Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraan ollootasheee haleelte dhiifama gaafattus haleellaan itti fufe

Pirezidantiin Iraan biyyoota Baha Giddugaleessaa haleeluusaanii dhiifama gaafachaa yeroo jirutti, dirooniin buufata xiyyaaraa Dubaayitti dhiyoo haleele. Buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Dubaayitti dhiyoo dhohisi dhaga'amuu BCn viidiyoo haleellaa gaggeeffame agarsiisurraa mirkaneeffateera.

Guduunfaa

Tiraamp gaggeessaa Iraan haaraa ofii keenyaa filuu barbaanna jedhe; Iraan tole jettii?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Fedhii waraana kana qabbaneessuuf qabnu Tiraampitu bishaan itti naqe- Iraan

    Waraana USfi Israa'el wal-ta'uun Iraan wajjin wal-loolaa jiran kana Iraan qabbaneessuf fedhii qabaattus Tiraamp fedhii akka hin qabne Ministiirri Dhimma Alaa biyyattii beeksisan.

    Abbaas Araagchii "Iraan waraanni akka tasgabbaa'u fedhii qabdi ture" jechuun Tiraamp garuu "fedhii waraana qabbaneessuu qabnu ni ajjeese" jedhan ibsa har'a kennaiin.

    Tiraamp gamasaan Iraan kana booda "yaaddoo Baha Giddugaleessaa hin taatu" jechuun dandeettii waraanaa ishee mancaasaa jirra jedhe.

    Dabaluunis, dooniwwan waraanaa Iraan 42 mancaasuus ibse Tiraamp. Iraan haal-duree tokko malee harka akka laattus ibsuunsaa ni yaadatama.

    Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii deebii Tiraampiif kennaniin, Tiraamp "dandeettii [waraanaa] kutannoofi cichoomina Iraan sirriitti hin hubanne" jedhan.

  2. Iraan gaggeessaa olaanaa sa'aatii 24 keessatti ifa gochuu malti- miidiyaa Iraabn

    Iraan nama bakka gaggeessaa olaanaa haleellaa USfi Israa'eliin ajeeffaman Ayaatolaa Alii Kameenii bakka bu'u sa'aatii 24 keessatti ibsuu akka dandeessu Fars News gabaase.

    Miseensa mana maree gaggeessaa olaanaa Iraan filatu kan ta'an qondaalli olaanaan Iraan Hoseen Mozafaarii miidiyaa biyyattiitti akka dubbatanitti, sa'aatii 24 keessatti gaggeessan olaanan filamee "ifa ta'a jedhee abdiin qaba" jedhan.

    Gaggeessaa olaanaa Iraan kan filatu Mana Maree Beektotaa Iraan jedhamuun beekamu yoo ta'u, Hoseen Mozafaarii miseensa mana maree kanaati.

    Ergaa lammiilee biyyattiif dabarsaniin, hanga namni filame ifa ta'utti uummanni biyyattii ebelutu Ayaatolaa haaraa ta'a jechuurraa akka of qusatan dubbatan.

    Ayaatolaa Alii Kameenii erga ajjeefamanii booda ilmi isaanii Mojtaabaa Kameenii bakka isaanii bu'a jedhamee gabaafamaa ture.

  3. Israa'el haleellaa buufata xayyaaraa irratti gaggeessiteen xayyaarota Iraan 16 mancaasuu himte

    Israa'el haleellaa buufata xayyaaraa magaalaa Tehraanitti argamutti gaggeessiteen xayyaarota Humnoonni Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan itti fayyadaman 16 mancaasuu ibsite.

    Haleella halkan edaa Buufata Xayyaaraa Mahraabaad kan magaalaa Tehraanitti argamutti haleellaa gaggeessiteeni xayyaarota kanneen mancaasuu kan ibsite.

    Humni Waraanaa Israa'el ibsa baaseen, Eegdonni Waarraaqsaa Iraan xayyaarota kanneen meesha waraanaafi maallaqa itti fe'uun humnoota Baha Giddugalaa keessa socho'an kanneen akka Hezbollaa fa'aaf geessuf qophiirra turan.

    Buufanni Xayyaaraa Mahraabaad buufataalee xayyaaraa Iraan imaltoota heddu keessummeessuun beekamuudha.

    Xayyaarota 16 buufata xayyaarichaa keessa turaniin alatti xayyaaronni waraanaa biroos haleelamuu ibse humni waraanichaa.

  4. US doonii waraanaa Iraan 42 mancaaste- Tiraamp

    Humni waraanaa US dooniwwan waraanaa Iraan 42 haleeluun mancaasuu Doonaald Tiraamp ibse.

    Tiraamp ibsa har'a kenneen waraana Iraan waliin gaggeessaa jiraniin "haala gaariin lolaa jirra" jechuun humna waraanaa dadhabsiisaa jiraachuu dubbate.

    US guyyaa sadi keessatti "dooniwwan waraanaa 42 mancaastetti" jechuun humna qilleensaafi telekominikeeshiinii Iraan illee mancaasuu hime.

    Tiraamp Filooriidatti erga haasaa taasisee booda maatii loltoota Ameerikaa waraana kanarratti du'an dubbisuun jajabeessuu akka deemu ibse.

    Waraana kanaan hanga danda'ametti lakkoofsi loltoota US xiqqaatu gochuuf akka hojjatus ibse.

    Waraana US-Israa'el fi Iraan gaggeessaa jiraniin hanga ammaa loltoonni US jaha du'aniiru.

  5. Balaa lolaa Keeniyaa, maagaalaa Naayiroobitti mudateen namoonni 23 du'an- gabaasa

    Rooba cimaa roobeen magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobitti namoonni 23 balaa lolaan du'uu poolisiin biyyattii beeksise.

    Rooba cimaa halkan edaa, Jimaata, rooben yoo xiqqaate namoonni 23 yoo du'an konkolaatawwan heddu lolaadhan fudhatamaniiru.

    Kanneen lolaadhaan fudhataman keessaa namoonni 30 lubbuun baraaramuu poolisiin beeksise.

    Hojjattoonni gargaarsaafi balaa yeroo tasaa Sambata reeffa namoota lolaan fudhatamanii barbaaduun baasaa oolan.

    Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo erga miidiyaa hawaasaa irratti dabarsaniin gadda itti dhagahame ibsuun hojjattoonni yeroo balaafi loltoonni bobba'uun hojii lubbuu baraaruu irratti akka xiyyeefatan ajajuu ibsan.

    "Deeggarsi nyaataa kuusaa yeroo balaa biyyaalessaaf qophaa'e keessaa baafamee maatii namoota balaa lolaa kanaan miidhamaniif akka raabsamu ajajeera," jedhan Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo.

    Daandiin Qilleensa Keeniyaa sababa lolaatiin balaliin danqamuurraa kan ka'e Xayyaaronni Buufata Xayyaaraa Joomoo Keeniyaataa qubachuuf turan gara Mombaasaa akka deebi'an gochaa turuu ibse.

    Suurawwaniifi viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa turan, namoonni hedduun daandirratti yeroo danqamaniifi lolaan karaa cufee imalli bakka garaa garaatti danqamee mul'ata.

  6. Hezbollaan buufata waraaanaa Israa'el haleeluu ibse

    Israa'el waliin lolatti kan jiru Hezbollaan buufata waraanaa Israa'el misaa'elaan haleeluu beeksise.

    Garichi fuula Telegiraamii isaa gubbaatti akka beeksisetti, har'a waaree booda buufata waraanaa Doodoo jedhamu kan kaaba baha Israa'elitti argamu misaa'elaan haleele.

    Haleellaa Israa'el magaalaa Beeruut dabalatee Kibba Libaanos bakkeewwan garaa garaatti gaggeessaa jirtu hordofee deebii kennuuf misaa'el Israa'elitti dhukaasuu ibse Hezbollaan.

    Israa'el US waliin ta'uun Iraan waliin lola gaggeessuu cinaatti, ollaashee kan taate Libaanos keessattis haleellaa gurguddaa gaggeessaa jiraachuu ibsite.

    Loltoonni biyyattii Kibba Libaanos bakkeewwan tarsiimawaa ta'an akka qabatanis ajajjee jirti.

    USfi Israa'el wal-ta'uun Iraan halelluu hordofee Hezbollaan Iraanirra goruun Israa'el irratti dhukaasuu eegale.

  7. Dhaabbileen boba’aa Ameerikaa hojjettoota isaanii Iraaq keessaa baasuu jalqaban

    Dhaabbileen boba’aa biyyoota alaa Baha Giddu Galeessaa keessatti hojjatan hojjettoota isaanii Iraaq keessaa baasuu akka jalqaban ibsame

    Suuraaleen Rooyitars argate akka agarsiisutti hojjettoonni boba’aa daangaa Iraaq Safwaan qaxxaamuranii gara Kuweetitti ce'aa jiru.

    "Hojjetoonni biyyaoota alaa sababa yaaddoon nageenyaa Iraaq keessatti mul'ateef ba'aa jiru. Yeroo dhiyootti garamitti akka deeman ni ilaalla," jechuun itti gaafatamaan nageenyaa dhaabbata boba'aa Ameerikaa Halliburton kan ta'an Mohaammad Tameh Rooyitarsiitti himaniiru.

    Waraana Iraan torban tokkoof ture keessatti dhaabbileen oomishaa fi raabsaa boba’aa irratti xiyyeeffatamaa tureera.

    Dhaabbanni boba'aa Ameerikaa HKN ''gareewwan seeraan alaa Iraaq keessa socho'aniin'' haleellaa irra ga'uu isaa erga gabaafamee booda biyyattii keessatti hojii dhaabuuf dirqamera

    Buufatni waraanaa fi oomishtoonni boba’aa lola Iraan, Ameerikaa fi Israa’el jalqabaniif haaloo ba’uuf kan irratti xiyyeeffataman keessaa tokko.

    Ganama kana Koreen Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan doonii boba’aa fe’u kan ulaa Hormuz keessa darbaa ture haleeluu isaa beeksisee ture.

  8. Yunaayitid Arab Emireetis har'a misaa'ela bilaastikaa Iraan 15 fi diroonii heddu qoladhe jette

    Yunaayitid Arab Emireetis har'a qofaa misaa'eloota baalistikii 15 fi dirooniwwan 119 itti dhukaafame qolachuu beeksifte.

    Dirooniwwan 121 keessaa 119 kuffisuu yoo ibsitu lama ammoo daangaa biyyattii keessatti kufe jedhame.

    Iraan biyyoota ollaarratti hin dhukaasu jechuun kana dura isa itti dhukaasaa turteef illee dhiifama gaafattetti.

    Haa ta'u garuu ammayyuu dhukaasuu hin dhiisne. Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan biyyoota ollaa dhiifama gaafachuun "kana booda loltoonni keenya akka ollaatti hin dhukaasne ajaji kennameera" jechuun ibsan.

    Garuummoo buufataalee waraanaa US biyyoota Baha Giddugaleessaa keessaa qabdu irraa haleellaan yoo irratti gaggeeffame Iraan haleellaa akka itti fuftu ibsan Pirezidaantichi.

    Iraan torban kana haleellaa biyyoota Galoo Galaanaa irratti gaggaeessaa jirtuun Yunaayitid Arab Emireets irratti addumatti xiyyeeffatteetti.

    Hanga ammaa UAEtti namoonni sadi yoo du'an 112 ammoo madaa'aniiru.

  9. Dirooniin yeroo Buufata Xayyaaraa Dubaayi haleelu daawwadhaa

    Viidiyoon kun yeroo dirooniin Buufata Xayyaara Dubaayi haleelu agarsiisa.

    Iraan biyyoota ollaasheerratti halellaa akka hin gaggeessine waadaa galuun dhiifama gaafattee turte.

    Haa ta'u garuu ergasii dirooniin yeroo Buufata Xayaaraa Dubaayi haleelu agarsiisu qoodamaa jira.

    Daawwadhaa!

  10. Iraan "tasumaa harka hin laadhu" jette

    Wayita waraannni Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti banan torban lammaffaa qabachaa jirutti, Ameerikaan Iraan haalduree tokko malee akka harka kennattu gafatterti.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan qaraqara badii irraa deebi'uuf haalduree tokko malee harka kennachuun gara mariitti akka deemamuu kaleessa waamichaa taasisan.

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshikiyaan Iraan “gonkumaa harka hin kennitu” jechuun waamicha Tiraampii kan Iraan “haalduree tokko malee harka haa kennattu” jechuun dhiyeessan kuffisaniiru.

    Lammiileen Iraan sagalee dho’iinsa gurguddaa Tehran fi magaalota biroo hedduu keessatti mudatuun yaaddoo fi cinqama guddaa keessa jiru.

    Angawoonni Iraan haleellaa halkan tokkotti iddoowwan waraanaa fi tarsiimoo irratti xiyyeeffate hedduun itti dhukaafamuufi sirni ittisa qilleensaa isheen hedduu qolachuu himu.

    Iraan gama isheen israa'elii fi biyyoota kaan diroonii fi misaa'elan haleelaa kn jirtu yoo ta'u garuu kana booda yoo isaan dursanii haleelan malee biyyota ollaa ishee akka hin haleelle ibsiteerti.

    Haleellaan daran jabaataa jiru kun ammalee tasgabbii baha giddu galeessaa daran hammeessuu akka danda'uu yaaddoon itti fufeera. Ammatti mallattoon gara marii fi araaratti deemuu mul'ataa jirus hin jiru.

  11. Raashiyaan waraanni Iraan hatattamaan akka dhaabatu gaafatte

    Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waraanni US-Israa'el fi Iraan gaggeessaa jiran hatattamaan akka dhaabatu gaafatan.

    Marii karaa bilbilaa pirezidaantii Iraan Masuud Pezeeshkiyaan waliin taasisaniin, "lammilee nagaa Iraan waraana kanaa du'aniif gaddi itti dhagahamuu ibsuun waraanni kun hatattamaan akka dhaabatuuf waamicha gochuusaanii Rooyitars gabaase.

    Waraana akka mala rakkoo ittiin furaniitti itti fayyadamuun sirrii akka hin taane ibsuun, waraanni kun akka dhaabbatuuf ejjannoo Raashiyaa ta'uu Pirezidaant Puutiin Iraaniif mirkaneessuu waajjirri isaanii beeksise.

    Biyyoonni sadanuu: US, Israa'elifi Iraan waraana dhaabuun hatattamaan gara mariitti akka deebi'aniif biyyoota Galoo Galaanaa wajjin itti fufiinsan wal-qunnamaa akka jiranis Puutiin ibsaniiru.

    Iraan yeroo waraana keessa jirtu kanatti Pirezidaant Puutiin bilbiluun iyyaafachuusaaniif Pirezidaant Maasuud Pezeshkiyaan galateeffachuusaaniis ibsameera.

  12. Iraan doonii boba'aa feetee imalarra turte Ulaa Hoormuzitti haleele jette

    Humnoonni Eegumsa Warraaqsa Islaamaa (IRGC) doonii boba'aa feetee Ulaa Hormuuz qaxxaamuruuf turte haleeluu beeksis.

    Humnoonni Iraan ibsa Telegiraamii irratti baasaniin, tankariin boba'aa feetee deemaa turte akeekkachiisi si'a heddu kennamuuf illee diduun qaxxaamuruuf yaallaan Ulaa Hormuuz irratti dirooniin haleelamuu ibse.

    Itti dabaluunis dooniwwan boba'aafi meeshaalee daldalaa fe'aniifi kan biyyoota diina Iraan ta'anii karaa Ulaa Hormuuz akka hin dabarree dhorkamuufi didanii qaxxaamuruuf yoo yaalan akka haleelaman ibse.

    USfi Israa'el haleellaa Iraanirratti banuu hordofee Iraan Ulaa Hormuuz cufuun dooniwwan karaa sana akka hin imalle akeekkachiistee turte.

    Ulaan Hormuuz Iraaniin kan to'atamu yoo ta'u, ulaawwan geejjiba galaanarraa murteessoo ta'an keessaa tokkoodha.

    Dhiyeessin boba'aa addunyaa dhibbeentaa shan ta'u karaa Ulaa Hormuuz kana darbuun biyyoota garaa garaatti geeffama.

    Odeeffannoo dabalataa waa'ee Ulaa Hormuuzifi barbaachisummaa inni addunyaarratti qabuu asii argachuu dandeesse: Ulaan Hormuz Iraan ittiin addunyaa doorsiftu maali? Eessatti argama?

  13. Iraan biyyoota ollaa hin haleelu jette, garuu haal duree keesse

    Iraan biyyoota ollaashee hin haleelu jechuun ibsite. Haa ta'u garuu, biyyoota kanaaf haal duree tokko keessetti.

    Biyyoonni Baha Giddu Galeessaa buufata waraanaa USdhaaf kennan irraa haleellaan irratti hin gaggeeffamu taanan, isheenis akka isaan hin haleelle ibsite.

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan har'a, Sambata, akka ibsanitti buufataalee waraanaa US biyyoota Baha Giddugaleessaa irraa haleellaan irratti hin aggaamamu taanan Iraan biyyoota kanneen akka hin haleelle Rooyitars gabaase.

    Manni maree yeroof Iraan bulchu biyyoota ollaa irratti haleellaa gaggeessuun akka dhaabbatu murteessufi Pirezidaant Maasuud Pezeeshkiyaan murtee kana raggaasisuu isaanii ibsa gabaasi kun.

    Waraana US-Israa'eliifi Iraan gaggeessan guyyaa 8ffaa qabateen, haleellaan itti fufeera. Israa'el buufata xayyaaraa Iraan dabalatee magaalaa Teehraanirratti haleellaa cimaa gaggeessaa buluu beeksifte.

    Iraanis misaa'elaan Israa'elifi US haleeluu itti fufteetti.

  14. Liigiin Arabaa haleellaa Iraan irratti wal gahii hatattamaa gaggeessufi

    Ministiroonni dhimma alaa Liigii Arabaa Dilbata baruu walgahii hatattamaa gaggeessuun haleellaa Iraan miseensota garee kanaa hedduu irratti raawwatte irratti mari’achuuf ta'uu isaanii Itti aanaan barreessaa olaanaa Liigii Arabaa AFPtti himaniiru

    Walgahiin kun karaa viidiyoo konfiraansiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, Kuweet, Sa’uudii Arabiyaa, Qaxar, Omaan, Joordaan fi Masriin kan gaafatan ta’uu Hossam Zakiin himaniiru.

    Humnoonni Ameerikaa fi Israa’el haleellaa Iraan irratti banuu hordofee, Iraan biyyoota Galoo Galaanaa irratti raawwateen haaloo baateetti.

    Barreessaan olaanaa Liigii Arabaa Ahmed Abohul Geetii kanaan dura haleellaa Iraan kana balaaleffachuun, “guutumaan guututti kan ceepha’amu” fi “seera addunyaa fi Chaartara UN ifatti cabsuu qofa osoo hin taane, qajeeltoowwan ollummaa gaarii irrattis haleellaa raawwachuudha” jedhan.

    Itti dabaluudhaanis haleellaan kun “Iraanii fi biyyoota ollaa ishee Arabaa gidduutti diinummaa kanaan dura hin argamne uuma” jjechuun ibsan

    “Kun dogoggora tarsiimoo Iraan guddaa yoo ta’u, haleellaawwan kana hatattamaan dhaabuun akka sirreessan abdiin qabas”jedhan.

  15. Iraan biyyoota ollaa isheetti boombii roobsaa jirti

    Gabaasaaleen ba'aa jiran akka mul'isanitti humni waraanaa Iraan biyyoota ollaa bakka buufataleen Ameerikaa jiran Dirooniin haleelaa jirti.

    Dhiyeenya Dubaayi keessatti dhoyiin guddaan dhaga'ameera. Abu Daabii fi Kuweet irratti ammoo haleellan boombii rawwatameera.

    Waraanni Iraan har’a haleellaa diroonii buufataalee Ameerikaa Abu Daabii fi buufata Al-Adirii Kuweet irratti xiyyeeffate raawwachuu isaa ibseera.

    AFP akka gabaasetti har’a ganama Dubaayi fi magaalaa guddoo Baahireen Manamaatti dhohinsi dhaga’ameera.

    Ministeerri Biyya Keessaa Baahireen jiraattonni magaalattii ''bakka nageenya qabu dhiyoo jirutti akka deeman'' gaafateera.

    Angawoonni Dubaay haleellaa misaa'ela Iraan irraa itti dhukaafamaa jiru qolaachaa jiraachuu ibsan.

    Xiyyaaronni hedduun Dubaayi qubachuuf turan sababa haleellaa kanaan samiirra naana'aa jiru.

    Weebsaayitoonni balalii hordofan akka agarsiisanitti xiyyaaronni ja’a ol buufata xiyyaaraa Dubaayitti qubachuuf qophaa’aa turan amma qilleensa keessa naanna’anii qubachuuf yeroo tasgabbii eegaa jiru.

    Daandiin Qilleensaa Immireet balalii gara Dubaayittis ta'ee Dubaayi irraa taasifamu hunda yeroof adda kutuu isaa maamiltootasaa beeksiseera.

  16. Tiraampi Ameerikaan oomisha meeshaalee waraanaa dachaa afuriin guddisuuf ta'uu himu

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp Ameerikaan oomisha meeshaalee waraanaa olaanoo dachaa afuriin guddisuuf oomishtoota waliin waliigalteerra gahuu dubbatan.

    Iraan waraana yeroo dheeraaf qophaa'uu ishee ibsuu hordofee dhaabbilee Ameerikaa meeshaa waraanaa gurguddoo oomishan waliin wal argananii kan mari'atan Pirezdaantichi, meeshalee waraanaa sadarkaa olaanaa saffisaan oomishuuf waliigaluu isaanii beeksisaniiru.

    Tiraamp toora miidiyaa hawaasaa Truth' irratti akka barreessantti, ''dhiyeessiin keenya misaa'ela fageenya gidduu galeessaa fi sadarkaa olaanaa kan akka Iraan fi tibba darbe Veenzuweelaa keessatti fayyadamne daangaa hin qabu,'' jedhan.

    Waraana Iraan torban tokko guute keessatti dhimmoota ka'aa jiran keessaa tokko dandeettii kuufama meeshaa waraanaa, waraanicha itti fufsiisuu danda'u qabaachuu fi dhiisuu isaati.

    Ministirri Ittisaa Ameerikaa Pete Hegset ibsa Kamisa darbe kennaniin dhimma kana ibsaniiru.

    Ministirichi Ameerikaan ''hanqina meeshaa hin qabdu'', hanga barbaaddetti haleellaa ishee itti fufuu dandeessi jedhan.

    Yaaduma kana irra deebiin kan ibsan Pirezidaanti Tiraamp, "Haa ta'u malee, ajaja sadarkaa dhiyeessii keessumaa misaa'eloota fageenya giddu galeessaa fi ol'aanaa daballeerra" jedhan.

    Gosti meeshaalee Twaraanaa sadarkaa olaanaa Tiraamp ibsan yeroo baayyee meeshaalee addaa, qaalII ykn teeknikaa olaanaan hojjataman kan agarsiisu ta'uu Asoosheetid Prees gabaaseera.

    Kunis meeshaalee waraanaa kanneen akka misaa'ela haaypersoonikii ykn fageenya dheeraan furguggifaman kanneen kana dura barame caalaa baay'inaan xiqqaa ta'an akka dabalatu ibsameera.

    Garuu Tiraamp meeshaaleen kamfaa dachaa afuriin oomisha dabaluuf akka jiran bal'inaan hin ibsine.

  17. Tiraamp gaggeessaa haaraa Iraan eenyu ta'uu akka qabu filachuu barbaanna jedhe

    Ayaatolaa Alii Kameenii erga ajjeefamanii gaggeessaa haaraa Iraan eenyu ta'uu akka qabu filachuu akka barbaadu Tiraamp dubbate.

    Iraan waraana keessa osoo jirtuu bakka Ayaatolaa kan bu'u beeksisuuf jetti; haa ta'u garuu Tiraamp filannoo gageessaa haaraa Iraan keessatti hirmaachuu qabna jedhee ture.

    Amma immoo eenyu Iraan gaggeessuu akka qabu "ofii keenyaa filuu barbaanna" jechuun dubbate.

    Kun Iraaniif waan liqimfamu hin fakkaatu. Gaggeessaan Ayaatolaa Alii Kameenii bakka bu'u kaayyoosaanii kan galmaan gahuudha jechuun Iraan beeksifteetti. Kana jechuun, namni haaraa bakka bu'u akkuma Ayaatolaa duraanii USdhaaf kan gadi hin jenne ta'a jechuudha.

    Gama biraan ammoo Iraan US irraa amantaa hin qabdu. Yeroo lama dhimma Nikularaa irratti US waliin mariif teessee, si'a lachuu duuban waraanni irratti banameera waan ta'eef.

    Iraan biyyoota lama: USfi Israa'el waliin yeroo waraana keessa jirtu kanatti gaggeessaa US waliin hojjatu filatti moo akkuma Ayaatolaa Alii Kameenii kan dura dhaabbatu filatti kan jedhu ifa miti.

    Qondaalota siyaasaa Iraan gidduutti garaa garummaan ilaalchaa erga mudatee bubbuleera. Kanneen jijjiirama fudhachuun biyyoota Lixaa diinomfachuurra waliin hojjachuu filatan jiru. Kaan ammoo ejjannoo warraaqsa Islaamaa Iraanitti cichuu kan barbaanis jiru.

    Garuummoo gareen lachuu waa tokkorratti walii galu- bifa kamiinuu aangoo mootummaa harkaa qaban tursiisuu irratti.

  18. Raashiyaan bakkeewwan argama humnota Waraana Ameerikaa dhoksaan Iraaniif odeeffannoo kennaa jirti- Maddeen

    Raashiyaan ragaa buufataalee Ameerikaa dabalatee bakka humnoonni Ameerikaa jiran deeffannoo dhoksaa Iraaniif kennaa akka jirtu maddeen miidiyaa gabaasaniiru.

    Michuu BBC kan ta'e CBS News, qondaala olaanaa Ameerikaa dhimmicha itti dhiyeenyaan beekuu dabalatee maddoota maqaan isaanii hin ibsamne sadii dhimmicha quba qaban waabefachuun gabaasera.

    Gaazexaan Waashingitan Poost Jimaata darbe qondaaltota sadii odeeffannoo basaasaa kana beekan wabeeffachuun akka gabaasetti, Raashiyaan odeeffannoo xiyyeeffannoo Iraaniif bakka dooniiwwan waraanaa fi xiyyaaronni Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa keessatti argaman dabalatee odeffannoo heddu kennaa jirti.

    Miidiyaaleen mootummaa Raashiyaa kanaan dura akka gabaasanitti dubbi himaan Vilaadmiir Puutiin Raashiyaan hoggansa Iraan waliin ''marii'' geggeessaa jirti jedhani ture.

    Dubbi himtuun Waayit Haawus deeggarsa Raashiyaan Iraaniif goote jedhame irratti kallattiin yaada hin kennine.

    Dubbi himtuun Waayit Haawus Aanaa Keeliin ibsa dhiima kana irratti miidiyaaleen gaafataniif utuu deebii hin kennin ''sirni mootummaa Iraan guutummaatti daakamaa jira,'' jedhan.

    "Haaloo ba'iinsi misaa'ela balistikii isaanii guyyaa guyyaan hir'achaa dhufeera, dooniin galaanaa isaanii haxaa'amaa jira, dandeettiin oomisha isaanii barbadaa'aa jira, bakka bu'oonni isaaniis baay'ee rakkachaa jiru'' jechuun dubbi himtuun Waayit Haawus Aanaa Keeliin kan ibsan