Leenjisaan Garee Kubbaa Miilaa Seenegaal Peep Tiyaawu jeequmsa tapha xumuraa Waancaa Afrikaa 2026 Morookootti mudate hordofee taphoota shan irraa uggaraman.
Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Tiyaawu dolaara 100,000 akka adabamus murteesse.
CAF, leenjisicha 'naamusa ispoortii hin malle mul'isuu' fi 'tapha jeequu' kan jedhuun adabbii kana irratti murteesse.
Tapha Waancaa Afrikaa darbe hordofee adabbiiwwan walumatti dolaara miliyoona gahan keessaa kan leenjisaa kanaa isa tokko jedhameera.
Tapha xumuraa Waancaa Afrikaa Morookoo Raabaatitti Amajjii 18, 2026 Senegaal 1-0 Morookoo injifatterratti yeroo taphattoonni rukuttaa adabbii Morookoof kennetti gareen Senegaal mormuun dirree gad lakkisanii bahanii turan.
Taphichis daqiiqaawwan 17'f adda citee ture. Taphataa Segaal Saadiyoo Maanee ture taphattoota Seenegaal gara dirree akka deebi'an kan waame.
Gareen Seenegaal taphattoota isaa Ilimaan Daayee fi Saar naamusa ispoortii hin malle daanyaatti agarsiisaniif taphoota lama akka hin taphanne dhiyeesse.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Seenegaal immoo dolaara 615,000 adabame.
Morookoon gama isheetiin Ismaa'el Saayibarii taphoota sadii fi dolaara 100,000 akka adabamu dabarsitee kennite.
Ittisaa garee Morookoo Hakimiin taphoota lamaa irraa akka ugguramuu itti murtaaye.
Uggurri leenjisaa Seenegaal Tiyaawu irra kaayame taphoota CAF qofarratti kan raawwatu dha.
Qophii tapha Waancaa addunyaa kan US, Kaanaadaa fi Meeksikoon qopheessan irratti dhiibbaa hin qabaatu.