Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Akkuma dhaadate Tiraamp wiirtulee annisaa haleellaan, Ulaan Hormuuz ‘guutummaatti cufata’ - Iraan

Tiraamp Iraan Ulaa Hormuz yoo hin banne akka 'barbadeessan' yoo dhaadatu, Iraan ammoo Tiraamp akkuma dhaadate haleellaa wiirtuu annisaasheerratti raawwannaan Ulaan kun 'guutummaatti cufama' jette.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Yoo maddeen anniisaa haleelaman ulaan Hormuz 'guutummaatti ni cufama' - Iraan

    Humni Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraan Ameerikaan yoo maddeen annisaa Iraan haleelte ulaan Hormuuz ''ciraadhumasaa ni cufamu'' jechuun dubbate.

    Tiraamp duratti Iraan ulaa kana sa'aatii 48 gidduu yoo hin banne, maddeen anniisaa Iraan ''daaraa botoroo'' ta'u jedhanii dhaadatanii turan.

    Ulaan Hormuz akkaan barbaachisaadha. Boba'aafi gaaziii addunyaan itti dhimma baatu keessaa 20% ulaa kana keessa qaxxaamura.

    Iraan ''michootasheef'' ulaa kana bantee ''diinotashee'' irratti garuu karra cufeera jetteetti.

    Sababa ulaa kanaan gatiin boba'aa dabaleera.

  2. Iraan Landan haleeluu dandeessii?

    Dubbii Israa'el Iraan misaa'elota fagaatanii deemuu danda'an hanga magaalaa Landan qaqqaban qabdi jechuu hordofee gaaffii ka'eera.

    Minstirri kaabinee Yunaayitid Kingidam (UK) ammoo Iraan Landan haleeluu dandeessi gamaggama jedhu ragaan deeggaru hin jiru jedhe.

    Barreessaan Manneen Jireenyaa Istiiv Riid, "gamagamni addaa Iraanonni UK irratti xiyyeeffataniiru jedhu hin jiru - ykn yoo fedhanillee gochuu waan danda'an miti," jechuun BBCtti hime.

    Yaadni kun kan ka'e Humni Ittisaa Israa'el (IDF) Sambata 'Teehraan meeshaa waraanaa hanga kiiloomeetira 4,000 fagaatee haleelu qabdi' jechuun dubbatee boodadha.

    Dubbiin kun Iraan buufata waraanaa waloo US-UK Odola Chaagos kan Garba Indiyaarra kiiloomeetira 3,800 Iraan irraa fagaatee jiru irratti xiyyeeffachuu hordofeeti.

    Riid hangam misaa'eloonni Iraan daangaa Biriitishitti dhiyaachuu akka danda'anirratti dubbachuu hin barbaadne.

    Iraan balastik misaa'eloota lama buufata waraanaa UK-US, Diyeegoo Gaarsiyaatti dhukaastee kan turte yoo ta'u, tokko karaatti kufee osoo hin qaqqabiin hafee, kan lamaffaa ammoo ni qolatame. Kun kan ta'e Jimaata galgala ture.

    Oduu yaalii haleellaa Iraan kana hordofee IDF Sambata, Teehraan misaa'eloota lafa fagoo hanga Awurooppaa, Eeshiyaa fi Afrikaa qaqqaban hojjechuuf fedhii akka qabdu bara darbe ibsuu isaa yaadate.

    Irri dabaluun: " Mootummaan shororkeessaa Iraan addunyaaf yaaddoo uumeera jechaa turreerra. Amma, misaa'loota Landan, Paaris ykn Barliin qaqqabaniin dhufeera," jedhe.

    Kun hangam dhugaadha jedhamuun kan gaafatame ministirri UK Riid, "Iraanonni UK irratti xiyyffataniiru gamagamni jedhu ykn ni danda'us jedhu hin jiru," jedhe.

  3. Viidiyoo: Haleellaa Iraan dhiheenya buufata niwukilaraa Israa'el raawwatte

    Haleellaa Iraan dhiheenya buufata niwukilaraa Iraan raawwatte viidiyoon mul'isu baheera. Daawwadhaa!

  4. Humni Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraan maal yaade jedhe?

    Humni Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraan waan gochuuf deemu akeeke.

    Humni Iraan abdattuufi Israa'el akkasumas Ameerikaan mancaasuu fedhan kuni gama caasaa tikaa isaan X gubbaa ergaa kaa'eera jedhameera.

    Miidiyaan Tajaajila Oduu Faars garee kanatti hidhata qabu garichi ''naannicharra ce'ee yaadaa akka jiru'' hime.

    Kunis, ''baankii qiyyaafannoo diimaa'' dameewwan tekinolojiifi siyaasaa irratti xiyyeeffate akka ta'e ibse.

    Dubbiin kuni erga Pirezidant Tiraamp Iraan irra deebiin akeekkachiisaniifi sa'aatii 48 keessatti haleellaa akka raawwatan dubbatan booda dhagahame.

    Akeekkachiisi Humna Eegduu Warraaqsaa Iraan kuni ''sa'aatii 48 gadi kan raawwatu'' akka ta'e akeeka.

    Tiraamp Iraan Ulaa Hormuz sa'aatii 48 keessatti yoo hin banne, buufata annisaashee 'daaraa botoroo' godha jedhaniiru.

  5. Daawwadhaa! Viidiyoon miidhaa misaa'ela Iraaniin Israa'elitti dhaqqabe mul'ise

    Haleellaa misaa'elaa Iraan Israa'elirratti raawwatteen namoonni 160 ol ta'an miidhamuu Israa'el beeksisteetti.

    Ministirri Muummee biyyattiis bakka balaan dhaqqabe dhaqanii daawwataniiru. Akka haaloo bahanis dhaadatan. Viidiyoo miidhaa dhaqqabe kana daawwadhaa.

  6. Netaaniyaahun bakka namoonni miidhaman daawwachuun maal jedhan?

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahuun bakka misaa'ela Iraaniin namoonni 160 ol miidhaman dhaqanii daawwataniiru.

    ''Akka carraa ta'e namni tokkollee hin duune,'' jechuun dubbatan.

    Galmi isaanii garuu namoota nagaa ajjeesuudha jechuun humna Iraan himatani.

    Haleellaa Iraaniif deebii akka kennan yoo dubbatan akkana jedhan; ''Humna guddaan deebii kennina, garuu lammiilee nagaa irratti miti.

    ''Humna Eegdu Warraaqsa Islaamummaa adamsina, wanbadee yakkamaa. Hogganoota isaanii, caasaa isaanii [akkasumas] qabeenya isaanii,'' jechuun dubbatan.

    MM Israa'el Iraan misaa'ela fageenya dheeraa imalu qabdi, kunis biyyoota Awurooppaallee yaaddessa jechuun himataniiru.

    Tibbana buufata waraanaa Diyeegoo Gaarshiyaa Garba Guddaa Hindiirratti argamuurratti Iraan misaa'ela dhukaasuu gabaafameera.

    Haa ta'u malee, misaa'elichi humna qilleensaa US'n haleelamu ibsameera.

    Garuu, Iraan misaa'ela hammana imalu qabaachuun ishee ammatti hin mirkanoofne.

  7. Qaaxaaritti xiyyaarri kufee lubbuun namoota 6 darbe

    Balaa helikooptara Qaaxaar mudateen lubbuun namoota jaha darbuu ministeerri ittisa biyyaatti ibseera

    Qaxar ganama har'aa akka ibisitetti helikooptarri kun ''dirqama hijii idilee'' irra osoo jiruu rakkoo teeknikaa mudateen kufeera.

    Ministeerri kun ibsi tiwiitara irratti baaseen, ''tattaaffiin barbaacha namoota torba helikooptara kana keessa turan taasifameen hanga yoonaa reeffi namoota jaha argamuu danda'eera,'' jedhe.

    Ibsi kun namoota ja'a du'an keessaa lammiilee nagaa Turkii lamaa fi loltuu Turkii tokko akka keessatti argaman eerera.

    Akka gabasa Rooyitersitti ammoo namootni torbanuu xiyyaaricha keessa turna du'uu anga'ootni aanga'oonni Qaaxaar fi Turkii himuu gabaasera

    Iraan Qaaxaar irratti torbeewwan darban keessa haleellaa raawwataa kan turte yoo ta'u, dhaabbati boba’aa ishee guddichis torbee kana keessa rukutamee jira.

    Haa ta'u malee, balaan helikooptara amma mudate kun waraana Iraan waliin kan walqabatu ta’uu fi dhiisuu isaa ifa miti.

  8. Israa’elitti lakkoofsi namoota haleellaa Iraaniin miidhamanii dabalaa jiraachuu qondaaltonni himan

    Misaa'elonni Iraan magaalota Israa'el naannawa dhiyeenya niwukilaraa irratti dhukaafamuu hordofee hanga yoonaa namoota 160 ol madeessuu qondaaltootni himan

    Qondaaltonni Israa’el akka jedhanitti lakkoofsi namoota haleellaa kanaan miidhamanii dabalaa jira.

    Hanga gabaasni kun bahutti namoonni 160 ol kan miidhaman yoo ta’u, gariin ammoo haala hamaataa keessa jiraachuu qondaaltonni balaa tasaa Israa’el himaniiru.

    Sambata galgala magaalota kibba Israa'el Dimonaa fi Arad irratti haleellaa misaa'elli balistikii dhukaafamee booda Araaditti namoonni 84, Dimoonaatti ammoo namoonni 78 madaa'uu himaniiru.

    Dhaabbata qorannoo niwukilaraa Dimoonaa irraa kiiloo meetira 13 fagaatee argamu irratti miidhaa qaqqabe ilaalchisee odeeffannoo akka hin qabne Ejensiin Inarjii Atoomikii Idil Addunyaa beeksise.

    Televijiiniin mootummaa Iraan haleellaan Sambataa kan dhaabbata niwukilaraa Iraan Nataanz irratti raawwatameef haaloo ba’uuf akka ta’e gabaaseera. IAEAn ammoo ''mallattoon Nikularri haleelamuu sadarkaa raadiyaashiniin naannoo sanatti dabaluuagarsiisu hin jiru'' jedheera.

  9. Iraan akeekkachisa xumuraa Tiraamp sa'aatii 48'f deebii akkamii kennite?

    Hanga ammaatti Iraan bu’uuraalee anniisaa Ameerikaa waliin hidhata qaban Galoo Galaana keessatti haleellaa raawwachuun deebii akka kennitu ibsiteetti.

    Akkasumas dooniiwwan ulaa Hormuz keessa darban kanneen ''diina'' waliin hidhata hin qabne Iraan waliin yoo qindoominaan darbuu akka danda'an ibsiteetti.

    Doonaald Tiraamp yoo Iraan sa'aa 48 keessatti ulaa Hormuuz hin banne dhaabbilee annisaa biyyatti akka haleelaan doorsisan.

    Iraan tarkaanfiin kun ittuu bu’uuraalee anniisaa naannawa sana jiran kan Ameerikaa waliin hidhata qaban guutuu irratti akka xiyyeeffattu kan ishee taasisu ta'uu miidiyaaleen mootummaa Iraan ibsaniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaa Araaghchi biyyoonni furmaata barbaaduuf gara Iraanitti dhiyaachuu isaanii himan.

    Iraan dooniiwwan Ulaa Hormuz keessa darban doolaara miliyoona 2 akka kaffalaan taasifamaa jedhame.

    Miseensi paarlaamaa Iraan Aleddin Borujid har’a TV mootummaa irratti dooniiwwan Ulaa Hormuz keessa darban tokko tokko Iraan “kaffaltii doolaara miiliyoona 2 kanfalchiisuuf akka jiran himan.

    Ulaa galaanaa kanarratti ''bulchiinsi haaraan'' ba'aa akka jiru himanii '' kunis baasii waraanaaf kan oolu ta'uu ibsuun'' kunis ''aangoo fi mirga Rippabiliika Islaamaa Iraan'' agarsiisa jedhan.

    BBC'n ooniiwwan Ulaa Hormuz keessa darban doolaara miliyoona 2 akka kaffalaan taasifamuu miseensi mana maree Iraan dhiheesse kana addatti hin mirkaneeffanne.

  10. Arteetaafi Gaardiyoolaa keessaa eenyutu waancaa Kaaraabaawoo caalaatti barbaada?

    Morkiin Arsenaal fi Maanchistar Siitiin taasisan gara Wembileey ce'eera - garuu dhimmichi waan Waancaa Kaaraabaawoo qofa hin fakkaatu.

  11. Sa'udiin Iraan irratti tarkaanfii fudhachuu eegalufi?

    Ibsa dhiyeenya Ministeerri Raayyaa Ittisaa Sa'udii baase akka mul'isutti Saa'ud Arabiyaan Misaa'ela balistikii sadii naannoo Riyaad, magaalaa guddoo Sa’udii irratti xiyyeeffate qolateera.

    Ibsa marsariitii isaa X irratti baaseen, "Misaa'eloonni baalistikii sadii gara bulchiinsa Riyaaditti dhukaafaman.

    ''Misaa'eloota kanneen keessaa tokko kan adda kutame yoo ta'u, lamaan hafan ammoo naannoo namni hin jirretti kufaniiru," jedhe.

    Kana malees dirooniin shan halkan walakkaa irraa eegalee qilleensa biyyattii keessatti rukutamuun barbadaa'uu ibseera.

    Sa’uudii Arabiyaan gochi haleellaa haaloo ba’uu Iraan 'waan daangaa darbeef' dippilomaatii Iraan tokkoo fi miseensonni garee isaa sadii biyyattii hatatamaan akka gadhiisan gaafatteetti.

    Ibsa kanaan 'haleellaa Iraan irra deddeebiin raawwatte' balaaleffachuun, Riyaad qondaala nageeenyaa imbaasii Rippabiliika Islaamaa Iraan, fi miseensota ergama nageenyaa Imbaasii sadii biyyaa ari'uuf murteessiteetti' jedha.

    Qondaaotni Iraan kunneen akka biyyaa ba’aniif sa’aatii 24 qofti akka kennameefis ibsameera.

  12. Waa'ee akeekkachiiisa sa'aatii 48 Tiraamp Iraaniif kennan maal beekna?

    Pirezidant Tiraamp Iraaniin akeekkachiisaniiru.

    Iraan Ulaa Hormuuz yoo hin banne, buufatawwan annisaashee 'daaraa botoroo' nan godha jedhaniiru.

    Ulaan kuni akkaan barbaachisaadha. Boba'aafi gaaziii addunyaan itti dhimma baatu keessaa 20% ulaa kana keessa qaxxaamura.

    Iraan akeekkachiisa isaanii Bitootessa 21 miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessan.

    Truth Social irratti: Yoo Iraan doorsisa malee guutuutti yoo hin banne, sa'aatii kanaa eegalee sa'aatii 48 booda buufatawwan gurguddaarraa eegalee Yunaayitid Isteet of Ameerikaan buufata annisaashee dhooftee daaraa botoroo gooti,'' jedhan.

    Iraaniis bu'uuraalee annisaa US'tti hidhata qabaniifi Giddugala Bahaa jiran akka haleeltu himuu, miidiyaan mootummaa biyyattii gabaaseera.

    Iraan ulaa hormuz danquufi dooniiwwan haleeluun gatiin boba'aa akka guddatu taasiseera.

  13. Haleellaan misaa'ela Iraan naannoo buufata Niwukilaraa fi bakka birootti rawwatteen miidhaan guddan gahe

    Misaa’elli Iraan Kibba Israa’el magaalaa Dimoonaa bakka buufata niwukilaraa tokkotti dhihoo jirtu haleele.

    Haleellaan kun bakka niwukilaraa Israa'el irraa gara 13km qofa fagaate kan haleele yoo ta'u, yaaddoo guddaa uumeera.

    Ejensiin Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa miidhaa buufaticharra gahe gabaasa akka hin qabne ibsuun naannoowwan boombiin niwukilaraa jiran haleellaa irraa bilisa akka ta'an akeekkachiisera.

    Giddu-galli Qorannoo Niwukilaraa Shimon Peres Negev - kan gammoojjii Negev keessatti argamu kan "Dimona reactor" jedhamee beekamu meeshaa waraanaa niwukilaraa Israa'el akka qabu kan amanamu yoo ta'u garuu ifatti Isra'eliin hin beeksifamne.

    Garuu naannoo waggoota kurnan jahaaf Israa’el boombii niwukilaraa achitti hojjechuun ishee ragaaleen ifa ta’an kan ibsan.

    Kana malees Sambata kaleessaa haleellaan Misaa'elaa Kibba Israa’el keessatti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, sirni ittisa qilleensaa magaalaa Araad misaa'eloota kanneen qolachuu dadhabuutu ibsame.

    Tajaajilli balaa tasaa akka beeksisetti namoonni 88 gara hospitaalaatti kan geeffaman yoo ta’u, 10 haala hamaa keessa jiru.

    Haleellaan naannoo buufata Nikuleraa Dimoonaatti dhiyootti raawwtameenis hanga yoonaa namootni 40 ta'an hospitaala galaniiru. Kanneen ajjjeefaman ammatti waanti ibsame hin jiru

  14. Tiraamp Hormuz yoo hin banamne buufata annisaa Iraan 'daaraa botoroon' godha jedhan

    Tamsaasni kallattii keenya waa'ee walitti bu'iinsa Giddugala Bahaatti adeemaa jiruurrratti xiyyeeffate itti fufeera.

    Pirezidant Tiraamp Iraaniif akeekkachiisa haaraa kennaniiru.

    Iraan Ulaa Hormuz sa'aatii 48 keessatti yoo hin banne, buufata annisaashee 'daaraa botoroo' godha jedhan.

    Ulaan Hormuuz ulaa daldala boba'aa addunyaa keessaa 20% kan keessa darbudha.

    Iraan michootasheef karra banaa, kaan dhowwataa jirti jedhamti.

    Iraan immoo buufanni annisaashee yoo rukutame bu'uraalee misoomaa annisaa US waliin hidhata qabaniifi Giddugala Bahaa jiran haleelee haaloon baha jette.

    Gaafa Sambataa, Tiraamp galma waraanaa isaanii galmaan gahuu dubbatanii turan.

    Dabaluunis, Iraan ''waliigaltee raawwachuu barbaaddi'' jedhaniis himan, garuu isaan akka didan dubbatan.

  15. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa eegaleera.

    Ammallee ajandaan ijoo waraana Giddugala Bahaatti adeemaa jirudha.

    Isinis miidiyaa hawaasummaa gubbaa asumaan nu hordofaa; WhatsApp, Facebook, fi YouTube gubbaa jirra.

    Marsariitii keenya irrattis odeessa keenya bal'inaan argattu.

    Lafa nagaa oolaa!