiin Netaanitaahu gadhiisan yeroo xiinxalamu

    Netaaniyaahuun guyyaa Dilbataa viidiyoo isaan kaaffee keessa yeroo buna bitaniifi gargaaraa isaanii waliin haasa'an miidiyaa hawaasaa isaaniirratti qoodaniiru.

  7. Daawwadhaa: Haleellaa Israa'el Kibba Libaanositti taasifteen aara gamoo keessaa bahu

  8. 'Ammaaf achii bahuuf qophii miti, yeroo dhihootti garuu ni baana' - Tiraamp dhimma waraana Iraan irratti

    Tiraamp dhimma waraana Iraan kana keessaa bahuu irratti yoo gaafataman yoo amma bahan ''deebisanii ijaaruuf waggaa 10 fudhata,'' jedhe.

    ''Tahus amma bahuuf qophii miti. Yeroo dhihootti garuu ni baana, yeroodhuma dhihootti baana,'' jedhe Tiraamp.

    Qabxii kanaan dura jedhe irra deebi'uun Ameerikaan biyyoota Baha Gidduugalaa irraa ''deeggarsa jabaa qabdi,'' Nato irraa garuu ''deeggarsa bu'uuraa hin arganne,'' jedhe.

    Ministarri Mummee UK Istaamar akka deeggarsa kennaa hin turres hime.

    Erga 'injifannee' booda xiyyaar-waraanaa lama nuu erge,sunis yeroo isaaniif rakkoo hin qabnetti dha jedhe.

    ''Nama gaarii natti fakkaata garuu itti gaddeera,'' jechuun dhimma Iraan irratti haasaa xumure..

  9. Michooti NATO 'dogoggora gowwaa' raawwataa jiru jedhe Tiraamp

    Tiraamp amma kana ibsa kennaa jiruun biyyooti michuu Ameerikaa taankaroota Ulaa Hormuuz keessa darban tiksuun akka gargaaran gaafatamanii ture.

    ''Nuti gargaarsa hin barbaannu,'' jechuun jalqabe Tiraamp, biyyooti michoota NATO waan US gochaa jirtu ni deeggaru, yaaddoo niwukilaaraa Iraan keessaa baasuun murteessaa dha jedhe.

    Ameerikaan hojii jabaa hojjetteetti, waraana galaanaafi qilleensaa Iraan duguugdee jirti jedhe.

    Waa'ee NATO yoo dubbatu ''dogoggora gowwaa'' raawwachaa jiru jedhe.

    ''Nuti isaan hin barbaannu garuu nuuf argamuu qabu ture,'' jedhe.

  10. Daawwadhaa: Misaayeliin Israa'el yeroo kibba Beeruut haleelu

  11. Daawwadhaa: Samii Baagidaad irratti haleellaa qolatame

  12. Israa'el lammiileen Iraan 'mootummaa akka buqqaasaniif carraa kennaa jirti' - Netaaniyaahuu

    Beenjaamiin Netaaniyaahuun Israa'el mootummaa Iraan dadhabsiisaa jirti ''kunis lammiileen Iraan aangoorraa buqqisu abdii jedhuuni,'' jedhe yeroo ajjeefamuu hogganaa nageenya Iraan himetti.

    ''Hundi yeroo tokkotti hin tahu, salphaattis hin raawwatu. Yoo itti cichine garuu egeree isaanii harka isaanitti kennuu ni dandeenye,'' jechuun dubbate MM Israa'el.

    Hogganaa nageenyaa Iraan Laarjaanii Alii ''wanbadoota keessa wanbadee isa badaa Iraan geggeessa ture,'' jechuun ibse.

    Iraan hogganaan nageenyaa ishee ajjeefamuu hin mirkaneessine.

  13. 'Waraanni kuni otoo dhaabbatee... sammuu na raatessaa jira' - Lammii Iraan

    Iraan iddoo baayyeetti intarneetiin waan adda citeef waan jiraattonni keessa jiran dhagahuun rakkisaa dha. Tahus BBC'n Parshiyaa jiraattota muraasa biyyattii keessa jiran dubbiseera.

    ''Dura manni keessi ni ifa, achii sagaleen guddaa dhagahama,'' jechuun haleellaa eda ture hima.

    Fooddaansaa hoollatee sagalee guddaa isa booda dhagahameen akka dammaqe hima. ''Sagalee qaqawweessaa dachaa shan, jaha caala,'' jedhe.

    Shamarri ganna 20 biraa ammoo haleellaa Ameerikaan Waxabajjii darbe raawwatteen caba qalbii irra gaheef qoricha fudhataa jira jette.

    ''Kanaafin waraana kana guutummaatti hin deeggaru,'' jechuun ibsite. ''Yeroo Kaameenee ajjeesan garuu abdii wayii naa kennee ture,'' jetti.

    ''Amma garuu narvii kiyya akkaan miidhaa jira. Waraanni kuni ni dhaabbata abdii jedhuun qaba. Akkaa dhiphadhee jira,'' jedhe.

  14. Har'a UAE'n diroonii 45 fi misaayela baalaastikii 10 qolatteetti - Ministeera Ittisaa

    Har'as Dubaayitti sagaleen akeekachiiftu dhagahamaa ture. ''Haleellaan misaayelaa ni jiraata, iddoo nagaa qabutti baqadhaa,'' jechuun booda ''amma nagaa dha,'' jedhamaa akka oolan gaazexeessitoonni BBC himu.

    Guyyaa har'aa qofa UAE'n diroonii 45 fi misaayela baalaastikii 10 qolattee jirti jedhe ministeerri ittisaa.

    Haala kanaan sirni ittisa qilleensaa biyyattii erga waraanni jalqabee misaayelotaafi dirooniwwaan 2,000 ol qolateera.

    Ganama kana misaayelli qolatamuun booda lammiin Paakistaan tokko ajjeefamuu gabaasneerra.

    Erga waraanni jalqabee UAE keessatti namoonni saddeet ajjeefamaniiru. Namoonni ajjeefaman baayyeen lammiilee kibba Eeshiyaati. Biyyattii keessa lammiileen Imiraatii %10 qofa dha.

  15. Hogganaan nageenyaa olaanaa Iraan, Alii Laarjaanii, akkamiin 'ajjeefaman'?

  16. Hogganaan Wiirtuu Farra Shororkeessummaa US waraana Iraann irratti gaggeeffamu mormee aangoo gadhiise

    Hogganaan Wiirtuu Farra Shororkeessummaa US aangoo gadhiisuu miidiyaa irratti beeksisee- ''waraana Iraan deeggaruun qalbiin koo nagaa hin qabaatu,'' jedhe.

    Namni Joo Keent jedhamu kuni Adoolessa darbe Tiraampiin muudamuu seeneetiin mirkaneesseera.

    ''Iraan uummata keenyaaf yaaddoo mirkana qabu nurraan gahaa hin jirtu, kan waraanatti seenne dhiibbaa Israa'eliifi deeggartoota Ameerikaa jiraniin dha,'' jedhe.

    ''Imaammata hajaa alaa ati bara 2016, 2020 fi 2026tti ibsaa turteefi yeroo sana hojiirra oolchite nan deeggara ture,'' jechuun ergaasaa miidiyaa hawaasaa irratti kallattiin Tiraampiitti hime.

    ''Hamma Waxabajjii 2025 waraanni Baha Giddugalaa kiyyoo lubbuu lammiilee Ameerikaa saameefi badhaadhummaa uummata keenyaa duguge akka tahe amanta ture,'' jechuun Tiraampitti hime.

    ''Akka loltuu duraanii si'a 11 bobbaafamee ture tokkottii fi haadha warraasaa lola Israa'el fidduun dhabetti, dhaloota ittaanu waraana uummata Ameerikaa hin fayyadaneefi gatii baasisutti erguu hin deeggaru,'' jedhe.

  17. Qabxiilee ijoo: Israa'el hogganoota Iraan lama ajjeese jette

    Iraan

    Israa'el hoggnaa nageenyaa Alii Laarijaanii ajjeesuu himteetti. Duuti nama kanaa dhugaa yoo tahe mootummaa Iraaniif rakkoo guddaa dha jedhe xiinxalaan dhimma alaa BBC Jereemii Boowen.

    Milishaan Eegduu Warraaqsa Iraan akkaan sodaatamuufi uffata dambii hin keewwanne jalqaba bara kana hiriirtota Iraan irratti tarkaanfii fudhataa ture namni hogganus akkasuma ajjeefameera.

    Israa'el

    Haleellaa misaayelaa Iraan Israa'el irratti raawwataa jirtuun manneen barbadeessiteetti.

    Libaanoos

    Israa'el magaalaa guddoo Libaanoos Beeruut irratti haleellaa qilleensaa kan bante yoo tahu, jiraattonni kibba Libaanos akka achi bahan itti himameera.

    Waraanni Israa'el garee Heezboollaa Iraaniin deeggaramuufi waraana kanaan misaayelotaafi dirooniiwwan dhibbaan lakkaa'aman Israa'elitti haleelee jira.

    Aangawooti Libaanoos namoonni 880 tahan lola miilanaan ajjeefamaniiru jedhan.

  18. Lammiileen Iraan Laarijaaniin bakka hin jirretti 'nagaa qabaatu' - Ministara Hajaa Alaa Israa'el

    Ministarri Hajaa Alaa Israa'el Geediyoon Saar, lammiileen Iraan hogganaa olaanaa nageenyaa Alii Laarijaaniin bakka hin jirretti 'nagaa qabaatu,'' jedhe.

    Waraanni Israa'el hogganaa nageenyaa Alii Laarijaaniifi Koomaandar Basiij Soleemaaniin haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu himeera.

    Israa'el ''meeshaa cunqursaa'' Iraan laaffisaa jirti jedhe Geediyoon. Dabalunis mootummaan kuni lammiilee Iraaniin qofa aangoorraa kuffifamuu danda'a, garuu alaa yoo gargaarsi jiraate malee milkaa'uu hin danda'u jedhe.

    Iraan Ulaa Hormuuz cufuun ''rakkoo idl-addunyaa dha jedha. Tiraamp immoo karaan dooniin irra darbu akka tasgabbaa'u biyyooti akka gargaaran waamicha dhiyeesseera.

  19. Iraan hoggantootni lama jalaa ajjeefamuu hordofee misaa'ela haaraa Israa'elitti dhukaasaa jirti

    Humni waraanaa Israa'el akka jedhutti Iraan misaa'eloota haaraa hedduu Israa'eel irratti furguggisaa jirti.

    Israa'el misaa'eloota kana sirni ittisa ishee addaan kutuun qolachaa jiraachuu ibsite.

    Miidiyaan mootummaa Iraan misaa'eloonni haaraan Iraan irraa gara "qiyyaafannoo Iraan"ta'aniitti dhukaafamuu gabaasera.

    Waraanni Israa'el hogganaa nageenyaa Iraan Ali Laarijaanii fi Jenaraalaa ajajaa kutaa milishaa Baasij Iraan Golamreza Solimani ajjeesuu beeksise.