Poop Liyoon daawwannaa isaanii biyya Afrikaa, Kaameruun irratti haasawa godhaniin hogganoota waraanaf dolaara biliyoonota dhangalaasan qeeqan. Dubbiin isaanii kun Donaald Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti irra deebiin isaan qeequu hordofee waan dhagahame.
Haasawa kutaa bulchiinsa Baamendaa [iddoo waraanni miidhetti argamtu], keessatti godhaniin phaaphaasichi "kanneen maqaa Waaqaa fedhii waraanaa, diinagdee fi bu'aa siyaasaa isaaniif itti fayyadamanii fi amantii micciiranii" balaaleffatan.
Jeequmsa dhugeeffachuuf amantaatti dhimma bahuu akka dhaaban akeekkachiisan.
Naannawa hawaasa walitti bu'iinsaaf waggoota kurnan hedduu danqama gidduutti argamuu haasawa kan godhan dureen bataskaana Kaatolikii Roomaa, "nagaaf waamicha dhiyeessuun dhufe" jedhan. "Uummanni asii garuu ofiifuu waamicha dhiyeessuun, addunyaaf waamicha nagaa dhiyeessuun na simate" jedhan.
Waraanni kasaaraa lubbuu lammiilee dhaqqabsiisus dubbatan Liyoon. Addunyaan maaliif dursa akka kennitu irratti waraanni madaallii dhabsiisa jedhan.
"Gooftoliin waraanaa waraanni waan waraanni yeroo gabaabaatti mancaasu barootaaf deebisanii ijaaruun akka hin danda'amne kan hin beekne of fakkeessu" jedhan.
"Dolaarri biliyoonaan lakkaawaman ajjeechaa fi mancaatiif dhangalaafamu, qabeenyi fayyinaaf, barnootaa fi dandamannaaf bahu garuu eessaallee hin argamu."
Poop Liyoon "haalli kun karaa murteessaan jijjiiramuu qaba", jechuun obbolummaa ilmaan namaatiif waamicha godhan.
Abdiis dubbatanii jiru Poop Liyoon.
"Addunyaan akkuma abbootii irree hedduudhaan raafamaa jirtu, kanneen obbolummaa fi gaarii ta'ani hedduus qabdi".