Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hogganaa Olaanaa haaraan Iraan Mojtabaa Kaameenii madaa'anis ''nagaa qabu'' jedhame

Hogganaan Olaanaa haaraa Iraan Mojtaabaa Kameenii oduun madaa'an jedhu dhaga'amaa jiraatullee 'nagaa qabu' jedhameera. 'Nagaa ta'uu' hogganaa olaanaa kanaa kan himan ammoo ilma Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaanidha. Yusuuf Pezeshkiyaan fuula Telegram irratti hogganaan olaanaa mada'aniiru "oduu jedhu dhaga'eera" jedhe.

Guduunfaa

  • Waa'ee diroonii Iraan Giddugala Bahaafi US yaaddorra buuse maal beekna?
  • Iraan dirooniidhaan Kaalifoorniyaa haleeluu akka dandeessu FBI akeekkachiise -Gabaasa CBS
  • Iraan gatiin boba'aa baarmeeliin tokko doolaara 200 galuu akka danda'u akeekkachiiste
  • Ulaa Hormuz fi naannoo sanatti haleellaan hammaate, Israa'el haleellaa haaraa Libaanositti eegalte
  • Biyyoonni miseensa Ejensii Inarjii Idiladdunyaa (IAE) boba'aa yeroo rakkoof kuusan keessaa baarmeelii miiliyoona 400 fayyadamuuf waliigalan
  • Hogganaan Olaanaa Iraan eessa jiru? Maaliif ummatatti hin mul'anne?
  • Hogganaan Olaanaa Iraan madaa'anillee 'nagaa qabu' - Ilma Pirezidantii Iraan
  • Israa'el haleellaa bifa haaraan Libaanos fi Iraan irratti eegaluu ibsite, Iraan ammoo haleellaawwan hedduu Israa'el fi wiirtuuwwan humna waraanaa US Baha Giddu Galeessaa jiran irratti raawwachuu ibsite
  • US dooniiwwan waraanaa Iraan kanneen dhootuuwwan galaana keessa awwaalan 16 barbadeessuu himte
  • Tiraamp akka Iraan ''dhootuuwwan Ulaa Hormuz keessa hin keenye'' akeekkachiisuu booda US tarkaanfii fudhatte
  • Qondaalli poolisii Iraan namni mootummaarratti mormii dhiheessuu yaadu kamuu ''waan diinni arge arguuf deema'' jechuun akeekkachiiseera
  • MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ''lammiileen Iraan sirna Ayaatollaa ofirraa kuffisuu qabu,'' jedhe
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa
  • Odeessaalee keenya karaa marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp keenyaa bal'inaan ni argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Taankera boba'aa Omaan haleellaa Iraaniin gubachaa jiru dhaamsuuf yeroo fudhata-Miidiyaa mootummaa

    Taankera boba'aa Omaan haleellaa diroonii Iraan gaggeessiteen abiddi itti qabate dhaamsuuf yeroo akka fudhatu miidiyaan mootummaa gabaase.

    Ittisni siviliifi abbaan taayitaa Omaan balaa abidda ahaleella akana hordofee kuusaa boba'aa bakka garagaraa jiru qabate kana dhaamsuuf yaalii taasisaa jira.

    Taankeriin boba'a akunneen ulaa galaanaa Salaalaah keessatti argama.

  2. Miidhaan Iraan Kuweetitti buufata US haleeluun qaqqabsiifte kan gabaafameen oli jedhame

    Haleellaa diroonii Iraan Bitootessa 1, 2026 buufata waraanaa Kuweet irratti raawwattee loltoota US jaha galaafatte isa jedhameen ol balaafamaa akka ture michuun BBC, CBS gabaase.

    Haleellaa sanaan loltootni US miidhaman waliigalatti 140 ta'uu fi isaan keessaa 30 ammallee hospitaala akka jiran maddeen adda addaarra mirkaneeffachuu gabaase.

    Pentaagoon yaada BBCf kenneen loltootni haleellaa sanaan miidhaman 140 ta'uu fi erga waraanni kun eegalee waliigalatti kan ajjeefaman saddeet ta'uu ibseera.

  3. Tiraamp waraanni 'dhiyootti' goolabama jedhe

    Pirezdantiin US Donaald Traamp miidiyaa Axios irratti yaada kenneen waraanni "dhiyootti ni goolabama", Qiyyaafannoon nu hafe hin jiru" jedhe.

    "Yeroon fedhe dhaabuu nan danda'a," jedhe Tiraampi.

    Waraanni kun Guraandhala 28 kan eegale yoo ta'u, Ministirri Ittisaa Israa'el Israa'el Kaatiz Roobii dubbii dubbataniin,"waraanichi daangeffama yeroo tokko malee itti fufa" jedhee ture.

    Kaatz walitti bu'iinsi kun hanga barbaadametti itti fufa, hanga galmi waloo duula US fi Israa'elii galma gahutti jechuu isaa Rooytarsii fi Times of Israel gabaase.

  4. US namootni nagaa buufataalee galaanaa Iraan akka hin fayyadamne akeekkachiifte

    Ajajni Giddu-galeessaa US (Centcom) imaltoonni "saffisaan buufataalee Iraan toora Ulaa Hormuz jiran humnoonni galaanarraa Iraan sochii irratti waan godhaniif fayyadamuu akka dhaaban" akeekkachiise.

    Centcom sirni Iraan buufata imaltoota siivilii "oppireeshinii waraanaaf itti fayyadamuun sochii dooniiwwan idil-addunyaa balaarra buusaa jira" jedhe.

    "Gochi balaafamaan kun lubbuu namootaa balaarra buusas" jechuun akeekkachiise.

    Buufata imaltootaa waraaanaf dhimma bahuun nageenyummaa isa dhabsiisa, "akkaataa seera idil-addunyaatti iddoo qiyyaafannoo waraanas taasisa".

  5. Sigiga lafaa godina Gaamootti qaqqabeen lakkoofsi namoota du'anii 52 gahe

    Kominikeeshiniin mootummaa Godina Gaamoo ibsa miidiyaa hawaasaa gubbaa baaseen sigiga lafaa gandoota aanaa Gaaccoo Baabbaa mudateen ''ragaa hanga ammaa jiruun lakkoofsi namoota du'uunii 52 gaheera'' jedhe.

    Bulchaan godinichaa Dr Damissee Admaasuu ganda Maazzoo Daayisaatti argamuun miidhamtoota jajjabeessuu himeera.

    Gabaasa hanga ammaa jiruun namootni achi buuteen isaanii dhabame 50 barbaadamaa jiraachuunis ibsameera.

    Balaan sigigaachuu lafaa kuni kan mudate barii naannoo sa’aatii 11tti.

  6. Iraanonni Waancaa Addunyaa hin taphatan - Ministeera Ispoortii Iraan

    Ministeerri Ispoortii fi Dargaggootaa Iraan gareen biyyaalessaa kubbaa miilaa Iraan Waancaa Addunyaa bara 2026 irratti hin hirmaatu jedhan.

    Gaaffii fi deebii IRIB Sports Network waliin Kibxata tolchanii ministirichi, Ahmad Donyamali, " Mootummaan malaammaltummaa kun hoggana keenya ajjeesee osoo jiru sababni Waancaa Adunyaa irratti hirmaannuuf hin jiru" jedhan.

    "Ijoolleen keenya hirmaatanii wabii nagaa hin qabani, haalli hirmaannaa kanaaf nu dandeessisus hin jiru" jedhan.

    Ji'oota saddeet ykn sagal darban waraana lamatu nurratti labsame, lammiilee keenya kumaan lakkaawamantu wareegame. Kanaafuu, gonkuma waancaa kanarratti wanti hirmaannuuf hin jiru" jedhan.

    Hogganaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Iraanis kaleessa haala itti Iraan Waancaa Addunya baranaatiif hirmaatturratti gaaffii kaasanii turan.

    Hogganaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Iraan, Meehdi Taaj, gareen dubartootaa Iraan tapha Awustiraaliyaatti taphatan booddee Viisaan namoomaa kennamuufii hordofee, rakkoo taphattoota dubaraa qunnamerraa kaanee Waancaa Addunyaarratti haalli wal fakkaataan waan uumamuu maluuf garee keenya gara US erguu hin dandeenyu jedhan.

    Waancaa Addunyaa baranaa US tu qopheessa.

    Kun kanaan osoo jiruu, Gareen kubbaa miillaa biyyaalessaa Iraan dorgommii Waancaa Addunyaa baranaa irratti hirmaachuu akka danda'an Pirezidant Tiraamp himee ture.

    Tiraamp waliin kan mari'ate Pirezidantiin FIFA Jiyaanii Infantiinoo waa'een hirmaannaa taphattoota Iraan yaaddo akka hin taane qondaala US kanarraa dhagahuu ibseera.

  7. UK fi Gamtaan Awrooppaa Israa'eliin haleellaa Westbaank irratti godhamu dhaabi jedhaniin

    UK fi Gamtaan Awurooppaa Israa'el haleellaa qubattoonni Jewish Westbaankitti erga waraanni Iraan dhalatee Paalestiinota irratti raawwatan akka dhaabdu gaafatan.

    Westbaanki keessatti Paalestiinonni jaha guyyoota 11 dabranitti haleellaa qubattootaan ajjeefamuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii hime.

    UK'n ajjeechaa kanaan rifachuu yoo ibsitu, Gamtaan Awurooppaa immoo sarbamani qubattootaan raawwatamu fudhatama hin qabu jedhe.

    Lamaan isaanituu aangawoonni Israa'el gaafatamummaa akka mirkaneessanii fi haleellaan dabalataa akka hin raawwatamne tarkaanfii akka fudhatan waamicha godhan.

    Waraanni Israa'el sarbama kana balaaleffateera. Kanneen gocha kana keessaa harka qaban akka gaafataman nan hojjedha jedhe.

    Israa'el erguma weerartee qubsuma Westbaanki fi Baha Jerusaalem 160 ta'an keessatti manneen 700,000 ijaarte. Paalestiinonni miliyoona 3.3 ta'an isaanuma cinaa jiraatu. Paalestiinonni dachii kana falmu.

    Qubannaan kun akka seera idil-addunyaatti seeran ala.

  8. Iraan gatiin boba'aa barmeela tokkoo $200 gala qophaa'aa jette

    Ajajaan waraana Iraan yaada kenneen gatiin boba'aa barmeela tokkoo $200 ni gala jechuun addunyaan akka qophaawu akeekkachiise.

    ''Gatii boba'aa barmeela tokko $200 galuuf qophaa'aa. Sababnisaas gatiin boba'aa tasgabbii naannichaa isin booressitanirratti hundaa'a.'' jedhe duubbii himaan ajaja waraanaa biyyatti Ebraahiim Zolfaaqaari.

    Yaadni kun dubbii Tiraamp ulaa Hormuuz tasgabbeessuu wajjin walqabsiisee deebii kennameedha.

  9. Gareen Biyyoota Badhaadhanii (G-7) kuusaa boba'aa isaaniirraa boba'aa gadlakkisuufi

    Gareen Biyyoota Badhaadhanii (G-7) sababa gatiin boba'aa addunyaa qaalayeef kuusaa boba'aa isaaniirraa boba'aa gadlakkisuuf waliigalan.

    Biyyoonni G-7 Ejensii Inarjii Idil-addunyaa (IEA) waliin erga mariyatanii booda, Roobii waaree boodarraa eegalee gabaa addunyaarratti qabiyyee guddaa dha kan jedhamu boba'aa kuusaa isaanii keessaa gad lakkisu.

    Waraanni Baha Jiddugaleessaatti dhalate boba'aa Ulaa Hormuz irraan daddabarfamuu fi qabiyyee boba'aa addunyaa 20% ta'u guutumatti akka hin geejjibsiifamne dhaabsiseera.

    Walitti bu'iinsi kun erga dhalatee kaasee gatiin boba'aa akka malee dabaleera.

    Gareen Biyyoota Badhaadhan (G-7) kuusaa isaanii keessaa boba'aa gadi lakkisuuf waliigalanis ogeeyyiin tarkaanfiin kun furmaata yeroo muraasaa akka ta'uu danda'u dubbatu.

    Ejensii Inarjii Idil-addunyaa (IEA) boba'anan barmeelli mil.300 - mil.400 gadi lakkisuu danda'u ibsameera.

    Boba'aan hagasii boba'aa bara 2022 yeroo Raashiyaan Yukireen weerartu gadi lakkifame dachaadhaan caala jedhameera,.

    Boba'aan hagasii dhiyeessii gabaa boba'aa addunyaa guyyoota lamaa ykn sadii yookin immoo boba'aa Ulaa Hormuz irraan torban lamaaf darbu qofa bakka bu'uu kan danda'u.

    Ministiroonni Inarjiii Garee Biyyoota Badhaadhan 7 (G-7) Roobii walgahii taa'an booda " Sadarkaa qajeeltootti, kuusaa boba'aa tarsiimawoo nta'an fayyadamuu dabalatee rakkoo kana furuuf tarkaanfiiwwan of eeggannoon guutaman hojiirra ni oolchuu ni deeggarra" jedhan.

    Biyyoonni miseensota Ejensii Inarjii Idil-addunyaa hundi haalli dhiyeessii boba'aa danqu yoo uumameef jecha boba'aa guyyoota 90f isaan barbaachisu kuusaa ofii keessaa qabaachuun isaanirraa eegama.

  10. Ejensiin Anniisaa Idila-addunyaa boba'aa barmeela 400mln qusannaarraa gadhiisuuf

    Ejensiin Anniisaa Idila addunyaa boba'aa sababa ulaan Hormuuz cufameen walhanqattee ta'e bakka buusuuf qusannaarraa barameela miiliyoona 400 akka baasii ta'u waliigalamuu beeksise.

    Hojigaggeessaa Olaanaan dhaabbatichaa Fatihaa Birool ibsa kennaniin biyyootni miseensa ejensichaa ta'an harki caalu boba'aan kun akka gadhiifamu sagalee kennaniiru jedhaniiru.

    Hammi boba'aa yeroo balaaf jedhamee ol kaahamee ture keessaa basii godhamu kun seenaa ejensichaa keessatti isa olaanaa ta'uu beeksisaniiru.

    Waraana Baha Gidduugalaatti deemaa jirurraa kan ka'e murteen kun darbuun ibsameera.

    Dhaabbaticha amma dura bara 1991, 2005, 2011, fi bara 2022 ammoo yeroo lama boba'aa qusannaarraa gadhiisuu ibseera.

  11. Meeshaaleen waraanaa US Iraan ittiin haleelaa jirtu maal fa’i?

    Meeshaan US waraana Iraan irratti fayyadamaa jirtu kam fa'i?

    Meeshaan humna qabeessi 'GBU-57A/B Massive Ordnance Penetrator' jedhamu kun ofiisaa boombii nukilaraa miti.

    Garuu handhuura meeshaalee waraanaa nukilaraa lafa jalatti ijaaraman diiguuf humna qaba. Kan qabu US qofa.

  12. Dooniiwwan daldalaa sadii ulaa Hormuuz irratti haleelaman

    Dooniiwwan daldalaa sadii ulaa Hormuuz irratti ''misaayeloota hin beekamneen'' haleelamuu gabaafame. Dooniiwwan haleelaman irraa aarrii fi ibiddi ni mul'ata. Doonii isa tokkorraammoo hojjettootni 23 baraaramaniiru.

    Dooniin hojjettootni irraa baraaraman kan Taayilaandi. Humni galaanaa Taayilaand ibsa baaseen osoo ulaa Homuuz keessa yabaluu dooniin daldalaa biyyattii kun haleelamuu ibseera.

    Maddi haleellaa kanaa qoratamaa jira jedha humni waraana galaanarraa biyyattii.

    Dooniin inni biraan miidhame qabeenyummaansaa kan Jappaan akka ta'e ibsameera. Doniin One Majesty jedhame haleellaa kanaan uraan cm 10 isa mudatee bakka itti dhaabatu barbaachatti akka jiru gabaafameera. Kan haleellaan irra gahe buufata doonii UAE irraa gara Kaabaatti 47km fagaatee bakka jirutti.

    Inni sadaffaan ammoo qabeneyummaansaa kan odolawwan Marshaall akka ta'e ibsameera. Doniin kunis Dubaayirraa gara Kaabaatti fageenya km92 irratti haleelame.

    Waraanni US dooniiwwan Iraan ulaa Hormuuz keessatti fanjii awwaalan 16 dhabamsiisuu gabaaseera. Pireezidant Doonaald Tiraampis dhimma fanjii wajjin walqabatee Iraaniin akeekkachiisee ture.

  13. Kibba Itoophiyaa Godina Goofaatti sigiga lafaa mudatee lubbuun namoota 30 caalanii darbe

    Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Gaamoo anaalee adda addaa keessatti wixata galgalarraa hanga bari’utti bokkaa walitti fufee roobe hordofuun sigigni lafaa mudatee lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa geessise.

    Bulchiinsi Godinichaa hanga ammaatti lubbuun namoota 30 sababa balaa kanaatiin darbuu ifoomse.

    Godina Gaamootti bulchaa aanaa Boonkee kan ta’an Obbo Daggifeny Dheenkoo BBCtti akka himanitti, kanneen balaa Kanaan lubbuun isaanii darbe keessaa sadii miseensota maatii tokkooti.

    “Wixata galgalarraa kan jalqabe walitti fufiinsaan hanga bari’utti roobaa ture. Balaan sigigaachuu kuni kan mudate barii naannoo sa’aatii 11tti. Aanaa keenya keessatti miseensota maatii tokko kan ta’an namoota sadii kan du’e. Kaan buqqaatii fi mancaatii qabeenyaa gahe” jedhan.

    Aanaan Biraa balaan sigigaachuu lafaa kuni lubbuu itti galaafate ammoo aanaa Kaambaa Zuuriyaa jedhamutti.

    Bulchaan aanichaa obbo Adee Alamuu akka jedhanitti balaa sigiga lafaa kanaan aanichatti maatiin 1000 ta’an qe’eerraa buqqa’aniiru.

    ''Aanaa keenyatti lubbuu nama lamaatu darbe. Maatiin 1000 ta’u qe’ee isaarraa buqqa’ee jira. Qabeenyi birrii miliyoona torbatti tilmaamamus manca’eera” jedhan. Yeroo ammaa kanas maatii qabeenyi isaanii jalaa manca’ee fi qe’eerraa buqqa’an kunneen hojiin deebisanii qubachiisuu hojjechaa jiraachuu himan.

    Bulchiinsi Godina Gaamoo balaa gahe kana ilaalchisuun ibsa gaddaa baaseen, bokkaa cimaa naannoo baddaa roobeen lubbuun lammiilee 30 darbuu ibse.

    Yeroo ammaattis lammiilee balaa Kanaan miidhaman gargaaruu fi balaan dabalataa akka hin qaqqabne hordoffii fi deeggarsa taasisaa jiraachuu akeeke.

    Balaawwan uumamaa akkanaa mudachuu isaatiin dura jiraattonni naannoo balaa sigiga lafaatiif saaxilame jiraatan ofeeggannoo dursaa akka taasisanis gorse.Balaa sigiga lafaa halkan Kibxatatti bari’u mudate Kanaan kanneen lubbuun isaanii darbeen alatti kanneen miidhaan irra gahe dhaabbilee fayyaa keessatti yaala argachaa jiraachuu qondaalonni Mootummaa BBCtti himaniiru.

    Waggoota lamaan dura balaa sigiga lafaa Godinuma Gaamoo aanaa Geezee Goofaa jedhamutti mudateen namootni 257 caalan lubbuun darbuun niyaadatama.

  14. Ulaan Hormuz maaliif addunyaaf murteessaa ta'e?

    Ulaa Hormuuz Baha Jiddu-galeessaatti argamu keessa ji'atti dooniiwwan 3,000 ta'antu ceha.

    Ulaa dooniiwwan addunyaa boba'aa baatan keessa cehan hojiin akka malee itti baay'atu dha. Boba'aan addunyaa 20% ulaa kanarraa dabarfama.

    Biyyoonni jikitaa boba'aa fi gaazii oomishuun beekaman Iraan, Iraaq, Kuweet, Sa'udi Arabiyaa fi UAE ulaa kanaan geejjibsiisu.

    Waraanni Baha Jiddu-galeessaatti dhalate kun garuu sosochii dooniiwwanii danqeera. Dooniiwwan 13 erguma waraanni kun eegalee haleelaman.

    Gatiin boba'aa barmeela tokkoo yeroo jalqabaaf Wixata dabre dolaara 100 caale. Tiraamp "waraanichi baay'ee hin turu ni xumurama" jedhee ture. Inni akkas jedhee gatiin boba'aa gadi bu'uu agarsiise. Dolaara 90 galeera. Ammas gatii waraanaan dura turee oli.

    Ulaawwan galaanaa sochiin godhamu laafuun gatii zayitaa akka ol kaasu, sochii geejjibaa fi oomishaa akka danqu yaaddoo uumeera.

  15. Erguma waraanni eegalee Baha Jiddu-galeessatti dooniiwwan 13 haleelaman

    Erguma waraanni eegalee Baha Jiddu-galeessaatti dooniiwwan 13 haleelamuu Tajaajilli Daldala Galaanarraa UK (UKMTO) beeksise.

    Dooniiwwan biroo afur haleelamuus shakkiin jiraachuu kan beeksise Tajaajilli kun kun dooniiwwan naannawa Galoo Galaanaa, Ulaa Hormuzii fi Galoo Galaana Omaan keessa socho'ani haleellaaf saaxilaman 17 gahuu akka danda'an mul'isa.

    Odeessi kun dooniiwwan daldalaa sadi haleellaa meeshaa waraanaa ammaaf adda hin baaneen haleelamuu hordofe ganama har'aa bahe. Sababa kanaan hojjettoonni Kaaba Omaanitti doonii danqamtee akka bakkasii bahan godhameera.

  16. Iraaq keessatti bakki dippiloomaatonni Ameerikaa jiraatan dirooniidhaan haleelame

    Haleellaan diroonii magaalaa guddoo Iraaq, Baagdaad bakka argama iddoo jireenyaa dippiloomaatota Ameerikaa ta'e irratti raawwate kun miidhaan qaqqabsiise hin ibsamne.

    Haleellaa kana hidhattoota Iraan deeggartu kanneen Iraaq keessa socho'atan raawwatan jedhame.

    Dirooniin kun teessoo dippiloomatota Ameerikaa kan handaara buufata xiyyaaraa magaalaa Baagdaad jiru irratti raawwatame.

    Bakki kun wiirtuu gargaarsaa fi tumsa dippiloomatota Ameerikaa ta'uun tajaajila.

    Rooyitarsi maddeen keessa beekan wabeeffachuun akka gabaasetti haleellaan diroonii kun gamoo miidheera.

    Akka gabaasa Washingitan Post'tti ammoo dirooniiwwan gara gamoo kanaatti ergaman ja'a keessa shan qilleensarratti rukutamuun kufaniiru.

    Gama kaaniin kaaba Iraaq bakka Erbil jedhamutti dirooniiwwan sadi qilleensarratti qolatamaniiru. Kanaanis miidhaan qaqqabe hin ibsamne.

    Buufati humna waraanaa US cinaa buufata xiyyaaraa Erbil keessatti argamuu jira. Iraan haleellaa haaloo ba'uuf gaggeessituun bakka kanarratti xiyyeeffatteetti.

  17. Iraan baankiiwwan US fi Israa'el naannocha keessa jiran akka haleeltu akeekkachiiste

    Dubbi himaan ajaja humna waraanaa Iraan Khatam al-Anbiya jedhamuu, haleellaa Iraan keessatti baankiiwwan irra ga'aa jiru haaloo ba'uuf, baankiiwwan US fi Israa'el naannocha keessatti argaman hleeluu akka danda'an akeekkachiise.

    Imraahim Zolfagarii ''namoonni naannocha keessa jiran bakka baankiiwwan kunneen jiranitti fageenya kiilomeetira tokkoo keessatti argamuu hin qaban,'' jedhe.

    ''Diinni akka nuti giddugala diinagdee fi baankiiwwan isaanii haleellu daandii saaqaniiru. Baankiiwwan US fi Israa'el ni haleelamu,'' jedhe.

    Miidiyaan Iraan akka gabaasetti gamoon baankii mootummaa biyyattii magaalaa Tehraan keessatti argamu Sepah Bank haleelameera.

    Kibxata tajaajilli baankiiwwan mootummaa lameen- Sepah fi Melli adda cituu miidiyaaleen Iraan gabaasaniiru.

    Haleellaan diroonii fi misaa'elaa Iraan gara Israa'el fi buufataalee waraanaa US naannocha keessatti argaman irratti raawwattus itti fufeera.

    Biyyoonni Baha Giddugaleessaa haleellaa Iraan ofirraa qolachuurratti xiyyeeffatanii akka jiran ibsaa jiru.

    Omaan diroonii Iraan tokko rukuttee kuffisuu fi kana ammoo galaana keessatti dhidhimsuu himte.

    Qataar ammoo misaa'eloota Iraan irraa dhukaafaaman qolachuu ibsite.

    Duraan Iraan oppireeshinii kanaan dirooniiwwan fi misaa'eloota 35 gara Iraan dhukaasuu ibsitee turte.

  18. Tiraamp ''taphattoonni Iraan Waancaa Addunyaarratti hirmaachuu danda'u jedheera''- Infantiinoo

    Gareen kubbaa miillaa biyyaalessaa Iraan dorgommii Waancaa Addunyaa baranaa irratti hirmaachuu akka danda'an Pirezidant Tiraamp himeera.

    Tiraamp waliin kan mari'ate Pirezidantiin FIFA Jiyaanii Infantiinoo waa'een hirmaannaa taphattoota Iraan yaaddo akka hin taane qondaala US kanarraa dhagahuu ibseera.

    Biyyi Iraan waliin waraanatti jirtu Ameerikaan- Kanaadaa fi Meksikoo waliin ta'uun Waancaa Addunyaa 2026 qopheessiti.

    Gareen kubbaa miillaa Iraan gulaallii Waancaa Addunyaa kan darban yoo ta'u taphoota sadi US keessatti gaggeeffaman irratti ni hirmaatu.

    Jiyaanii Infantiinoo ''wayita waa'ee hirmaannaa taphattoota Iraan Tiraamp waliin mari'annu pirezidantichi 'sirriitti, hirmaachuu danda'u'. US keessatti hirmaachuu wanti isaan dhorku hin jiru,'' jechuunii Instagram isaarratti maxxanse.

  19. Hogganaan Olaanaa Iraan madaa'anillee 'nagaa qabu' - Ilma Pirezidantii Iraan

    Hogganaan Olaanaa haaraa Iraan Mojtaabaa Kameenii oduun madaa'an jedhu dhaga'amaa jiraatullee 'nagaa qabu' jedhameera.

    'Nagaa ta'uu' hogganaa olaanaa kanaa kan himan ammoo ilma Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaanidha.

    Yusuuf Pezeshkiyaan fuula Telegram irratti hogganaan olaanaa mada'aniiru "oduu jedhu dhaga'eera" jedhe.

    "Hiriyoota baayyee kallattin isaan qunnaman gaafadheera, isaanis akkas jedhan: Ayyaana Waaqayyoon, inni nagaa qaba, rakkoon hin jiru," jedhe.

    Kanaan dura Mojtaabaa Kameenii ibsa tokkollee akka hin baasne ykn erga filatamee ifatti ummatatti hin mul'anne gabaasnee turre.

    Odeeffannoo dabalata adhimma kanarrati: